Charinnat Hundeessatiin
Finfinnee: Filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan Wiixata dhufu adeemsifamu akkuma duulli na filadhaa karaa nagaqabeessaan goolabame sirni kenniinsa sagalee isa booda jiru nagaadhaan akka xumuramuuf gaaffii, eenyurraa maaltu eegama jedhu qabannee barreessaa Gumii Abbootii Gadaa Oromoofi abbaa Gadaa Tuulamaa, Goobana Hoolaa, Waldaa Makaana Iyyasuus Itoophiyaarraa Luba Doktar Goofaree Haaddishoofi Ministir De’eetaa Minsteera Nageenyaa Aadde Warqinash Birruutiif dhiyeessineerra. Keessumaa Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa hariiroofi addummaa filannoon ammayyaafi sirni Gadaa qaburraa ka’uun deebii ittaanu nuu kennaniiru.
Filannoon ammayyaafi sirni Gadaa iddoo ittiwalitti dhufaniifi walfaallessan qabu. Sirni Gadaa keenya miseensa gogeessa (paartii) shan qaba. Paartiileen shanan kunniin waggaa saddeet saddeetiin aangoof waljijjiiru ykn waliikennu.
Hanga abbaan dabaree waggoota saddeetiif bulchutti kuun jiruufi jireenya sabasaa, akkasumas waa’ee biyyoota ollaasaa, dinagdeesaa, siyaasa biyyaalessaatiin aantummaa ummatasaatiif qaburratti xiyyeeffatee hojjeta. Inni marsaa aangoosaa fixe otoo guyyaa tokkollee hindabarsiin paartii ittaanutti kenna jedhan.
Sirni filannoo si’anaa kun garuu yeroo sirna atseewwanii waan ‘indaraasee’ jedhamutu ture. Innis bifuma filannootiin bakkicha qabataa ture. Indaraaseen akka yeroo sanaatti bakka bu’oota ummataati. Sirna Dargii keessa ammoo waan ‘biheeraawwii shangoo’ jedhamutu ture. Kunis akka filannootti gegeeffamaa kan tureedha jechuun ibsan.
Filannoo iftaaniitiin walqabatee oggaa ibsan, “Paartiileen yeroo kennameefitti yaadasaanii ummataaf ibsaa waan turaniif filannichi otoo jeequmsi tokkollee hinka’iin gaggeeffamee xumuramuu qaba. Isa ittaanu murtii ummataatiif dhiisuudha. Yoo dhuguma ummata kana tajaajiluuf dorgamaniiru ta’e murtii ummataa harcaatii tokko malee kabajuu qabu. Filannichaan walqabatee badiin tokkollee uumamuu hinqabu. Lubbuun namaa darbuufi qabeenyi barbadaa’uus hinqabu. Kanarratti paartiileen siyaasaa ejjennoo cimaa qabachuu qabu” jedhan.
Filannoo biyyoota guddatanitti adeemsifamu yoo fudhanne yaadni caalmaa qabuufi mo’ataan dhufee akka dhufuudha kan eegamu malee barcuma qabachuuf qofaaf kan taasifamu miti kan jedhan Abbaa Gadaa Goobanaan, keenyas akkasuma ta’uu akka qabuufi tarkaanfiin kamuu sirna dimokraasii Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jiru kan faallessu ta’uu hinqabne gorsu. Filannoon kamuu otoo yaaddoo hintaane gammachuu fidu qaba jedhan.
Kaardii fudhanneen dhoksaatti abbaa barbaadne waan filannuuf wareegamni biraa akka hinbarbaachisne eeranii, ummanni Oromoos ta’ee warri kaan karaa nagaatiin paartii barbaade filachaa nageenyasaa akka eeggatu, obsu, mariifi marabbaa marabbaa akka godhatu dhaaman.
“Paartiin ummataan filatames sagalee ummataa kabajee biyya bulchuu qaba. Dorgomtoonni kaan waan eegan yoo dhaban waan dhala namaa ta’aniif mufachuu danda’anillee obsa qabaachuu qabu. Qoccolloofi gaddi uumamus “Akkuma horaniin horati hinoofan”. Paartiileen siyaasaa hundi akkuma dorgomanitti mo’achuu hindanda’an.
Garuu ammoo carraa teessoo argachuu qabaachuu danda’u. Akka seeraatti kan mo’achuu danda’u paartii tokko qofa. Kanaafuu paartii kamuu yoo argates yoo dhabes aantummaa sabasaatiif jecha ummata keessatti summii hintaane hafuufuurraa of qusachuu qaba. Kan ta’uu qabu paartii mo’ate utubee biyyaafi ummata ceessisuudha. Mo’atamnaan malli tokkichi jiru filannoo ittaanuuf of qopheessuu qofa” jedhan.
Paartiileen siyaasaa yeroo ammaa teessoo argachuufi dhabuusaanii qofa ilaaluu hinqaban. Ummata nagaa, guddina dinadgeefi siyaasa tasgabbaa’aa barbaadu yaada keessa galchanii socho’uu akka qabanis gorsanii, aantummaa maatiif, saba bal’aa filannicharratti hirmaateefi biyyasaaniitiif qaban karaa naqaa qofaan socho’uun agarsiisuuf of qopheessuu qabu. Sirni Gadaas kanuma jedha. Biyyi akka ittifuftuuf waan hunda tasgabbiidhaan ilaaluu qabu jedhan.
Qarreefi qeerroon keenyas eessaa kaanee akka eessa jirru sirnaan hubachuu akka qabanis barreessichi eeranii, waan ta’aa jiru sirriitti tasgabbaa’anii hubachuun akka irraa eegamuufi fuulduratti tarkaanfachiisna jedhanii bitaa mirga duraa duuba ilaaluu qabu malee wareegama hinmalle qaamuma kamiifuu meeshaa ta’anii dabarsanii of kennuu hinqabne dubbataniiru.
Dhimma ijaarsa hidha guddichaa fa’iin walqabatee biyya keenya haalota daran hamaa keessatti filannicha geggeessuuf qophaa’aa waan jirtuuf akkuma kaleessa abbootiin keenya qormaata mudate tokkummaan ofirraa faccisan ammas seenaa sana irra deebi’uun rakkoo keessaafi alaa qolachuu barbaachisa jedhan.
Luba Doktar Goofaree Addishoo gamasaaniin, namoonni baay’een yeroo filannoo sodaa keessa galu. Yeroo filannootti biyyoota guddatan kanneen akka Ameerikaafaattiyyuu yeroo tokko tokko jeequmsi ni ka’a jedhanii, ummatni biyya keenyaas yeroo filannoo sodaachuun sirrii miti jechuun akka hindanda’ame eeru.
Filannoorratti paartiin carraa argatee mo’ateefi kan carraa dhabee mo’ame biyyattiif jecha walgargaaruu qabu. Paartiin mo’ame filannoorratti mo’ame isa mo’ateef carraa gaarii hawwee filannoo waggaa shan booda adeemsifamuuf sirriitti of qopheessuu qaba malee jeequmsa kaasuufi paartii mo’ate waliin qoccolloo keessa galuun barbaachisaa miti jedhan.
Natu caalaafi anatu danda’aan hafee isa Waaqayyo carraa kenneefi moosise deggeruun barbaachisaadha. Paartiin filannoo mo’ates amaanaatu natti kenname jedhee ittigaafatamummaadhaan biyyattii geggeessuu qaba. Paartii carraa dhabee mo’ameen anatu sicaale, anatu si mo’ate utuu hinjedhin kabajaa kennuufii qaba. Ummatnis paartii carraa argatee mo’ateef tole, nu bulchi jechuu akka qabus dubbatan.
Filannoo booda warri iddoo gaarii taa’anii walitti bu’iinsa uumuuf carraaqanis gochasaaniirraa of qusachuu qabu. Jeequmsa uumanii lubbuun namaa akka badu, dhiigni akka dhangala’u, lafeen akka cabuufi qabeenyi akka barbadaa’u godhan gochasaanii badaa kanarraa of qusachuu akka qabus gorsaniiru.
Ministir de’eetaan Ministeera Nageenyaa Aadde Warqinash Birruus, filannoon iftaanii loogiifi sodaa tokko malee akka gaggeeffamuuf hunduu kan ga’eesaa ba’achuu akka qabuufi ololawwan addaddaa nama filannoorratti hinhirmaanneen taasifamuuf osoo gurra hinkenniin uammnni ba’ee filachuun biyyasaa ceesifachuu akka qabu dhaamaniiru. Nageenya filannichaatiifis qaamolee nageenyaa fa’iin qophii ga’aan taasifamuus eeraniiru.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 12/2013