Oromiyaatti ganna kana: Lafti heektaara miliyoona 6.3 ni Biqiltuun biiliyona 4.4 ni dhaabama

Bayyanaa Ibraahimiin

Finfinnee: Waqtiin gannaa kutaalee biyyattii hedduu keessatti kan roobni gahaa ta’e itti argamu waan ta’eef akka biyyaatti waqtii qonnaa murteessaadha jedhanii fudhachuun ni danda’ama.

“Nama ganna sirnaan hinqotanne bona hinbahu” akkuma jedhamu waqtii roobni gahaan itti argamu waqtii ganna kana  sirnaan itti fayyadamuuf sadarkaa qophiirraa kaasee hanga facaasaatti adeemsi jirus taanaan sirnaan hoogganamuu qaba.

Kutaalee biyyattii waqtii gannaa kanaatti bifa olaanaa ta’een fayyadaman keessaa immoo Oromiyaan sadarkaa duraa irratti kan argamtuudha.

Waan ta’eefis qonna gannaa kanaaf akka Oromiyaatti lafa heektaara miiliyoona 6.3 ta’u qotuuf kan karoorfame yemmuu ta’u, sochii hanga ammaatti jiruun immoo lafti hektaarri miiliyoona 4.4 ta’u qotamee qophaa’uusaa Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ni ibsa.

Qonna ganna baranaatiif qophiin barbaachisu hundi xumuramuu ibsa tibbana miidiyaaf kennanirratti kan eeran Hogganaan Biirichaa Obbo Dhaabaa Dabalee, dhiheessiifi raabsaan galtee qonnaas bifa gaarii ta’een raawwatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Akka ibsasaaniitti, qonna gannaa kanaaf xaa’oon ni barbaachisa jedhamee dhiheessuuf karoorfame kuntaala miiliyoona 8.2 yemmuu ta’u, hanga ammaatti immoo kan dhihaate kuntaala miiliyoona 6.1dha. Waan ta’eefis barana hanqinni xaa’oo qonnaan bulaa akka hinmudanneef tattaaffii bal’aan taasifamaa tureera. Fedhiin qonnaan bulaan xaa’ootti fayyadamuurratti qabu yerorraa yerotti dabalaa deemaa kan jiru ta’uunsaas hubannoo keessa galamee hojjatamaa kan tureedha.

Hojiin qonnaa gannaa kun kaayyoowwan gurgoddoo afur kan qabu ta’uu kan eeran Obbo Dhaabaan, wabii nyaataa mirkaneessuun, omishoota alaa galan isa biyya keessaatiin bakka buusuun, omisha ala ergiif oolan omishuuniifi damee kanaan immoo carraa hojii olaanaa ta’e hawaasa baadiyyaatiif uumuun kaayyoowwan eegaman ta’uu ibsu.

Akka hogganichi jedhanitti, kaayyoowwan qabaman kanneen bu’uura taasifachuunis qonna gannaa kanaan biqiltuu bunaa biiliyoona tokko dhaabuuf karoorfamee hanga ammaatti miiliyoona 2.3 kan ta’u dhaabuun danda’ameera. Biqiltuu Avokaadoo miiliyoona 1.8 qopheessuudhaaf kan karoorfame yemmuu ta’u, kan qopheessuun danda’ame garuu miiliyoona lama. Akkasumas biqiltuu muuzii miiliyoona 1.4 ta’u dhaabuudhaaf qopheeffamaa jira.

Sochii qonna gannaa kana milkeessuuf immoo tiraaktarootni kuma tokkoofi 374 ta’an qonnaan bulaadhaaf raabsamuunsaaniis ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun ashaaraa magarisaanis akka Oromiyaatti biqiltuun biiliyoona 4.4 ta’u dhaabuudhaaf kan karoorfame yemmuu ta’u, hanga ammaatti boolli dhaabbii biqiltuutiif oolu miiliyoona 2.6 ta’u qotamuusaas ibsaniiru.

Sochii ashaaraa magarisaa baranaa sadarkaa Oromiyaa kanarratti immoo hawaasni miiliyoona 13 ta’u ni hirmaata jedhamee eegama.

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013

Recommended For You