Finfinnee: Koronaafi rakkoolee biroo keessa taanee pirojektoota sukkaaraa akka Xaanaa Balas xumuruun keenya itti fufiinsa milkaa’ina keenyaa agarsiisa jedhu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad.
Doktar Abiyyi sirna eebba warshichaa Wixata darbe adeemsiofamerratti akka jedhanitti, hoggansi jijjiiramaa rakkoolee walxaxoo ijaarsa pirojektotaarratti mul’atan gamaggamuudhaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuusaatiin bu’aalee jajjabeessoo galmeessisaa jira. Rakkoo ijaarsa warshichaa waggoota saddeetiif harkisaa ture furuudhaan ijaarsisaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramee akka eebbifamu ta’eera jedhu.
Mootummaan ijaarsa pirojektota guguddoo kanneen akka Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaafi Hidha Koyishaa dafee xumursiisuun guddina dinagdee biyyattiifi ittifayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf halkanii guyyaa hojjechaa jiraachuu himanii, ijaarsawwan pirojektotaa lafarra harkfatan xumursiisuu qofa osoo hintaane pirojektota haaraa Gorgoraa, Koyishaafi Wanciitti yeroo gabaabaa keessatti xumursiisuudhaan biyyattii turizimiidhaan filatamtuu taasisuuf hojjetamaa kan jiru ta’uu himanii, ummatnis hirmaannaa ijaarsa pirojektotaa milkeessuuf taasisaa jiru cimsee akka ittifufuuf gaafataniiru.
Warshaan zayitii nyaataa qarshii biiliyoona 5.2 oliin Magaalaa Dabira Maariqoositti ijaarames hojii jalqabeera.
Warshaan zayitii nyaataa ‘W.A Industrial Edible Oil Complex ’ jedhamu kan baasii qarshii biiliyoona 5.2 oliin naannoo Amaaraa magaalaa Dabira Maariqoositti ijaarame Caamsaa 30 bara 2013 bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad argamanitti eebbifamee hojii jalqabeera.
Warshaan zayitii ‘W.A Investment Group’ jedhuun hundaa’e namoota kuma tokkoofi 500 oliif carraa hojii uuma ta’a. Warshichi humna guutuudhaan gara omishaatti yeroo galu guyyaatti zayitii liitira miliyoona 1.3 ol kan omishuu yoo ta’u, qonnaan bultoota naannichaa waliinis walitti dhiyeenyaan kan hojjetu ta’uu ‘TOI’n gabaaseera.
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013