“Gaazexaan Bariisaa waaltinaafi guddina Afaan Oromootiifis gumaacha guddaa taasisaa jira” -Barattoota Yunivarsitii Salaalee

Finfinnee: Yunivarsitii Salaaleetti, Barattoonni Muummee Afaaniifi Ogbarruu Oromoo waggaa sadaffaa torban darbe kutaa qophii Gaazexaa Bariisaa daaw’ataniiru.

Daaw’annaasaaniitiinyaadxina kutaa keessatti baratan qabatamaan akkamitti akka hojiirra ooluufi gaazexichi sadarkaa akkamii keessa darbee maxxanfamee odeeffannoo ummata biraan akka ga’u hubataniiru.

Gaazexichi odeeffannoo wayitaawaafi qabatamaa hawaasa biraan gahuurra darbee waaltinaafi guddina Afaan Oromoo keessatti gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru ta’uus eeraniiru.

Daaw’attoota keessaa tokko kan ta’e barataa Milkiyaas Tasfaayee akka jedhutti, korsii gaazexeessummaas waan barannuuf kutaa qophii Gaazexaa Bariisaa daaw’achuun hubannoo gahaa argadheera. Daaw’annaa taasifneen waanti daree keessatti baranne qabatamaan akkamitti akka hojiirra oolu argineerra. Gaaffii gaafanneefis deebii gahaa arganneerra jedha.

Kanaan dura Gaazexaa Bariisaa darbee darbee dubbisaan ture kan jedhu barataan kun, gaazexicha yeroo ammaa karaa miidiyaa hawaasummaa (online) hordofaa akka jiruufi kunis odeeffannoon battalatti dubbistoota bira akka gahu taasiseera. Kun fooyya’iinsa guddaadha. Duraan gaazexichi torbaniifi ji’a tokko booda dubbistoota bira qaqqabaa akka tures eereera.

Barattuu Roobeet Gaaromaa gamasheetiin akka jettutti, saayinsii kutaa barnootaa keessatti baranne qabatamaan akkamitti hojiirra oolaa akka jiru daaw’annaa taasifneen hubanneerra. Gaazexaan Bariisaa akkamitti akka qophaa’uufi maal maal keessa darbee akka maxxanfamuun odeeffannoo hawaasa biraan gahaa akka jiru hubanneerra jetti.

Kanaan dura gaazexicha darbee darbee yunivarsiticha waan dufuuf dubbisaa akka turteefi yeroo ammaa ammoo karaa miidiyaa hawaasummaa ‘oline’ hawaasa bira gahaa waan jiruuf dubbistoonni salphaatti odeeffannoo wayitaawaa argachaa jiru jetti.

Gaazexaan Bariisaa odeeffannoo qabatamaa hawaasa biraan gahuurra darbee waaltinaafi guddina Afaan Oromoo keessattillee gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu kan eertu barattuun tun, gaazexichi torban keessatti yeroo lama ykn sadii akka maxxanfamuuf karoora kan qabu ta’uu odeeffachuus eerteetti. Kun oduu gammachiisaa dafee hojiirra ooluu qabu ta’uus dubbatteetti.

Booranaa Nugusee yunivarsitichatti Barsiisaa Afaaniifi Ogbarruu Oromooti. Daaw’annichi wantoota barattoonni daree keessatti yaadxinasaa baratan qabatamaan akkamiin hojiirra oolaa akka jiru kan hubachiisuudha.

Daaw’annaa taasifneenis wantoota barbaachisan arganneerra. Gaazexaa Bariisaa seenaa guddaa qabuufi dhimmoota hawaasummaa, dinagdee, afaanii, aadaarratti bal’inaan hojjechaa jira. Gaazexicharraa ammayyuu waan guddaa waan eegnuuf hojiisaa cimsee ittifufuu qaba jedhu.

Yeroo gara garaa gaazexicha dubbisaa akka turan kan eeran barsiisaan kun, gaazexichi ammayyuu dhimmoota Afaan Oromoo, wayitaawoo, hawaasa dadammaqsan, addunyaa, xiinsammuufi hawaasni ykn dubbisaansaa barbaadurratti xiyyeeffachuun kan ammaa caalaatti hojjechuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Addunyaan nuti keessa jirru kan to’ate miidiyaa hawaasummaa ta’uu kan eeran Barsiisaa Booranaan, gaazexaan ammoo odeeffannoo qabatamaa dhiyeessuun hawaasni odeeffannoo miidiyaa hawaasummaatiin akka hinburjaajofne taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhu.

Gaazexaan kun karaa miidiyaa hawaasummaa (online) ummata bira akka ga’u ta’uusaatiin odeeffannoon dur torbaniifi isaa ol eegee ummata bira gahaa ture battalatti akka argatan waan taasiseef hojiin ammayyaa’ee cimee itti fufuu qabuudha jedhu.

Gaazexaan Bariisaa oduu qabatamaafi ummatni barbaadurratti xiyyeeffatee hojjennaan miidiyaa hawaasummaa to’achuu ni danda’a kan jedhan barsiisaan kun,  aktivistoota oduu sobaatiin ummata burjaajessanis gabaa keessaa baasuu danda’a jedhu.  

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You