Akkaadaamichi ispoorteessitoota eebbisiise

Finfinnee: Akkaadaamiin Leenjii Ispoortii Dargaggootaa Itoophiyaa ispoorteessitoota kaadhimamtoota waggoottan arfan darbaniif akaakuuwwan ispoortii kudhaniin leenjisaa ture 126 Kibxata darbe eebbisiiseera.

Leenjitoonni marsaa arfaffaaf bara 2012 leenjiisaanii xumuran  dhiiroonni 36fi dubartonni 19, akkasumas kanneen marsaa shanaffaa bara 2013 leenji’an dhiiroota 41fi dubartonni 30  eebbifamaniiru.

Akkaadaamichi bara darbe weerara vaayirasii koviid 19 guutuu addunyaarratti uumameen bara 2012 eebbifamuun kan isaanirra ture leenjiitoota marsaa arfaffaa kan hineebbisiisne yoo ta’u, kanneen marsaa shanaffaa bara 2013 wajjiin eebbisiiseera.

Akkaadaamichi ispoortii paaraalompikii dabalatee akaakuu ispoortii kudhaniin leenjii kennuun gamatti sadarkaa ardiifi addunyaatti atileetoota biyyattii bakka bu’uun hirmaatan horachuusaas Daareektarri Akkaadaamichaa Obbo Anbassaawu Iniyawu ibsaniiru.

Atileetoonni miidhamtoota qaamaa ta’an, osoo akkaadaamichaa hinba’iin qabxii olaanaaf qaqqabuusaanii ibsanii, akkaadaamichi ergama ispoorteessitoota beekamoo horachuuf isatti kenname  sirriitti bahachuusaa addeessaniiru.

Akkaadaamichi bara 2006-2013 faayinaansii mataasaatiin  qo’annoowwan 41 hojjechuudhaan qaamoolee dhimmichi ilaallatuuf kennuusaa eeranii, walitti aansuudhaanis yaa’iiwwan ispoortii biyyaaleessaa jahas gaggeessuusaa himaniiru.

Olompikii Tokiyoo 2021 adeemsifamurratti atileetoota kaadhimamtoota akaakuu ispoortii atileetiksii fiigicha meetira kuma tokkoofi 500 kaasee hanga meetira kuma 10tti hirmaatan akkaadaamichi filachisiisuusaas Obbo Anbassaawu addeessaniiru.

Eebbifamaa guyyaa sanaafi dorgommii paaraalompikiitiin Itoophiyaa bakka bu’uun olompikii Tokiyoorratti kan hirmaatu Gammachuu Amanuu, barnootaafi leenjii akkaadaamichaa argatetti fayyadamuun qabxii gaarii fiduusaa himeera.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti kan dhalate Gammachuun kanaan dura Itoophiyaa bakka bu’uun dorgommiiwwan paaraalompikii biyyooleessaarratti hirmaachuudhaan meedaaliyaawwan  warqiifi meetii argachuusaas  addeesseera.

Gammachuun Olompikii Tokiyoo kanaafis qophii olaanaa gochaa akka jiruufi qabxii olaanaa galmeesisuudhaan biyyattii addababa’i olompikiirratti waamsisuun yaalas jedheera.

Haa ta’u malee, miidhamtoonni qaamaa leenjii kana xumuruun yommuu akkaadaamiidhaa bahan kilaboonni isaan hammatan waan hinjirreef rakkina guddaa keessa gala jiraachuufi isas carraadhumti kun akka isa mudatu kaasa.

Ammaan tana garee biyyaaleessaa paaraalompikiif filatamee gara Tokiyoo deemuf shaakalaa jiraachuu eeree, gaafa achii deebi’uu kilaba waanan hinarganneef sodaa keessan jira jedheera.

Godina Arsiitti kan dhalatte leenjiituun kubbaa miilaa Siifan Tasfaayee gamasheetiin, turtii waggoota afurii akkaadaamichaatiin leenjii bu’uuraa argachuushee kaastee, kilaba Baankoota Itoophiyaa galuuf qophirratti akka argamtu ibsiti.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013

Recommended For You