Finfinnee: Madda oduuwwanii akkasumas seenaa fagoofi dhiyoo ta’ee tajaajilaa kan jiru Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa ofiisaatiiyyuu ashaaraa ta’uu dubbatu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad. Dhaabbatichi Bitootessa 24 bara 2010 irraa eegalee hanga Bitootessa 14 bara 2013tti haasaawwan Ministirri Muummee paarlaamaati taasisan Kitaaba ‘Ashaaraa’ jedhuun maxxansiisee Wixata darbe eebbisiiseera.
Ministirri Muummee guyyaa ayyaana waggaa 80fa hundeeffama dhaabbatichaafi eebba kitaabichaarratti argamuun haasaa taasisaniin akka jedhanitti, ashaaraa kaa’uun hojii guddaa gaafata, hojjechuu baannaan ashaaraa kaa’uu hindandeenyu. Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaas hojjechuusaatiin hanga har’aatti seenaa Itoophiyaa keessatti ashaaraa guddaa kaa’aa tureera, ammas kaa’aa waan jiruuf ofiisaatiiyyuu ashaaraadha jedhan.
Namootni hundi yaada qabu, yaada qabanis karaalee adda addaa ummataan gahu kan jedhan Doktar Abiyyi, dhaabbatichi haasaa koo qofa osoo hintaane haasaa namoota ana caalaa Itoophiyaadhaaf waan guddaa hojjechuu danda’aniis biyya waan jijjiiruuf haala walfakkaatuun kaa’ee abbaa oolmaa ta’uusaa mirkaneessee itti fufuu akka qabu yaadachiisaniiru. Haala kanaan hojjechuun dhaloota qaruufi biyya bor hawwinu ijaaruuf bu’uura guddaa ta’uus ibsaniiru.
Namootni baay’een rakkoolee waggoota sadan darban keessa dabarsine akka waan guddaatti hadheeffatu kan jedhan Doktar Abiyyi, rakkooleen akka jiran hinhaalamu. Rakkoolee waggoota sadan darban nu mudatan kan waggoota 10 darban waliin yoo madaallu rakkoo keessa taanee akkamitti gara fuulduraatti ce’uu akka danda’amu yeroo itti argine ta’uu irraanfachuu hinqabnu jedhu.
Waggoota sadan darban asittis achittis rakkoo cimaa keessa turrus pirojektota sukkaaraa 10 waggaa torbaafi saddeet har’aa dura xumuramuu qaban xumursiisuuf hojii bal’aa hojjenneen pirojektota sukkaaraa 10 keessaa torba qarshii biiliyoona 92n xumuruu dandeenyeerra jedhan. Industirii qonnaafi paarkiiwwan industiriis jalqabamanii addaan citu malee xumuramaa hinturre. Gama kanaan jijjiirama olaanaa fidneerra jedhan.
Yeroo ammaa namootni baay’een milkaa’inoota kunnuun hubachuu dadhabanii ijaafi onneesaanii cufaniiru kan jedhan ministirri muummechaa, kun Itoophiyaa waan hinceesifneef ijaafi onneesaanii bananii wantoota hojjetaman dinqisiifachuufi hanqinoota jiranis seeraan gaafachuu akka qaban yaadachiisu.
Nageenyiifi badhaadhinni Itoophiyaa eenyuyyuu barbaadus barbaaduu baatus ni mirkanaa’a kan jedhan Doktar Abiyyi, hundi keenya biqiltuu itti fufiinsaan dhaabuun gahee nurraa eegamu ta’uusaa hubachuu qabna. Hoggantoonni mootummaas injifannoo argame dubbachuu qofa osoo hintaane injifannoo olaanuufi biyyattii ceesisuudhaaf hojii guddaan kan isaanirraa eegamu ta’uusaa hubachuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Raawwachiisaan Hojii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Obbo Geetinnat Taaddasaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, barri 2010 seenaa biyyattii keessatti haala ta’ee hinbeekneen bara itti ce’umsi aangoo karaa dimokiraatawaadhaan itti mul’ateedha. Bitootessi 24 bara 2010 seenaa biyyattii keessatti Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad haasaa iddoon guddaan kennamuuf kan taasisan ta’uu dubbatu.
Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaas “Oduu guyyaa guyyaanii hojjechuudhaan seenaa ni keenya” mataduree jedhuun hojjechaa kan jiru ta’uu himanii, haasaawwan ministirri muummee Bitootessa 24 bara 2010 irraa eegalanii taasisan mata duree kitaabaa ‘Ashaaraa’ jedhuun barreessee maxxansiiseera. Hojiin kitaabicha qopheessuu daran dadhabsiisaa ta’us bu’aa gaariin himaniiru.
Dhaabbatichi hundeeffamasaa waggaa 80fa yeroo kabajutti gaazexoota maxxansaa turetti gaazexoota haaraa lama ‘Wagaahitaa’ Tigiriffaatiin, Bakkalchoo Afaan Sidaamaatiin dabalee maxxansiisaa jira. Dhaabbatichi kanaan dura waajjira ministira muummee waliin ta’uun kitaaba odeeffannoo waajjiraalee mootummaa qabu maxxansiiseera.
Har’a hundeeffamasaa waggaa 80fa kabajaa kitaaba ‘Ashaaraa’ jedhamu maxxansiisee eebbisiiseera. Milkaa’ina hojii kanaaf gumaacha Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Dhaabbatni Maxxansaa Biraaninnaa Salaam taasisaniifis galateeffataniiru.
Sirna eebba kitaabichaarratti ministira muummee dabalatee Shuumiin Itaamaazhoorii Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Biraanuu Juulaa, pirezdaantonni naannoleefi Ittaantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebeefi namootni bebbeekamoon, hayyoonni, hoggantoonniifi hojjettoonni dhaabbatichaafi keessummootni waamichi taasifameef argamaniiru.
Riippoortara gaazexichaatiin
Gaazexaa Bariisaa Waxabajjii 5/2013