Natsaannat Taaddasaafi Saamiraawit Girmaatiin
Jimmaa/Sulultaa: Itoophiyaattis ta’e biyyoota adda addaatti filannoon duras ta’e booda rakkooleen nageenyaa darbanii darbanii mudachuun waanuma jiruudha.
Filannoon biyyaalessaa marsaa 6fa iftaan Itoophiyaatti adeemsifamus rakkoo tokko malee naga qabeessa, dimokiraatawaafi haqa qabeessa akka ta’uuf hundumtuu gahee irraa eegamu bahachuu qaba.
Paartiileen siyaasaa filanicharratti hirmaachuun mo’atanis ta’e mo’aman nageenya biyyattiif dursa kennuu qabu jedhu jiraattonni magaalaa Jimmaafi magaalaa Sulultaa yaada Gaazexaa Bariisaaf Kennaniin.
Obbo Mashuu Baqqalaa Garasuu jiraataa magaalaa Jimmaati. Akka isaan himanitti, Itoophiyaan biyya bitamtee hinbeekne, birmadummaa mataashee qabduudha. Biyyootni ollaa keenyaa Sudaaniifi Misir, akkasumas biyyoonni akka Ameerikaafi Awurooppaa somba keenyaan malee jiraachuu hindandeessan nuun jechaa jiran kana hubachuu qabu. Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha milkeessuun injifannoo olaanaa guddina dinagdee biyyattii fuulduratti tarkaanfachiisuudha waan ta’eef hirmaannaan ummataa cimee ittifufuu akka qabu yaadachiisu.
Paartiin kamiyyuu aangoo argachuu kan danda’u filannoodhaan ta’uu eeranii, paartiin sagalee ummataa guddaa argatee filannoo mo’ate amanamummaafi ittigaafatamummaa guddaadhaan waggoota shanan ittaanan biyyattii kan bulchu ta’a. Paartiin mo’atame ammoo hanqinootasaa adda baafachuun waan fooyyeffachuu qabu ammoo fooyyeffatee filannoo waggaa shan booda adeemsifamuuf sirriitti of qopheessuu qaba. Filannoo kana nagaqabeessa, dimokiraatawaafi haqa qabeessa taasisuuf paartiileen hundinuu gahee isaanirraa eegamu bahachuu qabu jedhu.
Obbo Munawwar Hamiid magaalaa Jimmaatti jiraataa Ganda Bachoo Booreeti. Akkasaan jedhanitti, nagaan yoo jiraate malee namni bahee galuu hindanda’u. Paartiin kamuu haafilatamu filannoon nagaadhaan jalqabamee xumuramuu qaba. Filannoo booda paartiin sagalee ummataa caalaa argatee filatames ta’e paartiileen mo’aman dhimma nageenyaarratti paartii mo’ate waliin hojjechuu qabu. Ummannis dhimma nageenya eegsisuufi mirkaneessuurratti qaamolee nageenyaa waliin hojjechuu akka qabu yaadachiisu.
Paartiileen siyaasaa waan hunda dura nageenya ummataafi biyyaatiif dursa kennuu qabu kan jedhan jiraataan magaalaa Jimmaa kun, faayidaa siyaasaa argachuufi paartii siyaasaa tokko kuffisuuf jecha jeequmsa kaasanii ummata walitti buusuun sirrii miti. Paartiileen siyaasaa hundinuu nageenya ummataa eeguufi mirkaneessuu hojii duraa akka taasifatanan amaanaa itti kenna jedhu. Dargaggoonnis mootummaafi qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenya biyyattii eegsisuurratti akka hirmaataniif ergaa dabarsaniiru.
Maanguddoo Kabbadaa Godaanaa ammoo jiraataa Magaalaa Sulultaa yoo ta’aan isaanis, filannoon bulchaa ykn mootummaa gaarii bakka buufachuun Itoophiyaa addunyaatti olkaasuuf fayyadu waan ta’eef lammiin hundi ittigaafatamummaasaa ba’achuufi mirgasaatti fayyadamuu akka qabu himu.
“Oromoon lolaanis ta’u tolaan biyyattii ceesisuuf ittigaafatamni irra jira. Akkuma tokkummaadhaan ka’ee diina ofiirraa fonqolchee mirgasaa kabachiifate, filannoo kanarrattis tokkummaan hiriiruun isa yoomii caalaa nagaqabeessa akka ta’uuf guyyichatti nagaan ba’ee filatee galuu, naannawaasaas eeggachuun irra jira” jedhu.
Aadde Zannabuu Tulluus jiraattuudhuma magaalaa Sulultaati. Isaanis filannoon baranaa nagaqabeessa ta’e akka xumuramuuf keessumaa dargaggoonni miira walkabajuufi waldhaga’uutiin osoo dudda walitti hingatiin ga’eesaanii ba’aachuu akka qaban gorsu.
Guyyaa filannoo sanas waan qabachuu qaban qofa qabatanii ba’uun sagaleesaanii nama barbaadaniif kennuu akka qabaniifi naannawaasaaniitti waan addaa yoo argan illee miira keessa seenanii gara jeequmsaa deemuurra, tasgabbiidhaan qaama nageenya naannawaasaanii jiru waliin hiikuu akka qaban dhaamu.
Dubartoonnis mirga heerri mootummaa kenneefitti fayyadamanii mootummaa isaaniif ta’u ofiisaaniitiin akka filataniif ergaasaanii dabarsu.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013