Zarihun Gabree
Tarii namoonni muraasni addunyaa keenyarraatti beekamoofi gurguddoo ta’an akkamittiin akka milkaa’ina geggeessummaa isaan argatan ilaalchisee gaaffii nutti ta’ee, gonkumaa akka isaanii ta’uu akka hindandeenye, milkaa’ina, jijjiirama fiduufi kkf., kan isaanii qofa goonee, ofii keenyaatii akka waan eessayyuu hingeenyetti of lakkoofnee abdii kutannaa cimaa keessa jiraachuu dandeenya.
Dadhabina keenya qofa yaaduudhaan eessayyuu ga’uu akka hindandeenyetti of amansiisuudhaan haalota keenya geddaruu akka hindandeenye amannee kan teenyu jiraachuu dandeenya. Takkaa yaalii goone kufnee beekna yoo ta’e lammaffaa waan kaanu nutti fakkaachuu dhiisuu danda’a. Yeroo hedduu arba naalfamanii namootaa wajjin jiratan biyyoottan Eeshiyaa keessatti arginee beekna ta’a. Ani garuu si’a tokko waa’ee arba funyoo gabaabduun hidhamee dhaabataa oolu dubbiseen ture. Arbi kun funyoon miillasaa isa fuula duraatti hidhamee jiru baay’ee gabaabduudha. Arbichi garuu baay’ee cimaafi guddaa yoo ta’ee illee funyoottii kana keessatti qabamee dhaabataa oola. Namni dubbiin kun dhibe tokko namicha leenjisaa arbaa ta’etti dhiyaatee arbi kun funyoo xiqqoo kanaan maaliif hidhamee dhaabataa oolaa jedhe gaafate. Namichi leenjisaan araba sunsi “Yeroo arbi kun xiqqoo ture funyoo amma miilla isaatti jiru kanaan hiinee akka fagaatee hindeemne gochaa turre.
Erga guddatee funyoodhuma sanatu miilla isaatti jira. Dur yeroo xiqqoo ture funyoon kun isa dhaabuuf ga’aa ture. Amma garuu karaa kamiin iyyuu qabee dhaabuu hindanda’u. Amala yeroo xinnummaa isaatu waan keessaa hinba’in jiruuf isa dhaabe malee funyoo xiqqoo kana miti. Akkuma yeroo xinnumaa isaatii jabeessee na qabee jira se’a” jedhe. Namichi gaafate kunis ni ajaa’ibsiifate. Bineensi kun yeroo kamiin iyyuu hidhaa kana of irraa ciree keessaa ba’uu hindanda’u. Kan keessaa ba’uu hindandeeye of amansiisee taa’eera. Baay’een keenya shaakala kanaan duraa irraa kan ka’e si’achi homaa tokkoyyuu gochuu akka hindandeenyetti amannee harka laannee kan teenyu danuudha.
Dhaabbanni dhuunfaafi biyyi kamillee sababii geggeessitootaaf kufuufis ta’ee guddachuuf carraa qabu. Sababiin isaa geggeessitootni yeroo milkaa’an biyyis ta’e dhaabbanni isaan geggeessan ni milkaa’a. Karaan milkaa’inaa salphaa yoo ta’uu baate illee, ulfaataadha jechuunis hindandaa’amu. Wanti murteessaan karaa sirrii, yeroo sirriitti jabinaan hojjechuun milkaa’uun nidandaa’ama. Namni waa’ee milkaa’ummaa haasa’uu qofaan milkaa’a osoo hintaane, jabaatee karaa milkaa’ummaatti geessu irra bu’uun hojjechuun ni milkaa’a.
Isa kanaaf itti yaaduun barbaachisaadha. Milkaa’inni fiixee yookaan dhuma hinqabu. Akka galaanaa gadi fagaata. Yeroo keessa gadi seentu waan baay’ee keessa gadi fagaatte yoo sitti fakkaate illee si’achi karaa dheeraan akka si hafe hindagatiin.
Daan Baa’um namichi jedhamu barreeffama isaa ALA Amajji 17, 2000 barreesse keessatti waa’ee waraanni (loltoonni) geggeessummaa barachuu dubbata. Addumaan waa’ee Leetenaal Koloneel Kiriis Hugas Iraaq keessatti Waraana geggeessanii gochasaan raawwatan gadi fageenyaan ibsa. Yeroo uummanni Iraaq aaranii hookkara cimaa dhageessisanitti, sochiisaanii kana gab gochuuf waraana hinfayyadamne.
Kanaan dura waraanni Ameerikaa akka baratanitti yeroo hookkarri (mormiin) ka’u, dhukaasa akeekkachiisaa gara samitti dhukaasuudhaan uummata tasgabbeessaa turan. Hugasiifi waraanni isa jalaa yeroo mormiin cimaan Baagidaadiirratti ka’e kanaan dura gochaa kan turan irraa adda kan ta’e tokko godhan. Dhukaasa akeekkachiisaa dhukaasuu irra loltoonni jilbeenfatanii afaan qawwee gara lafaatti akka gadi qaban isaan ajaje. Loltootnis ajaja kanaaf abboomamanii raawwatan. Uummatni Iraaq kana yeroo arganitti mormiif kan ka’an takkumaan cal jedhan, hookkaruu nidhaaban. Hugas tooftaa kana kanaan dura hinbaranne ture. Kanaan dura eenyuyyuu kana godhee milkaa’uu isaa argees dhagahees hinbeeku ture. Egaa geggeessaan waan haaraa kan uumuufi rakkina jiruufi uumamuuf furmaata kan kennudha. Geggeessaan nama rakkoo uumuuf kaa’ame utuu hinta’in rakkoo furuuf nama kaa’ameedha.
Geggeessitootni yeroo hundumaa addaa addummaa uumuuf, dhaabbata geggeessanis ta’ee, addunyaa keenyarratti dhiibbaa geessisuu kan danda’an, kanaan dura kan ture irra waan fooyya’aa tokko fiduudhaaf yeroo hundumaa dammaqinaan kan kaka’aniidha. Isa kana Piyaars yeroo dubbatu, “Addunyaa irraa jijjiirama gurguddaa namoonni fidan keessasaaniitii humna jijjiiramaa qabu turan” jedha. Inni kun immoo humna hunduma keenya keessa jiruudha. Kana irraa kan ka’e namichi Miiler jedhamu waa’ee geggeessaa yeroo dubbatu, “Mul’anni geggeessaa inni guddaan akkamittin geggeessa? jedhee yaaduu osoo hintaane akkamittan jijjiirama fiduun namoonni hundi jijjiiramaafi karaa adda ta’een akka hojjechuu danda’an gochuu danda’a jedhee yaaduudha” jedha.
Yeroo baay’ee geggeessitootni hundumtuu bifa tokkoofi karaa tokko irra darbuudhaan milkaa’ummaa argatu jennee yaaduudhaan seenaa jireenya namoota hedduufi karaasaan irra darban hordofuudhaan isaan fakkaachuudhaaf baay’ee yaalleerra ta’a. Yeroo tokko tokko geggeessitoota milkaa’an baay’ee yeroo ilaallu amala walfakkaataa qabaachuu danda’u ta’a. Isa kanaaf amalli geggeessaan tokko qabaachuu malu dursee eenyummaasaa, eenyu akka ta’eefi maal ta’uu akka barbaadu hubachuuturraa eegama.
Akkasumas namichi barreessaafi piroofeesarri Inistitiyuutii Liidershiippii, Waaren Baniis jedhamu waa’ee geggeessitootaa yeroo dubbatu, “Geggeessitootni gaaffilee of gaafachuu qaban keessaa muraasni; dhuguman geggeessuuf fedha qabaa? Aarsaa kanfaluuf qopha’aa dhaa?” isa jedhu ta’uu akka qabu dubbata. Isa kanaaf immoo namni tokko eenyummaasaa, dadhabinasaa, jabinasaafi kkf., sirriitti yoo hinbeeku ta’e dandeettii isaatti fayyadamuu hindanda’u.
Darbees geggeessitootni gurguddoon hundumtuu bu’aa ba’iifi mormii gurguddaa isaan quunnamu sababii dandaa’aniif cimoo ta’uutu isaanirraa eegama. Mormii hamaa bitaafi mirgaan irratti ka’uun utuu hinmo’amin kan keessa darban ta’uu qabu. Karaan gara milkaa’umaatti dabarsu hundumtuu mijataa miti. Rakkoolee gurguddaa keessa nama deemsisuu nidanda’a. Geggeessaan mudannoo rakkisoo ta’an gara carraatti gedderachuun itti fayyadamuu hindandeenye yeroo kamillee fiixaan ba’umsa argachuu hindanda’u. Abdii kan isa kutachiiserratti nama tarkaanfii fudhachuu danda’u ta’uu qaba. Gaara ol ba’uudhaaf yaalii godhu keessatti utuu harka hinkennin mo’uudhaaf murtoo qabaachuun barbaachisaadha. Yeroo tokko Ciilalluun utuu muka yaabbatuu simbirroonni arganii itti kolfan, “Maaliif dhamaata mukichi ija tokkollee akka hinqabne hinbeektuu?” yeroo jedhanii itti kolfan, “Rakkina hinqabu gaafan achi ga’u ija nigodhata” jettee deemsa ishee itti fufte.
Geggeessummaa keessatti wantoota abdii nama kutachiisan hunda dandammachuun keessa darbuun milkaa’inaafi jijjiiramaaf nama qopheessa. Sagalee abdii nama kutachiisu dhaga’uun deemsa olii qabate dhaabee deebi’uu hinqabu. Akka geggeessaatti yoomin fiixee milkaa’inaa irra ga’a jedhee nama yaadu, adeemsa eegale nama itti fufu malee nan milkaa’aa laataa jettee nama dhiphatu ta’uu hinqabu. Ilaalcha jijjiirameen amantiidhaan harka diriirsee nama milkaa’ina of harka galfatu ta’uu mala.
Isa kanaaf ilaalchi murteessaadha. Namni ilaalcha gaarii qabu nama dhiibbaa gaarii geessisu ta’uu danda’a. Isa kanaaf geggeessaan tokko duraan dursee jijjiiramuu qaba. Yeroo tokko Lewo Tolestoyi namni jedhamu akkas jedhe, “Hundumtuu waa’ee addunyaa geeddaruu haasa’u malee waa’ee of gedderuu hin yaadan”. Namni ofii hinjijjiiramne jijjiirama fiduu hindanda’u. Namni jijjiirame ilaalchisaas nijijjiirama. Jijjiirama ilaalchaa kana ammoo gama lamaan ilaaluu dandeenya.
Inni tokkoffaan ilaalcha hordoftootni jijjiiramaaf qaban yeroo ta’u inni lammaffaan fedhii dhaabbanni tokko yookaan paartiin siyaasaa tokko jijjiiramaaf qabu ta’a. Jijjiirama hordoftootarratti fiduuf ilaalchasaanii geeddaruun murteessaadha. Sababiinisaa ilaalchi hojjettoota/hordoftoota dhaabbata tokkoo jijjiiramaaf hinqophoofne taanaan jijjiirama barbaachisaa fiduun hindandaa’amu. Akkaataa itti waan karoorfame hojiirra oolu dabalatee hubannoo ga’aa akka qabaatan gochuun gaariidha. Ilaalchi hojjetaan tokko jijjiiramaaf qabuufi jijjiiramaaf hojjechuu gidduu walitti dhufeenya cimaatu jira. Ilaalchi hojjetaan jijjiiramaaf qabu gaarii akka ta’u gochuu dandeenyaan karoora jijjiiramaaf karoorfames hojiirra oolchuuf ni tattafata; of kennees ni hojjeta. Inni kun daran murteessaadha.
Geggeessitootni gama isaaniitiin akka hojjettoonni jijjiirama fidan gochuuf beekumsarratti karaa hundaa’een hojjettootaa wajjin waa’ee jijjiiramaa maree barbaachisaa gochuu, fedhasaan jijjiiramaaf qaban kakaasuu, akka dandeettiisaaniitti amananiif ijaarsa dandeettii barbaachisaa kennuufii, isaan booda akkasaan jijjiirama fiduuf hojjetan gochuun gaariidha. Warri geggeessan yaada namootaa kan kakaasuu dandaa’aniifi hojii gaariif kan qopheessan ta’uu qabu.
“Milkaa’inni fiixee yookaan dhuma hinqabu. Akka galaanaa gadi fagaata. Yeroo keessa gadi seentu waan baay’ee keessa gadi fagaatte yoo sitti fakkaatellee si’achi karaa dheeraan akka si hafe hindagatin.”
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013