Shaampiyoonaa Miliyoona badhaase

Finfinnee:Dirreen Wal morkii kubbaa miilaa dirree nageenyaa jedhamuun beekama.SababnIsaas morkattoonni garee lamaanii daqiiqaa 90 keessatti falmii olaanaa taasisuudhaan wayita taphichi xumuramu wal hammatanii jaalalaafi obbolumaan “maaliyaa” wal jijjiiruudhaan waan addaan galaniifi.

Keessumattuu taphattoonni naannoo adda addaa halaalatti maqaadhaan malee waltajjii tokkorratti wal hinbeekne maqaa wal jijjiiruudhaan boru iddoo wal fakkaaturratti walitti nu haafidu jechuudhaan hawwiidhaan adda bahu.

Kanarraa kan ka’e waltajjiin kun waltajii jaalalaa,obbolummaa,tokkummaa,wal marartiifi misoomaa jedhamuudhaan ummata addunyaas ta’u biyya tokkoo biratti leellifamaa kan jiruuf.

 Ispoortiin kubbaa miilaa kun biyya keenyattis jaalatamaa ta’uudhaan bara 1936 irraa kaasee dargaggoota biratti hordoffii,ummata biratti ammoo jaalatamaa  ta’uudhaan waggoottan 77f waggaa waggaadhaan gaggeeffamaa tureera.

Wal morkiin kun baranas kilaboota 13 jidduutti ji’oota saddeetiif magaaloota naannolee shanitti gaggeeffamaa turuudhaan Wiixata darbe sirna miidhagaadhaan Hoteela Sheraaten Addisitti xumura argateera.

 Wal morkii baranaa kanarratti kilaboonni 13 magaalaa finfinneefi Dirree Dhawaa dabalatee naannoo ummattoota Kibbaa,Amaaraafi oromiyaarraa waltti bahuudhaan falmii gochaa turanis kilabni Amaaraa bulchiinsi magaalaa Faasil shaampiyoonaa ta’uudhaan waancaa,meedaaliyaa warqiifi qarshii miliyoona 10,kuma 346fi877 badhaafamera.

Seenaa wal morkii kubbaa miilaa kilaboota Itoophiyaa keessatti kilabni shaampiyoonaa ta’e badhaasa akkanaa kana yoo argatu kilabni Bulchiinsa Magaalaa Faasil kan duraa ta’usaatti.

Kilabichi shaampiyoonaa ta’uusaatti Naannoon Amaaraa naannooleefi abbootii qabeenyaa mari’achiisuudhaan torban darbe qarshii biliyoona tokko sassaabuudhaan kilabichaaf istaadiyooma ammayyaa sadarkaa isaa eeggate ijaaruuf,naannoo Amaaraa keessatti akkaadaamii ispoortii dargaggootaa ijaaruuf waadaa galuun isaa kan yaadatamuudha.

Wal morkii kubbaa miilaa beetkiing liigii piriimeerii Itoophiyaa jedhamuudhaan koree liigii kubbaa miilaa Itoophiyaatiin barana gaggeeffamaa ture kanatti walumaa galatti kilaboonni hirmaatan 13n taphawwan 153 taasifataniiru.

Taphawwan gaggeeffaman kanatti walumaa galatti qarshiin miliyoona 163,kumni 256fi 800 kan argame yoo ta’u dimshaashumatti qarshiin miiliyoona 141,kumni 962fi 344.78 argameera.

Koreen  liigii kun akka muldhisetti kilaboota sadan barana liigii biyyaaleessaatti gadi bu’an dabalate qarshiin baasirraa hafe kan gubbaatti erame kun akkuma sadarkaa saanitti hirameraf.

Haaluma kanaan sadarkaa lammaffaa kan argate kilabni Buna Itoophiyaa meedaaliyaa meetiifi qarshii miliyoona 10,kuma 169fi 424,sadaffaa kan ta’e Qiddus Giyoorgis miliyoona 9,kuma 991fi 977 badhaafamaniiru.

Akkasumas Hadiyyaa Hosaa’inaa miliyoona 9,kuma 814fi 518,magaalaan Sabbataa miliyoona 9,kuma 637fi65,Hawaasaan miliyoona 9,kuma 459fi 612,Baahir Dar miiliyoona 9,kuma 282fi159,Walaayittaa Diichaa miliyoona 9,104fi 706, Bunni Siidaamaa miliyoona 8,927fi 253,Dirree Dhawaan miliyoona 8,749fi 800  argataniiru.

Kilaboonni sadan gara liigii biyyaaleessaatti gadi dacha’an Magaalaan Walqixxee,miliyoona 8,kuma 572fi 347,Jimmaa  Abbaa Jifaar miliyoona 8,kuma 394fi 893,Magaalaan Adaamaa miliyoona 8,kuma 217fi 440 badhaafamaniiru.

Walumaa galatti shaampiyoonaa baranaa kanatti kilaboonni ummattoota Kibbaa Buna Siidaamaa dabalate qarshii miliyoona 45,kuma 878fi 437 ,Oromiyaan miiliyoona 26,kuma 249fi 398,Amaaraan miiliyoona 20,kuma 161fi 395 fudhachun gara naannoosaaniitti deebi’aniiru.

Shaampiyoonaan baranaa kun sababii Covid 19n walqabatee  bakka daawwatan baayi’naan tikkeeta kutatee hin galletti istaadiyoomii cufamaa keessatti gaggeeffamus galiin argame garuu kan nama dinqisiisudha. Miliyoonni argame kuns rakkina baajetaa kilabotaa waan salphisuuf carraa guddaan argameera.

Koreen liigii biyyaalessaa kun  shaampiyoonaa baranaa kanarratti taphattoota beekamoo (Urjii),leenjistoota,murtee kennitoota,fi kilabootaaf badhaasa addaa badhaaseera.

Haaluma kanaan taphataa beekamaa,galchaa beekamaafi taphataa urjii beetkiingii liigii piriimeerii Itoophiyaa waggaa kanaa ta’uudhaan, taphataan kilaba Buna Itoophiyaa Abubakar Naasir walumaa galatti qarshii kuma 536 badhaafameera.

Dargaggeessa umrii 23 kan ta’e Abubakar Naasir shaampiyoonaa baranaa kanatti kanaan dura taphataa kilaba Dadabiit Geetaanee Kabbadaatiin qabamee kan ture rikardii galchaa 24 galchoota 30 galchuudhaan badhaasa addaa waancaa fudhateera.

Akkasumas wal morkii baranaa kanatti kilabni bulchinsa magaalaa Faasil qabxii 54n shaampiyoona liigichaa kan godhe leenjisaa Siyyum Kabbadaa qarshii kuma 200,Balaayinaa Taaddasaa murtee kennaa beekamaa waggaa,galcha eegaan beekamaan ammoo Mikaa’el Samakaa tokkoon tokkoon isaanii qarshii kuma 110 badhaafamaniiru.

Shaampiyoonaan liigii pirimeerii Itoophiyaa kun magaalota naannoolee adda addaatti gaggeeffamaa turus akka kanaan duraa deeggartoonni kilabootaas ta’u daawwataan kubbaa miilaa rakkina tokko malee naamusa gaariidhaan deeggaruudhaan xumurameera. Miirri  akkanaa kun itti fufnaan hamileen kilabootaa,murtee keennitootaafi taphattootaa cimaa waan deemuf guddina kubbaa miilaa biyyaaf bu’aa olaanaa argamsiisa jedhameeti abdatama. Kanaafuu dirreen kubbaa miilaa dirree waraananageenyaati jedhamuudhaan kan dubbatamu.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013

Recommended For You