“Filannicharratti hundumtuu ofiisaa, sabasaafi biyyasaatiif jecha seera kabajuu qaba” -Ogeessa seeraa Nageessaa Oddoo Duubee

Charinnat Hundeessaatiin

Itoophiyaafi ummannishii Wixata dhufu cidha guddaa tokko qabu, cidha filannoo egereesaanii murteessu. Yeroo filannoo kanatti dhimmoota biyyootaaf bowwoo ta’an keessaa tokko waa’ee odeeffannoo sobaati.

Kanaan walqabatee odeeffannoowwan sobaa bal’inaan tamsa’uu waan danda’aniif hawaasnis ta’e miidiyaaleen of eeggannaa akkamii gochuu akka qabaniifi dhimmoota filannichaan hidhata qaban biroorratti ogeessa seeraa jireenyasaanii Ameerikaa godhatan, Obbo Nageessaa Oddoo Duubee wajjin bilbilaan turtii gabaabaa taasisneerra.

Adeemsa filannoo baranaa

Filannoon baranaa seenaqabeessa. Kanaan dura warra waliin dorgoman jidduutti hanqinoonni addaddaa ni mul’atu turan.  bardheengaddaa koviid-19 uumamuun filannoon yeroo duraan qabameefitti akka hinadeemsifamne gufuu ta’eera. Waggaa tokkoofis duubatti hafe. Sunillee gufuu tokko ture.

Otoo bardheengaddaa ta’ee kan baranaa caalaa miidhagaayyu jedheen yaada. Ammas taanaan paartiileen tokko tokko keessaa hafanillee filannichi filannoo seenaqabeessa. Kanuma qabattu qabattee fuulduratti deemta.

Waanti filannoo kanaan duraarratti gurmuun tokko shanee akka mormituun hinsochoone gochaa ture. Galmeessa kaadhimamtootaafa’irrattis rakkoo guddaatu ture. Dubbii keenyarratti waggaa kurnan kana paartii mormituu bakka bu’ee kaadhimamummaan filannoorratti hirmaadhee waanin tureef waa’ee dhiibbaa achi keessa turee sirnaanin beeka.

Waantan yeroo sana taajjabe keessaa tokko rakkoo galmeessa filattootaan walqabateedha. Kunis, dargaggoota garii hingalmeessan ture. Filannoodhumarrattuu rakkoon tureera. Filannoo 1997 booda kan 2002 kan burjaaja’e ture. Kan biraa dhiisii duula na filadhaarratti gufuuwwan adda addaa uumanii bakka kanatti, bakka sanatti dadammaqsuu hindandeessu jedhamaas ture.

Gufuuwwan danuu itti godhan. Galma argachuun rakkoo guddaa ture. Alatti ammoo akka duulicha hingeggeessineef dhaabbilee hawaasummaarraa  meetira 500 fagaadhaafaa jedhamee akka gufatu taasifamaa ture.

Yeroo sana haallumti duula na filadhaa ittigeggeeffamaa turellee rakkoo qaba ture jechuudha. Kan baranaa kanatti komiin akka yeroo sanaatti guddatee mul’ate hinjiru; darbee darbee paartiileen shanan tokko waan himatan dhabuu baatanis. Ta’us akka kanaan duraa hammaataa miti. Kanaafuu oggaa walbira qabnee ilaallu fooyyeen ni mul’ata.

Ummanni mootummaa ijaarratee gara fuuduraatti ammoo kana caalaa fooyya’a jedhee yaadaa jira. Qilleensa akkanaatu jira. Kanin hubadhes kanuma. Filannoon baranaa kan ittaanuuf bu’uura gaarii buusuu danda’a. Kanarra dhaabannee irratti ijaaraa deemna.

Odeeffannoo sobaa

Kanarratti miidiyaaleen, paartiileen siyaasaas ta’e hawaasni of eeggannaa guddaa gochuu qabu. Keessumaa miidiyaaleen odeeffannoo qulqulluufi dhugaa ta’e dhiyeessuurratti xiyyeeffatanii socho’uu qabu.

Jaarmiyaaleenis odeeffannoo gadidhiifame irra deebi’anii mirkaneeffachuu qabu. Yoo shakkiin jiraate gara qulqulleeffachuutti deemuu qabu malee odeeffannoo argatan mara fuudhanii deemuu hinqaban. Sababiinsaas odeeffannoon sobaa yeroo danuu tarkaanfiin dogoggoraafi hinbarbaachisne akka fudhatamu, darbees miidhaawwan adda addaa akka qaqqaban taasisa.

Odeeffannoo sobaa kanarratti hundaa’ee ummanni miidhamuufi qabeenyi barbaadaa’uu danda’a. Walumaagalatti odeeffannoon sobaa murtii dogoggoraatiif waan nama saaxiluuf hanga danda’ametti odeeffannoon tokko dhugaafi soba ta’uu adda baafachuun gaariidha.

Bakka soba ta’ee argametti ammoo soba ta’uusaa jala muranii hawaasaaf ibsuu barbaachisa. Kana gochuun dhimma garee tokko deggaranii kaan mormuu miti. Yeroowwan tokko tokko siyaasaaf jedhamee odeeffannoo dogoggoraa qaama morman tokko dadhabsiisuuf akka tarsiimootti fudhatanii warri hafarsan jiru. Kun garuu dhaqee dhaqee hawaasas ta’e ummata, biyya miidha.

Waanti akkanaa yoomiyyuu dhaabachuu hindanda’u, gareen biraas boru akkasuma fayyadamuu waan danda’uuf. Gareen waan akkasii hafarsus deebi’ee isarrattis odeeffannoo sobaa tamsaasuu danda’a. Haalichi badii keessaa hinbahamne qaqqabsiisa.

Kanaaf namni ummataafi biyyaaf yaadu odeeffannoo sobaarraa of qusachuu qaba. Qaamoleen seeraa ammoo dhimmicha hordofanii namootaafi qaamolee oduu sobaa omishanirratti tarkaanfiin seeraa barsiisaa ta’e akka fudhatamu gochuu qabu. Qaamolee kanneen rifachiisuunillee barbaachisaadha. Yoo kun ta’e warreen odeeffannoo sobaa tamsaasan of qusachuu danda’u. Kanaaf gama seeraatiinis ta’e gama hundaan jala deemanii hordofuun barbaachisaadha.

Miidhaa odeeffannoo sobaatiin qaqqabe

Biyyoonni hedduun sababa oduu sobaa miidiyaalee hawaasaafi idileetiin tamsa’uun jeequmsa danuu keessa galaniiru. Keessumaa miidiyaan hawaasummaa gama odeeffannoo waliin ga’uutiin faayidaa qabaatullee odeeffannoo sobaatiin keessumaa biyyoota arabaa baay’ee rakkoof saaxilaman asirratti kaasuun ni danda’ama. Miidhaa hedduus geessiseera. Biyyoonni sababuma kanaan miidiyaalee hawaasaa cufanis jiru.

Yeroo kana keessatti qaamoleen haqaa seeraafi heera biyyattiirratti hundaa’anii seera kabachiisuufi hanga danda’ameen loogii tokko malee hojjechuu qabu. Keessumaa yeroon filannoo kun yeroo daran murteessaadha. Filannoon sirna mootummaan ittiin ijaaramu waan ta’eef yeroo murteessaa ta’e kanatti namoota gocha seeraan alaa akkanaarratti bobba’an to’achuun barbaachisaadha.

Komii dhiyaatus hatattamaan furaa deemuu barbaachisa. Filannichi haqaqabeessaafi bilisa ta’ee loogii tokko malee ummata biratti fudhatama argatee akka xumuramuuf hojii si’aayina qabu hojjechuun daran barbaachisa. Qaamoleen seeraas yeroo kamuu caalaa dammaquu qabu.

Boordii filannoo

Dhugaa dubbachuuf boordiin filannoo guddaa dhama’e. Boordiin filannoo, dheerachuu yero filannoo sababa vaayirasii koronaatiin walqabatee yeroo daran rakkisaa ta’etti waan cimaa hojjeteera. Ibsawwan addaddaas waljalaa kennaa tureera. Kanarratti falmiiwwan adda addaa dhiyaataniif hunda dandamatee gara iftoominaafi haqaqabeessummaatti akka deemamu taasiseera.

Boordichi haala kan duraarraa adda ta’een tattaafachaa jira. Warri boordii durii beeku adda addummaa guddaan akka jiru ni hubata. Karaa boordichaa fooyyee guddaa argineerra. Waraqaa filannoo alatti maxxansanii fiduunuu agarsiistuu fooyyee jiruuti. Waan bareedasi.

Namoota danuu leenjisee hirmaachisaas jira. Walumaagalatti dhamaatii inni milkaa’inaa filannichaatiif taasisaa jiru argaa jirra. Boordicha ummata biraas amanamummaa gaarii argachaa jira. Gara fuulduraattis jaarmiyaa cimaa tokko qabaachuuf deemna yaada jedhuun qaba.

Paartiileef mootummaafi ummataaf, dhaamsa

Paartiilee morkattootaatiif hanga danda’ameen filannichi nagaqabeessa akka ta’uuf waan hojjetan hunda seeraafi heera qofarratti hundaa’anii raawwachuu qabu. Bakka hanqinni jirutti gara seeraa deemuu, yoo achirrallee darbe ummataaf ibsuudhaan murtii ummataatiif dhiisuun daran barbaachisaadha.

Ummannis tasgabbiidhaan sagaleensaa akka humna qabdu beekee kan filachuu fedhu sagaleesaatiin qofa mirgasaa kabachiifachuu qaba. Yeroo hedduu waanti biyya kanatti hinbaratamne seeraafi heera qofaan buluu dhabuudha.

Seera kabajanii isumaan buluu otoo hintaane adabbii seeraa sodaa qofaaf malee seeraaf jedhanii kabajuun daran hinmul’atu.  Namni seera kabaju xiqqaate kan hinkabajne baay’ate. Waanti ani gama kanaan Ameerikaatti taajjabe tokko namoonni baay’een seera ni kabaju. Fakkeenyaaf biyya ani jirutti seera tiraafikiillee cabsuun hinjiru.

Poolisiin ykn namni argee arguu baatee namni akkasumatti seera kabaja. Kan seera hinkabajne namoota muraasa. Namoota muraasa sana adabanii karaatti deebisu. Seerri sirriitti kabajama jechuudha. Lammiin seera kabaju kabaja guddaa qaba. Nama seera cabsu hundumtu bilbilee poolisiif eeruu kenna. Kun biyya keenyattis baratamuu qaba.

Biyya keenyatti kan akkana godhe ‘aqqaaxaarii’ jedhama. Aqqaaxaarummaan asitti akka lammii quuqamummaa qabuutti ilaalama. Akka ciminaatti nama lakkoofsisa malee nama hinleyyaasisu.  Biyya keenyatti seera kabajuun aadaa ta’ee hinjiru. Namni baay’ee seera cabsa. Kan seera kabaju daran xiqqaadha.

Biyya keenyatti aadaa seeraa kabajuu fiduu qabna. Adabamuu danda’a, namni ykn poolisiin argee hinarginee qofaaf seerri kabajamuu hinqabu. Eenyumtuu ofiisaatiif, sabasaatiif biyyasaatiif jecha seera kabajuu qaba. Filannoo kanarratti kan ta’uu qabus kanuma. Aadaan seera kabajuu bakkuma tokkoo waan jalqabamuuf ammuma eegalamuu qaba. Kun akka dirqamaatti fudhatamuus qaba. Kun akka ta’uuf ammoo miidiyaaleen ilaalcha hawaasaa gama kanaan jiru jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabu.

Ummannis gamasaatiin mirgaafi dirqamasaa beekee sagalee kennuudhaan iddoo mirgisaa cabetti ammoo gaafatee deebifachuu shaakaluu qaba. Kunis karaa nagaafi nagaa qofa ta’uu qaba; dimokraasiin sirna adeemsaan guddatu waan ta’eef. Barana hanga tokko yoo deemne waggaa shanan kana ammoo gara caalutti guddisuun ni danda’ama.

Kanaaf irratti ijaaraafi dabalaa deemuutu barbaachisa. Dimokraasii guutamaan eessayyuu hinjiru. Warri dimokraasii waggoota 200 oliif shaakalan kan akka Ameerikaafaattuu mudaa guddaatu jira. Bara Buushiifi Algoor waldorgoman malaammaltummaatu ture, malaammaltummaa sagalee.

Sirna filannoosaanii keessas hanqinni ni jira. Filannoon Ameerikaa qaama, ‘elektoraal kolleej’ jedhamuun ilaalama. Bara Tiraampiifi Hilarii Kiliintan waldorgoman sagaleedhaan Hilariitu caale, gara miliyoona sadiitiin. Tiraampi garuu elektoraan kolleejiidhaan caalee filatame.

Kanaaf waanti hubatamuu qabu hanqinniifi mudaan bakkuma hunda akka jiruudha. Garuu waljalaa sirraa’aa akka deemus beekuun gaariidha. Danbii jiruun waldorgomaa ittideemama waan ta’eef waan amma harkaa qabnu bu’uura godhannee deemuu qabna.

Mootummaanis mirga ummataafi paartiilee kaanii kabajee humnaan waa raawwachuurra mariidhaan rakkoolee mudatan furuuf tattaafachuu qaba. Filannoo kana booda gara marii hawaasaatti deemamuu qaba.

Odeeffannoo sobaa kanaan walqabatee kaampaaniin fees buukii Itoophiyaatti fuulawwan odeeffannoo sobaa tatamsaasan cufeera. Dhaabbatichi filannoo biyyaalessaa gaggeeffamu dursee fuulawwaniifi gareewwan odeeffannoo sobaa tatamsaanis akkasuma.  

Akkaawuntiiwwan eenyummaansaanii hinmirkanoofneen hundaa’anii dhimma Itoophiyaarratti xiyyeeffachuun olola sobaa tamsaasaanis buuseera.

Otoo qabiyyeessaarrattti hintaane amalasaaniirratti xiyyeeffachuun tarkaanficha fudhateera. Haaluma kanaan fuulawwan feesbuukii 65, gareewwan 27fi Inistaagraamii 32 cufuunsaa ni yaadatama.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013

Recommended For You