Dorgommii 37fa Maraatonii Yaadannoo Abbabaa Biqilaa

Finfinnee: Biyya teenyatti ispoortiin atileetiksii waggoota 64 dura kan jalqabame ta’uu seenaan ni ibsa. Dorgommiinis adeemsifamaa kan ture kutaawwan Raayyaa Ittisaa addaddaafi manneen barnootaa jidduutti akka ture. Itoophiyaan ispoortii kanaan sadarkaa biyyoolessaatti beekamuu erga jalqabdees waggoota 61 hincaalu.

Waggoota kanneen keessatti ture kan Itoophiyaan sadarkaa olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaafi dorgommiiwwan qaxxaamura biyyoolessaarratti beekamteetti.

Fakkeenyaaf Irreessaa Abbabaa Biqilaafi Irreessaa Maammoo Walde sadarkaa Olompikiitti yeroo sadiif walitti aansuudhaan fiigicha maaraatoniitiin mo’achuudhaan seenaa hindagatamne galmeessisaniiru.

Bara 1925 Godina Shawaa Kaabaatti  kan dhalate Abbabaan, bara 1940 Raayyaa Ittisaa, ‘Kibirzabanyaatti’ mindeeffame. Bara 1950 irraa kaasee garee atileetiksii Kibirzabanyaatti makamuudhaan dorgommiiwwan adda addaarratti hirmaate.

Itoophiyaan sadarkaa biyyoolessaatti yeroo jalqabaatiif olompikii Meelborni 16fa  kan ALA bara 1956 Awustiraaliyaatti qophaa’erratti hirmaachuudhaan meedaaliyaa malee harka duwwaa  deebite.  

Hirmaannaa lammaffaan Olompikii 17fa Room, Xaaliyaaniti ALA bara 1960 adeemsifamerratti yoo ta’u, Irreesaa Abbabaan dorgommii maaraatonnii kiiloo metira 42:195 miila duwwaa fiigee sa’aatii 2:15.16.2 tokkoffaa bahe sa’aatii olompikiis fooyyesse.

Akkasumas ALA olompikii Tokiyoo kan bara 1964 Jaappaanitti gaggeeffametti sa’aatii olompikii isumaan qabamee ture sa’aatii 2:12.11.2tti fooyyesseera.

Yeroo sadaffaaf olompikii Meeksiikoo 18fa bara 1968 Meeksiikoo Siitiitti qophaa’erraati hirmaatee hanga kiiloo meetira 17tti fiigus miidhamee addaan kutee bahuuf dirqame.

Gootichi ispoortii atileetiksii kun bara 1960 hanga 1964 dorgommiiwwan  biyyoolessaa 13 irratti hirmaatee 12tti tokkoffaa bahuun gaachanaafi eboo, waancaafi meedaaliyaawwan warqii yoo badhaafamu, tokko qofatti sadarkaa 5fa bahe.

Irreessaa Abbabaan seenaa olaanaa addunyaarratti galmeesse kanaan mootummaan Itoophiyaa kan Atsee Hayila Sillaaseen durfamu muudamaafi badhaasota adda addaa kenneeraaf. Sana boodas maqaasaatiin Finfinneefi Adaamati Istaadiyoomiin ammayyaa mogaafamaniiru.

Akkasumas Holaandi, Amistardaam; Senegaal, Daakaaritti maqaasaatiin daandiin moggaafameera. Xaaliyaan magaalaa Laadispoolitti riqichi moggaafamuu dabalatee, waggoota 60fa olompikii Room miila duwwaa jedhamu maqaasaatiin gaggeefamera.

Jaappaan Tokiyootti maqaasaatiin fiilmiin hojjatameera. Ameerikaatti ammoo “nama maaraatonii” jedhamuun giddugali gabaa moggaafamera.

Irreessichi jaarraa kanatti atileetii beekamaa ta’uusaatti mootummaan Itoophiyaa yaadanoosaatiif jecha bara 1976 irraa kaasee waggaa waggaadhaan dorgommiin maaraatonii Finfinneefi naannoleetti akka gaggeeffamu murteessee gaggeefamaa jira.

Dorgommiin maaraatonii yaadannoon Irreesaa Abbabaa  kun baranas yeroo 37faf Finfinnee, Tulluu Dimtuu, naannawa Koyee Facceetti haala miidhagaadhaan Dilbata darbes gaggeeffameera.

Dorgommichi kan gaggeeffame kilaboota beekamoo magaalaa Finfinneefi naannolee jidduutti korniyaawwan lameeniinuu yoo ta’u, dubaraan kilabni Humna Ibsaa qabxii 27, dhiiraan qabxii 39 galmeesisuudhaan walumaagalatti tokkoffaa ta’uun waancaafi meedaaliyaa warqii fudhateera.

Akkasumas dubaraan Manneen Amala Sireessaa Federaalaa qabxii 36n, Poolisiin Oromiyaa qabxii 62n lammaffaafi sadaffaa bahee meedaaliyaa meetiifi nahaasaa fudhataniiru.

Dorgommii dhiirota jidduutti gaggeeffameen ammoo Raayyaan Ittisaa qabxii 42n, Poolisiin Federeealaa qabxii 57n walduraa duubaan meedaaliyaafi meeta fudhataniiru.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013

Recommended For You