“Namni hundi nageenyasaa eeggachaa ba’ee filachuu qaba” -Aadde Warqinash Birruu

Saamraawiit Girmaatiin

Wiixata iftaanii Itoophiyaatti taatee seenaqabeessa waggaa shanitti al tokko dhufutu raawwatamuuf eegamaa jira. Taateen kunis filannoo marsaa ja’affaa yoo ta’u bardheengaddaa adeemsifamuuf yaadamee sababa weerara vaayirasii koronaatiin baranatti ce’eera.

Filannoon baranaa yeroo kamuu caalaa demokraatawaa, haqaqabeessaafi nagaqabeessa akka ta’uuf mootummaan aangoorra jiruufi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hojiilee hedduu hojjetaa turaniiru.

Ummannis miira abdiifi sodaadhaan guutameen guyyicha eeggataa jira. Paartiileen morkattootaas duula na filadhaasaanii haalaan raawwatatanii murtoo ummataa eeggachaa jiru.

Milkaa’ina filannoo kanaatiif qaamolee baay’een ittigaafatama fudhatanii hojjetaa kan jiran yoo ta’u, adeemsi filannoo, duraa, gaafa filannoofi filannoon boodaa daran demokraatawaafi naga qabeessa akka ta’uuf kanneen hojjetan keessaa Ministeerri Nageenyaa isa tokko.

Ministeerichi dhaabbilee yeroo jijjiiramaa kana keessa hundaa’an jidduudhaa tokko yoo ta’u, ergamoota garagaraa qabatee hojjetaa jira.

Keessumaa waliigalteen biyyaalessaa akka jiraatuuf, federaalizimiin akka lafa qabatuuf, akka seerri kabajamuuf hojiiwwan guguddaa hojjetaa jira.

Ministeerichi bakka waldhabdeefi waraanni uumametti kallattiin keessa seenee dhaabsisuuf kan hojjetu osoo hintaane ofiisaaf waantota hundarraa bilisa ta’ee akkaataa nageenyi biyyattiitti dhugoomuu akka danda’u, namni akkamiin nageenya buusuu akka danda’u, wantoonni nageenya booreessan maalfaa akka ta’an adda baasa.

Akkasumas, wantoota nageenya booressan hambisuun akka danda’amuuf maddasaa qorachuun, dafee furmaanni kennamee nageenyi akka bu’uuf hojjeta.  

Gaazexaan Bariisaas dhimmoota nageenyaafi isaan walqabatanirratti ministir de’eetaa ministeerichaa Aadde Warqinash Birruu wajjin Wiixata darbe waajjirasaaniitti gaafdeebii kan taasise yoo ta’u, dhimma wayitii waan ta’eef yaada isaan filannoo baranaarratti kennan qofarratti xiyyeeffachuun maxxansa kanaaf kan dhiheessuu ta’a. Guutummaan gaafdeebiisaaniimmoo maxxansa biraatiin akka dhihaatu gamanumaa dubbistoota keenyatti himuu barbaadna.

Akka ministir de’eetaan tun jedhanitti, Ministeerri Nageenyaa biyyiifi ummanni akka nageenya argatu hojjechuun ergamasaa ijoodha. Namni yoo nagaa argate waan namni tokko hojjechuu qabu hunda hojjechuu ni danda’a; hojjechuus qaba.

Kanaaf ministeerichi nama dhuunfaarraa kaasee namni mirga demokraasiisaa akka shaakaluuf akkasumas, waan itti amaneefi naaf ta’e jedhu akka hojjetuuf waan irraa eegamu hojjetaa jira.

Kanarraa ka’uun filannoon baranaa filannoo nagaa, demokraasiifi haala yeroo kamuu mul’atee hinbeekneen haqaqabeessummaasaa akka eeggatuuf mootummaafi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa hojjetaa jiraachuu kaasanii, kana keessattimmoo qoodni ministeerichaa olaanaa ta’uu dubbatu.

Kanammoo hawaasni sirriitti hubachuufi beekuu waan qabuuf waltajjiin qophaa’ee mariin sadarkaalee garagaraatiin gaggeeffamaa turuufi guyyaa filannoo qofa osoo hintaane filannoon boodas nageenyi waaraan akka jiraatuuf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu ibsu.

Gama mootummaatiin humni nagaa kabachiisu qophii ta’aniifi yeroosaanii kennanii akka hojjetaniif hojii bal’aan hojjetamuu akkasumas, hawaasni seera boordiin filannoo baasee hojiirra oolchuuf qophii  irraa eegamu akka taasisuuf ministeerichi hojjetaa turuu himu.

“Kanarratti Ministeerri Nageenyaa “abaluu abaluun filadhaa” jechuun osoo hintaane, namni bilisa ta’ee kan isaaf ta’u, nama biyyattii fuulduratti dabarsuu danda’a jedhee itti amanu sammuu qulqulluufi yaadasaatiin qofa ba’ee akka filatuuf hubannoo uumna.

Adeemsa galmeessa filannoorraa kaasee, namni ba’ee kaardii akka fudhatu, ammammoo kan kaardii fudhate hundi ba’ee sagalee akka kennu hubachiifna. Yommuu sagalee kennuu ba’us bifa tasgabba’aafi nageenyasaa eeggateen akka adeemsifatu barsiisaa turre” jedhu.

Sagalee kennuun boodas bu’aa filannoo wajjin walqabatee qaamni mo’ate nagaan aangoo fudhatee, biyyattii ceesisuuf akka hojjetuuf, inni mo’ames “Ani waanin hojjechuu qabu hojjedheera. Waan narraa eegamu raawwadheera. Garuu waan ummanni na hinfudhanneefin fudhatamuu hafe, kanaaf carraa gaarii” karaa nagaatiin filannoo ittaanuuf akka of qophessuuf hojii guddaa hojjetaa turuusaanii kaasu. 

Akka Aadde Warqinash jedhanitti, duula “na filadhaa” Roobii darbe xumurame waliin walqabatee, paartiileen morkattootaa yeroo yerootti marii mataasaanii taasifataa turan. Mariisaanii kanas torban torbaniin qaama kamirraayyuu bilisa ta’aniii gaggeeffataa turan.

Achirratti dhiibbaa gama mootummaatiinis ta’u karaa addaddaa isaanirra ga’e iftoominaan kaasanii irratti dubbatama. Akkasumas, sadarkaa aanaattis ta’u godinaatti bakkuma jiranitti mari’achuun rakkoo qaban achumatti akka furatan taasifamaa tureera. Adeemsa kana keessattis rakkoo guddaan isaan bira darbee akka biyyaatti dhufe hinjiru.

“Kanarra darbuun rakkoolee xixiqqoo hawaasa keessatti mul’atan mariidhaan sadarkaa gadiitti hiikuun amaleeffatameera. Adeemsa kana keessa ofirraa ka’anii rakkoo hiikuufi achii keessatti qoodni nama dhuunfaa maal akka ture ilaaluun baratameera. Wanti hawaasa bira darbee ajanadaa falmii ta’es hinturre. Haala kanaan hojjetamaa turuusaarraa kan ka’e adeemsi duula “na filadhaa” milkaa’inaan goolabameera” jedhu.

Hawaasnis ba’ee waa hunda dhaggeeffatee addaan baafachuusaafi gaafa filannoos nama sagalee kennuuf murteeffatee guyyicha eeggataa jiraachuu dubbatu.

Akkuma eerame mootummaanis ta’u boordiin filannoo, filannoon baranaa haala mul’atee hinbeekneen demokraatawaa, haqaqabeessaafi nagayaa akka ta’uuf ejjennoofi kuteenyummaa akka qabu kan kaasan ministir de’eetaan tun, kanarraa ka’uun namni kamuu gaafa filannoos ta’u adeemsa isa booda jiruun nagaafi tasgabbii kan ofiisaa akkasumas, kan naannawaasaa eeggatee karaa nagaatiin akka xumuramu taasisuu akka qabu dhaamu.

“Qaamoleen boordiin filannoo eeyyameefii nagaa eegsisanis, daangaafi bakka  eeyyamameef qofa qabachuudhaan nagaafi tasgabbii naannawa sanaa eegsisuun irra jiraata. Akkasumas raawwachiiftonni filannoofi taajjabdoonnis nagaqabeessummaasaaf waan irraa eegamu ba’achuu qabu.

Kana malees adeemsa sagalee lakkaa’uu qulqulliinaafi naamusaan raawwachuun firii beeksisuu qabu. Erga firiin ibsamee boodammoo qaamni injifate gammachuudhaan fudhatee biyya ceesisuu, inni mo’ames murticha fudhatee isa ittaanutti of sirreessuun caalee argamuuf socho’uu qaba” jedhu.

Galmeessi filannoo guyyoota dheeraaf kan adeemsifame ta’us filannoon guyyaadhuma tokko ta’uusaatiin hawaasnis, yeroo kennameefitti fayyadamee ganamaan gara wiirtuu filannoo deemuun abbaa barbaadeef sagalee kennee kaardii fudhate deebisuu akka qabus ni hubachiisu.

Waliigala filannoon iftaanii loogiifi sodaa tokko malee akka gaggeeffamuuf hunduu kan ga’eesaa ba’achuu akka qabuufi ololawwan addaddaa nama filannoorratti hinhirmaanneen taasifamuuf osoo gurra hinkenniin ba’ee filachuun biyyasaa ceesifachuu akka qaba. Kana gochuu dhiisuun immoo waan hinbarbaanne ofirra teesisuu ta’uu hubatamuu akka qabus ni kaasu.  

“Akka waliigalaatti nageenyi biyya tokkoo kan eegamu qaama nagaa eegsisu qofaan miti. Nageenyi kan eegamu nama dhuunfaarraa kaaseetu. Kanaaf qaamni kamuu ofirraa ka’ee nageenyasaa eeggachuu qaba. Yoo nageenyi hinjiraanne homti tokko hinjiru. Hojjetanii argachuu, dhala godhatanii guddifachuu, qotanii galfachuu, nagadanii bufachuufi kkfn hinjiru. 

Kanaaf namni hundi miira itti gaafatamummaa qabuun socho’u qaba. Waan kanarra darbee dhufuuf mootummaan nagaa eegsisuuf humnaafi qophii ga’aa qaba” jechuun ibsu Aadde Warqinash.

Dimshaashumatti, namni kaardii filannoo fudhate kamuu paartii barbaadeef sagaleesaa kennuun mirgasaa ba’achuu, nageenyasaafi kan naannawaasaa kabachiisuuf ittigaafatamummaadhaan socho’uu, yoo wanti naannawasaa jeequ jiraate qaama nageenyaa itti dhihoo jirutti beeksisuun adeemsa mootummaa ijaaruu dhugoomsuu qabaan ergaa keenya.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013

Recommended For You