Qabeenyawwan turizimii Oromiyaa gara dinagdeetti jijjiiruuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Oromiyaan qabeenyawwan turizimii uumamaatiinis ta’e namtolcheetiin kan badhaate taatus ittifayyadamarratti akka nama bishaan keessa dhaabbatee dheebotuu taatee turte. Komishiniin Turizimii Oromiyaa qabeenyawwan turizimii naannichaa kunuunsuu, misoomsuufi beeksisuun gara dinagdeetti jijjiiruuf hojii erga  jalqabee ji’a 11fa keessa jira.

Komishnarri ittaanaa komishinichaa Obbo Abiyyuu  Tasammaa ibsa Kibxata darrbe gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaan akka biyyaattis ta’e naannootti qabeenyawwan turizimii guddaa kan qabdu ta’us seeraan fayyadamaa hinturre.

Komishinichi erga hundaa’ee as qabeenyawwan turizimii naannichaa kunuunsuu, sadarkaa biyyaafi addunyaatti beeksisuu, fandii misooma turizimiif oolu walitti qabuun iddoowwan ga’umsa turizimii misoomsuufi qo’annoofi qorannoo adeemsisuun qabeenyawwan turizimii naannichaa gara dinagdeetti jijjiiruuf hojjechaa jira. Hojiilee kunneen teknolojiitti fayyadamuun hawaasa naannawaa waliin ta’uun raawwatamaa kan jiran ta’uu dubbatu.

Kanaan dura qabeenyawwan turizimii naannicha keessa jiran hinbeeknus hinbeeksifnes kan jedhan Obbo Abiyyuun, komishinichi miidiyaa hawaasummaa ‘Visit Oromia’ jedhamuun akkasumas namoota bebbeekamoofi miidiyaalee fayyadamuudhaan qabeenyawwan turirizimiifi iddoowwan ga’umsa turistii naannichaa beeksisuuf hojjechaa jira.

Marsarii komiishinichi sagantaa kana ilaachisuun qopheessaa jirus yeroo gabaabaa keessatti beeksifama. Kun namootni bakka kamiyyuu taa’anii qabeenya turizimii Oromiyaa akka daaw’ataniif kan gargaaruufi kaka’umsa isaan qabeenya turizimii Oromiyaa daaw’achuuf qaban akka dabalu kan taasisuudha jedhu.

Iddoowwan hawata turistii akka biyyaatti jiran keessaa %50 ol Oromiyaa keessatti kan argaman ta’uu himanii, akka ragaan ALA bara 2019 ba’e ibsutti Oromiyaan dhangala’iinsa turistiifi galii damecharraa argattuun naannolee biyyattii keessaa sadarkaa 6farratti argamti. Kun qabeenyawwan turizimii keenyatti fayyadamaa kan hinjirre ta’uu agarsiisa. Qabeenyawwan turizimii jiranitti fayyadamuu dhabuun akka naannoottis ta’e biyyaatti miidhaa guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Qabeenyawan turizimii beeksisuufi iddoowwan hawata turistii misoomsuun galii damee turizimiirraa argamu guddisuun dinagdee naannichaas ta’e biyyattii utubuurra darbee hawaasa naannawaatiifis carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uu kan himan Obbo Abiyyuun, waggoota shanan dhufanitti Oromiyaa iddoo hawwata turistiitiin sadarkaa tokkoffaa akka qabattuu taasisuuf hojjechaa jira.

Hojiin qabeenyawwan turizimii naannichaa eeguufi iddoowwan ga’umsa turistootaa misoomsuuu qaamolee hawaasaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi caasaalee mootummaa aanaadhaa hanga federaalaatti jiran waliin hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Allaattiiwwan akka biyyaatti qabnu keessaa irricaalaan Oromiyaa keessatti kan argaman ta’uu himanii, akaakuun simbiraa ‘Liben Lark’ jedhamtu ammoo Oromiyaa keessaa Godina Booranaafi Gujii qofatti argamti.

Akaakuun simbiraa kun eegumsaafi kunuunsa barbaachisu dhabuudhaan sadarkaa baduurra waan geesseef hawaasa naannawaa, ogeessota kunuunsaafi nageenya simbirrootaarratti muuxannoo qabaniifi qaamolee mootummaa naannichaafi federaalaa waliin ta’uun baay’ina akaakuu simbirroo kanaa guddisuuf hojjetamaa jira. Workishooppiin dhimma kanarratti xiyyeeffatus Kibxata dhufu Nagallee Booranaatti kan adeemsifamu ta’uus himaniiru.

Itoophiyaatti Industiriin turizimii erga hojii jalqabee waggaa 70 ta’eera kan jedhan Obbo Abiyyuun, hanga ammaatti garuu waggaatti turistoota idl addunyaa miliyoona tokko harkisuu hindandeenye. ALA bara 2013 qofa Faransaay waggaa tokko keessatti turistoota miliyoona 90n daawwatamteetti.

Bara sana turistootni Afrikaa daaw’atan miliyoona 65 turan. Itoophiyaan hambaawwan hawata turizimii mula’atan sagaliifi hinmul’anne (kiliyaa) sadii waliigalatti hambaawwan 12 ‘UNESCO’tti galmeessisuun Afrikaarraa sadarkaa tokkoffaarratti argamti. Hambaaleen biyyattii galmee yeroo ‘UNESCO’tti galmaa’an hedduun jiraachuus eeraniiru.

Dhangala’iinsa  turistiitiin garuu biyyoota hambaa tokkoyyuu “UNESCO’tti hingalmeessifnetu Itoophiyaa caalaa damee turizimiirraa galii guddaa argachaa jira kan jedhan Obbo Abbiyyuun, industirii turizimii kana guddisuun carraa hojii bal’aa uumuurra darbee galii argamsiisuun dinagdee biyyaas ta’e naannichaa utubuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Komishinichi qabeenya turizimii naannichaa gara dinagdeetti jijjiiruudhaaf qooda fudhattoota hunda (yunivarsitiiwwan, saayintistoota, sektaroota mootummaa, dhaabbilee mitimootummaa) waliin qindoominaan hojjechuuf qophii taasisaa jiraachuus himaniiru.

Yunivarsitii Metiropolitaanii Kotobeetti  akaakuu Simbiraa ‘Liben lark’ jedhamturratti qorannoo bal’aa kan geggeessan Doktar Biruuktaawit Abduu akka jedhanitti, akaakuun simbiraa kun Itoophiyaa keessaa Godina Gujiifi Boorana qofatti argamti. Akaakuun simbiraa kun eegumsaafi kunuunsa barbaachisu dhabuurraa kan ka’e sadarkaa baduurra geesseetti. Kanaafuu akaakuu simbiraa badiirraa baraaruuf eegumsiifi kunuunsi barbaachisaan taasifamuufii akka qabu eeru.

Itoophiyaan akaakuuwwan simbirrootaa 860 ol kan qabdu yoo ta’u, isaan keessaa 800 Oromiyaa keessatti argamu. Simbirrootni Itoophiyaa keessa qofatti argaman ammoo afur yoo ta’an, isaanis Godina Gujiifi Borana qofatti argamu. Turizimiin akka simbirrootaa galii guddaa argamsiisu hinjiru. Kanaafuu damee qabeenya turizimii kanaaf eegumsiifi kunuunsi barbaachisu taasifamuufii akka qabu yaadachiisu.

Simbirri ‘Liben Lark’ jedhamtu marga keessatti  mannee ijaarrattee jiraatti kan jedhan Doktar Biruuktaawit, lafti simbirroon kun jiraattu qonnaafi dheedichaan waan manca’eef akaakuun simbiraa kun sadarkaa baduurra geesseetti.

Baay’inni akaakuu simbiraa kun yeroo ammaa 100 gadi. Yunivarsitichi akaakuu simbiraa kana badiisarraa baraaruuf komishinicha waliin hojjechaa jira. Bakki simbirroon kun jirtus dallaadhaan daangeffamee eegamuufi kunuunfamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Woorkshooppiin dhimma kanarratti xiyyeeffachuun Kibxata dhufu magaalaa Nagallee Booranaatti adeemsifamus hawaasni naannawaa rakkoo akaakuu simbiraa kanarra gahaa jiru hubatee eegumsaafi kunuunsa barbaachisu akka taasisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013

Recommended For You