Ergaawwan filannicha ilaalchisuun darban keessaa

Kutaa Qophiitiin

Doktar Abiyyi Ahmad

Filannoon baranaa bifa hundaan kan nama gammachiisuu ta’uufi ogeessonni miidiyaa kuma lamaafi 70 ol buufatalee filannoo adda addaatti bobba’anii kallattiin dabarsuunsaanii seenaa Itoophiyaa keessatti isa jalqabaati.

Bara filannoo 1997tti miidiyaaleen Oromiyaa, Amaaraa, Waaltaa, Faanaa jedhaman akka hinjirreefi ‘ETV’ qofti turuu eeranii, inni ammaa kanarraa adda ta’uunsaa ummanni kallattiin akka ilaalan taasifamuu kaasu.  

Gama nageenyaatiin yoo ilaalames dhaabbileen nageenyaa hundi filannicha kallattiin hordofaa jiraachuu kan himan Doktar Abiyyi, miirri ummataa yoo ilaalamu filannichi gama hundaan kan kanaan duraarraa fooyya’aa ta’uu ibsu.  

Paartiileen dorgomtootaa mo’anis mo’atamanis mormii alaatiif otoo gurra hinkenniin filannoorratti hirmaachuusaaniitti galateeffatanii, bu’aan filannichaa kan murtaa’u boordii filannootiin ta’uus ni kaasu.

Doktar Injiinar Silashii Baqqalaa

Hirmaannaa ho’aa hawaasni filannoorratti taasisa jiru ashaaraa magariisaarrattis agarsiisuu akka qabu jechuun, Ministirri  Bishaan, Jallisiifi Inarjii Doktar Injinar Silashii Baqqalaa erga sagalee kennanii booda yaada ittaanu kennaniiru.

Hirmaannaa ho’aa hawaasni filannoorratti taasise ashaaraa magariisarrattis dabaluun guutinsa Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2fa akka saffisiisuu taasisu qabas jedhan.

Adeemsa filannoo boodas sagantaan Ashaaraa magariisaa taasifamuu misoomaafi tokkuummaa biyyaa ol kaasuufi biqiltuun dhaabamus guutinsa Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2fa akka saffisiisuu taasisuu keessatti gahee guddaa akka qabus ni ibsu.  Guutinsi Bishaan Hidha Haaromsaa marsaa 2fas walakkaa Adoolessaatti akka taasifamus himaniiru.  

Pirezdaanti Shimallis Abdiisaa

Filannoon baranaa Itoophiyaanonni injifannoo argatan itti fufsiisuuf bu’uura kan kaa’u, siyaasa biyyattii gara mana mareetti kan galchu carraa guddaadha jedhan.

Kana malees, dimokraasiin akka lafa qabatu bu’uura kan kaa’u ta’uus  ni kaasu.

Pirezidaantichi erga sagaleesaanii kennanii booda magaalaa Gincii, Hospitaala Dandii keessatti biqiltuu dhaabuun Ashaaraa magarsiisaa marsaa 3fa milkessuuf gaheesaanii bahaniiru.

Doktar Diimaa Nagoo

Dhuunfaadhaan kan dorgoman hayyuu buleessi siyaas dinagdee Doktar Diimaa Nagoo Godina Iluu Abbaa Boor, buufata filannoo Goree 04tti argamuun sagalee kennan.

Filannoon baranaa filannoo baroota darbaniirraa aadaa dimokraasii biyyattii keessatti kan gabbiseedha jedhan.

Keessumaa sirnoota darbaniti hirmaachisummaan paartiilee siyaasaa muraasa turuu eeranii, dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa waliin filannoo adeemsisuun seenaa addunyaarratti isa jalqabaa ta’uus himu.

Kana malees filannichi aangoon kan argamu sagalee ummataa qofaan akka ta’e kan agarsiisuu ta’uu kaasanii, adeemsichi haqa qabeessaafi dimokratawaadha jedhu.

Doktar Aragaawwii Barihee

Filannoon biyyaalessa marsaa 6fa gaggeeffame biyyi akka barbaaddutti, ummanni akka fedhutti sirni dimokiraasii ijaaramaa jiraachuusaa kan mul’isu ta’uusaa Daarektarri Olaanaa Waajjira Mana Maree Biyyaalessa Qindeessaa Hidha Guddichaa Doktar Aragaawwii Barihee dubbatan.

Adeemsi filannichaa dimokiraasii dagaagsuuf akka dandeenyu nutti agarsiiseera jedhanii, kana jechuunis paartileen morkattootaa kaayyoosaanii rakkoofi sodaa tokko malee ummatatti ibsachuusaaniifi mootummaan gama deggaramuu qabuun deeggaruusaas ni kaasu.

Boordiin filannoos hanga danda’ametti loogummaarraa bilisa ta’uun hojjechuuf yaaleera, kun ammo muuxannoo kanaan dura darbeen arginee waan hin beekneef gara fulduraatti abdii guddaa kan nuuf kennedha jedhaniiru.

Pirofesar Biraanuu Naggaa

Filannichi filannoowwan kanaan dura biyyattiitti adeemsifaman keessaa filannoo hiika qabeessa isa jalqabaati. Filannichi amanamaafi haqaqabeessummaa kan qabu ta’us, rakkooleen tasuma hinjiran jechuu miti. Ta’us filannoon baranaa akka isa bara 1997 kan korojoon itti galagalfamee bu’aan haqamu ni ta’aa amantaa jedhu hinqabnu.

Amanamummaan filannichaas kan dhugoomu taajjabdoonni Ameerikaafi Gamtaa Awurooppaa waan dhufaniif ykn dhufuu dhabaniif osoo hintaane waan hojjenneen waan ta’eef hangas mara dhiibbaa hiqabaatu.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 19/2013

Recommended For You