Bayyanaa Ibraahimiin
Finfinnee: Qonnaan bulaan Oromoo Funyaan Finfinnee jala taa’ee bishaan qulqulluu dheebotaa turuun seenaa waggoota muraasaati. Magaalaa Guddittii naannoofi biyyaa, darbees teessoo Gamtaa Afrikaa taateefi magaalota teessuu waajjiraalee Mootummoota Gamtoomanii ta’an keessaa ishee sadarkaa 3fa irratti argamtu cinaa taa’anii mana baruumsaafi keellaa fayyaa dhabuun ummata kanaaf akka carraa guyyaa afurtamaatti itti murtaa’ee ture.
Manneen barnootaa darbanii darbanii naannawa kanatti ijaaramanis yoo jiraataniif garuu kan isaan barsiisaniin Amaarifa qofaan waan tureef dhalattoonni naannawa kanatti maatii Oromoorraa dhalatan carraa baruumsaatti fayyadamuu hindandeenye ture. Sababnisaas; barumsi kennamu afaan dhalootaatiin waan hintaaneef.
Warroonni yaaluuf mana barumsaa seenanillee kuun hamma tokko baratee gaafa itti ulfaatu barumsicha lafatti dhiisee manatti deebi’uuf dirqama.
Barataan fira nama barate qabuufi maatii Amaarifa danda’urraa dhalate immoo carraa argametti fayyadamee barumsaan hanga dhumaatti imaluuf ni yaala.
Barataa Girmaa Toofiq, barattoota mana Barumsaa Haacaaluu Hundeessaatti carraa afaan dhalootaatiin barachuu argate keessaa isa tokko yoo ta’u, obboleessisaa hangafti garuu carraa afaan ofiitiin barachuu kana dhabee barumsa gidduutti addaan kutee galuu dubbata.
Akka barataan kun jedhutti; ijoolleen Oromoo naannawa Galaanitti dhalatanii guddatan hedduunsaanii barumsaan sadarkaa olaanaa irra gahuu kan dadhabaniif sababni guddaan carraa mana barumsaatti afaan dhalootaatiin barachuu dhabuudha.
Obboleessikoo inni hangafaa barumsa yemmuu eegalurraa kaasee hanga addaan kutee manatti deebi’utti dhiphinni irra mul’atu hanga ammaatti fuulakoo duraa hinbadu. Boodarratti gaafa humnasaatii ol ta’uu hubatee adda kutee galus kan isa eeggatu hoji dhabdummaa akka ta’e waan bareef garri lachuu rakkoo ta’uu osoo beekuu rakkoo tokkorraa kan isa biraa filatee manatti gale.
Maatiin keenya immoo maqaa misoomaatiin naannawa amma kondominiyeemiin Galaan itti ijaaramerraa waan buqqa’aniif humna ittiin iddoo manni baruumsi Afaan Oromoo jiru geessanii isa barsiisaniin waan hinqabneef isaanis cinqii hammatti galan.
Gidduu Oromiyaatti Afaan Oromootiin barachuu dhabuun keenya hamilee keenya osoo hinlaaffisin qeerroo Oromiyaa hunda waliin taanee qabsaa’uudhaan sirna cunqursaa qe’ee keenyatti afaan keenyaan barachuu nu dhorge sana fonqolchuu keenyaan carraa afaan keenyaan barachuu arganneerra.
Ijoolleen buqqaatota hedduun otoo carraa kana hinargatin hafuusaaniitiin umrii itti barachuu qabanitti hojii humnaa olii hojjachuuf dirqamanii dhibeewwan adda addaatiif saaxilaman danuudha jechuun ibsa.
Inniifi hiriyoonnisaa garuu bakka abboonnisaanii irraa buqqifamanitti manni barnootaa afaansaanii itti baratan argachuusaaniitti Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kan galateeffatan ta’uu ibsa.
Finfinneen waggoota dheeraaf qonnaan bultootashee ofirraa dhiibdee alagaa firoomfatte, tan of jalatti ilmaashee arguu dhabdee halaalatti ormaaf hiixatte, har’a garuu osoo hinjaalatin harka micciiramtee ijoolleesheef dursa akka kennitu dirqisiifamte.
Badiin Finfinneen qonnaan bultootasheerratti raawwachaa turte lakkaa’amee kan dhumu waan hintaaneef, har’a erga qabsoon dhimma qonnaan bulaa Oromoo Finfinneerraa buqqa’uun finiinee sirna cunqursaa sana qaarisee booda hojiiwwan qonnaan bulaa sana deebisanii dhaabuuf hojjatamaa jiranitti deebina.
Dheengaddaa qofatti buqqaatota Finfinnee deebisanii dhaabuuf hojiiwwan hojjatamaa turan keessaa eebbi pirojektota sadii gaggeeffamee ture.
Isaan keessaa immoo manneen barumsa lama (mana barumsaa sadarkaa 1fa Goobana Buttaafi Mana Barumsa Abeebee Tufaa) yoo ta’an, projektii sadaffaan guyyichatti eebbifame Giddugala Horsiisa loonii qonnaan bultootaati.
Manni barumsaa Goobana Buttaa kun kutaa bulchiinsa Aqaaqii Qaallittii, naannawa Galaaanitti kan argamu yoo ta’u, abbaa darbii afuriifi ijaarsasaatiif immoo qarshii miiliyoona 48 ol baasii ta’uu bulchiinsa magaalichaatti Komishiinarri Komishiinii Misooma Qonnaafi Buqqaatotaa Obbo Mokonnin Leenjisoo ni dubbatu.
Akka ibsaaniitti; manni barumsaa lammataa Abeebee Tufaa immoo kutaa bulchiinsa Lammii kuraatti kan argamuufi birriin miiliyoona 51 ol ta’u itti baheedha.
Pirojektiin inni sadaffaafi qonnaan bultoota buqqaatota ta’an kanneen gara abbootii qabeenyaatti ceesisuu keessatti shoora olaanaa ni bahata jedhamee abdiin irratti gaatame keessaa isa duraa ta’e Giddugala Horsiisa Beeyladaati.
Giddugalichi qonnaan bultoota kanaan dura sababoota garaagaraatiin buqqa’anii turan gurmaa’uudhaan kan itti hojjatan yemmuu ta’u, horsiisa loonii, lukkuufi kanneen birootiin carraan hojii bal’aafi galii fooyya’aa akka argataniif yaadamee kan hojjatameedha jedhan.
Giddugalli kun guddaa waan ta’eef hojiinsaa xumuramee guyyichatti kan eebbifame isa marsaa jalqabaafi baasii qarshii miiliyoona 266 gaafateedha.
Marsaan ittaanus waggaa tokko keessatti ijaarsisa kan xumuramu waan ta’eef buqqaatota yeroo hedduuf daandiirratti kufanii harka namaa eeggachaa turaniif abdii haaraa kan uumu ta’uus eeran.
Qonnaan bultoota Finfinnee waggoota dheeraadhaaf dhiibbaawwan gama hundaa jala turaniif projektotni sadeen kunniin qofa osoo hintaane, isaan kunniin kan jalqabaa ta’uu kan himan Obbo Mokonnin, karoorri buqqaatota Finfinnee deebisanii dhaabuuf gama pirojektota gara garaatiin qabaman waliigalaan 64 ta’uu ibsu.
Akka ibsasaaniitti; kanneen guyyichatti eebbifamanis qaama projeektota kanneenii yemmuu ta’an, bara dhufuuf immoo pirojektotni misoomaa walfakkaatan shan buqqaatota kanneeniif hojjachuuf karoorri qabameera.
Deeggarsi armaan olitti ibsame kun hundi kan qonnaan bulaa harka hinjirreefi bulchiinsi magaalattii taasisuuf yemmuu ta’u, kana cinattis waanuma harkaa qabaniin ykn lafa isaan harkatti hafteen akka of gargaaraniifis hojiin seerota dabaa turan sirreessuu bal’inaan hojjatamaa jira.
Wantoota fooyya’an keessaa tokkoofi guddaan, laftisaanii gaafa baadiyyaa jala turan qabiyyee itti baafatanii faayidaa barbaadaniif oolchaa turan sun magaalan babal’attee isaan bira gahuusheetiin gaafa isaanis magaalaa jala galanitti qajeelfamni, “lafa kaaree hanganaa ol qabaachuu hindandeessu” jedhu waan tureef qonnaan bulaan osoo hin arbaadin lafasaa gatii bushaadhaan of harkaa baasaa ture.
Amma garuu seerotni jallataan akkasii kan faayidaafi mirga abbaa lafaa dabarsee qaama biraatiif kennu fooyya’uudhaan, yeroo ammaa qonnaan bulaan lafa hanga fedhe bal’atu qabaachuu akka danda’u danbii haaraan baheera jedhu.
Lafa bal’ina hangamuu qabu qabaachuudhaaf mirga gabaachuu qofa osoo hin taane, lafichaafis kaartaa argachuu akka qaban murtaa’eera. Kun immoo gaaffii waggoota hedduuf qonnaan bultootni naannawa sanaa kaasaa turan kan deebisuudha.
Ittaantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abebee gamasaaniitiin, hojiin yeroo ammaa buqqaatotaaf hojjatamaa jiru kun waan tolaan ykn akka faayidaa addaatti isaaniif kenname osoo hintaane, waan isaan argachuuf mirga qaban ta’uu ibsu.
“Kanaan booda Finfinneen qonnaan bulaashee ofirraa dhuubaa babal’attu hin jiraattu” kan jedhan Aadde Adaanach, gdunninni magaalattii kamiyyuu taanaan qonnaan bultoota kana hammatee kan adeemu ta’uu akka qabus ni kaasu.
Akka ibsasaaniitti; qonnaan bulaas taanaan magaalaan natti dhufte jedhee kan baqatu osoo hintaane, “baga natti dhufte koottu waliin hojjannaa” jedhee kan simatu ta’uu qaba.
Qonnaan bulaan yeroo hunda qonna qofarratti hirkatee jiruusaa gaggeeffachuu irraa gara hojii daldalaafi Agroo proresiingii garaa garaa keessa galuu qaba.
Pirojektota guyyaa har’aa eebbifaman keessaa Giddugalli Horsiisaa Beeyladaa sun immoo iddoo sanatti yemmuu ijaaramu manneen jireenyaa waliinii hedduminaan naannawa sanatti ijaaraman ilaalcha keessa galchee akka ta’eefi kun immoo qonnaan bultoota giddugalichatti hojjataniif carraa gabaa bal’aa uumuu bira darbee qonnaan bulaan naannasanaa bal’inaan gara hojii raabsuutti akka galu kan taasisu ta’uus dubbataniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013