Guyyaan filannoo dhihaateera. Asii ol osoo hinta’in achii gadi lakkaa’uun jalqabameera. Kan faranjoonni ‘count down’ jedhan sana. Halaa kanaan har’arra dhaabbatamee yoo mil’atamu guyyaan hafte muraasa.
Ji’a Caamsaa keessaa guyyoota guyyaa lama qofa. Ji’a Waxabajjii keessaa guyyoota 13. Walumaagalatti guyyoota 15. Guyyaan 15fan gaafa filannooti. Kanaaf torban lamaan iftaanii filannoon ni adeemsisama jechuudha. Nagaadhaan achiin nu haa ga’u.
Garuu haalli biyya keenyaa yeroo filannootti demamaa jiru kana maal fakkaata? Keessoon biyya keenyaa nagaadhaa? Alaan haalli gaariin maaltu jira? Biyyi kun carraa gaarii maal qabdi? Sodaan jiraa? Jedhanii akka lammiitti ilaaluufi xiinxaluun gaarii ta’a. Ammuma guyyaa filannootti siqan carraanis sodaanis dabalaafi jijjiramaa deema.
Keessoon biyya keenyaa maal akka fakkaatu hunduu kanuma beekuudha. Wanti gaariin hedduun akkuma jiru rakkoonis bal’inaan jira. Sirna abbaa irree offirraa buusuuniifi biyya deebisanii ijaaruuf yaaluun, hojiiwwan misoomaa babal’isuuf yaaliiwwan taasisaman akka waan gaaritti kan fudhatamaniidha.
Rakkoon keessoo keenyaa kan xiqqaa jedhamanii miti. Rakkoowwan kanneen keessaa tokko haala hiriira jaarmiyaalee siyaasaa biyya keessa socho’aniiti. Kanneen sababa adda addaatiin filannoo bara kanaa irraa hafan biran darba.
Inni rakkoo miti jechuu kootii miti. Kanneen filannoof galmaa’an dirree dorgommii kanatti akkamitti ba’u laata kan jedhu dhimmoota nama sodaachisan keessaa isa tokko.
Akkuman kanaan dura barreessee dorgommiin filannoo bakka itti cimuufi laafu qaba. Finfinnee keessatti cimee baha jedhameetu yaadama. Dorgomtoonni guguddoo muraasni bakka kokkee itti walqabaniidha.
Ummati filatus dammaqiinsa siyaasaatiin, mirgasaanii beekudhaan-dirqama hinjenne-, jaarmiyaalee adda addaa wajjin hidhata siyaasaa guddaa qabaachuudhaan bakkeewan filannoo kaanirra cimaadha. Naannolee biroo keessattillee dorgommiin sodaachisu ni jira. Rakkoon keessoo kun futtaafatee rakkoo biraa akka hinfidne of eeggannoon barbaachisaadha.
Keessoo biyyattiitti waliigalteen ummata keessa osoo hintaane jaarmiyaalee siyaasaa, beektota, hayyuuwwanii, aktiivistootaafi kkf tokko tokko jidduu jiru kan waanti gaariin irraa mul’atu miti.
Asiifi achi walharkisuun, kuffisanii walbira taruuf yaaluun, anatu beeka jechuun, anatu caala jedhanii yaaduun sirriitti mul’ata. Kana malees waltuffachuun, walhadheeffachuun, shira walirratti xaxuun, ofii jaalatamanii kan biraa jibbisiisuuf yaalun kan dhoksaa hinqabneedha.
Dhimmoonni akkanaa kunniin biyya jabeessurraa laaffisuuf gumaachu. Tokkummaa uumuurraa nama addaan faffachaasuuf mijatu. Biyya balaarraa oolchuurra biyya balaaf dabarsanii kennuuf tolu. Kuni adeemsa siyaasaa, jiruufi jireenyaa biyya keenyaa keessatti wantoota fooyya’uu qabaniidha. Dhimmoota xiyyeeffannaan kennameefi qamoleen hundi yaada biyyaa kan irratti waliigalan akka qabaatan gochuun dirqama. Garaagarummaan falaasama siyaasaa akkuma jirutti ta’ee.
Wanti biyyi keenya hanqina itti qabdu keessaa tokko mul’ata biyyummaa kan yeroo dheeraa qabaachuu dhabuudha. Mul’atni kun kan lammiin irratti waliigaluufi qooddatullee ta’uu qaba. Fakkeenyaaf biyyootuma sirna akkanaa ijaaruun beekaman maqaa haadhoofnu. Biyya Ameerikaa keessatti paartiin kamiyyuu yoo aangootti dhufu dhimma birmadummaa biyyasaanii mariif hin dhiheessan. Faayidaa biyyasaanii nuusa tokko dabarsanii kennuuf hin eeyyaman. Bu’uurrisaanii birmadummaa biyyasaaniiti. Kanneen biyyoota Awurooppaa keessattis mul’atu kanuma.
Keenya garuu kanaan adda. Rakkoon kun keenya qofaa mitii. Kna biyyoota Afrikaa hedduuti. Gaafa paartiin tokko isa maqaadhaaf filannoo jedhuun sanaan ykn fonqolcha mootummaatiin aangoo kore bu’uura duraa sana diiguudhaan jalqaba. Kan duraan hojjatamaa dhufe hedduun ni jiqa. Zeeroo irraa ka’a jechuudha. Yoo fedhe warqata maqaadhaaf heera jedheee qaamni duraa qopheesse sana diiguutti deebi’a. Labsiiwwan dura jiran diigee akka haarawaatti baasuu ykn foyyessuutti deemama.
Labsiiwwaan kan mootummaa wajjin jijjiramaniidha. Heerri Ameerikaa eddii tumamee waggaa dhibba sadiif deema. Yeroo wajjin wantoonni tokko tokko fooyya’uu malu. Haa ta’u malee heerichi bu’uraa bara 1788 ALG tumamee raggaasisameen hanga har’aa ni jira. Nuti osoo warri Ameerikaa hinuumamin qarooma dhandhamanne ofiin jennee dhaadannu garuu akka mootummaatti Heera jalqabaa eddii barreeffannee waggaa 100 hin guutne.
Innumtuu mootummoota hunda wajjin jijjiramaa dhufe. Kan mootichaa Darguutuu diige. Kan Darguun tumate wayyaanetu haqe. Kan Wayyaaneemmoo filannoo kana booda ilaalla. Akka waliigalaatti jijjiramni akkanaa mul’ataafi yaada akka biyyaatti irratti walii hingalamne akka jiru mul’isa.
Keessoon biyya keenyaa akka sabaafi sablammiittii kan sirriitti walitti hinbaqne, kan yoo wanti xiqqoon mudate akkuma bishaaniifi zayitii walcalalu ta’ee argama. Kan rakkoo keessoo qofaaf osoo hintaane rakkoo alaatiifis biyya saaxilu rakkoo keessoo biyya keenyati jedhanii fudhachuufi gara sirreessuutti deemuun fala gaarii ta’a. Filannoon kunillee ija kanaan yoo ilaalamuu baate rakkoo keessoo kan biraa uumee diina alaatiif haala akka hinmijeessine of eeggannoo barbaada.
Rakkoo biraa rakkoo karaa alaa dhufuudha. Rakkoon karaa alaa jirus akkuma rakkoo keessoo biyya kanaa gara hintaanetti hoofuu keessatti gahee qaba. Akkan ani yaadutti akka biyyaa qofatti osoo hin taane akka nama dhuunaafaattu iyyeesi kabaja hinqabu. Kabaja qofa osoo hintaane humnallee hinqabu. Kanaaf dhiibbaan karaa ala yeroo ammaa jiru akkuma siyaasa keessoo keenyaa sodaachisaadha.
Dhiibbaan biyyoota alaa kan afaan miyaawaadhaan dhiibbaa dippilomaasii jiedhamu biyyattii gara garaa humnaan harka micciiruutti waan deemu fakkataa; yoo dafee dawaan dippilomaasii dibbaa kana fashaleessu argame malee.
Akkuma eenyiyyuu hubatu dhiibbaan kun warra salphaarraa kan dhufee miti. Warra waan hundaanuu humna qabaniidha. Jara tumanii booyicha nama dhorkuu danda’aniirra. Kanammoo yoo malaan jala ba’an malee miidhaa fiduu mala.
Tokkoon gaaffiinsaanii sirrii akka hintaane ragaan walqabsiisaanii deebii cimaa kennuu. Yookanimmoo wantoota ijoo ta’anirratti mari’atanii sirreesuuf yaaluudha. Filannoon sadaffaa kan jiru yoo ta’e lamaanuu walitti makanii deemuudha.
Biyyi addunyaarratti humna qabdu, Ameerikaarraa dhiibbaan guyyaa guyyaan dhufu, ibsi guyyaa guyyaan bahu akka lammitti nama hedduu yaaddoo keessa galchaa jira. Dhiibbaa kana haala salphaan akkuma faltii beeledaa osoo fuynyaan hinqabatin kan bira taranii miti.
Pirezidaantiin biyyattii Jaarsi umurii guddaa sun wanti miidiyaatti gadi bahee dubbate sun hamaadha. Ani dubbii Alsiisiittin qixa hinilaalu. Haasawa Putiin walitti hinfidu. Afaana jara kanaa keessaa qaamni nama baasu waan jiru natti hinfakkatu.
Liibiyaa waan godhan dhiyeenyatti yaadanna. Sooriyaa eessan akka gahan ammallee argaa jirra. Iraaq waggaa 30 booda lubbuu hin horane. Dhugaa qabaattus dhiistus wanti isaan nama osoo hinta’in biyya godhan kan addunyaan beekuudha.
Biyya tokko ijaaruufis diiguufis humna qabu. Humna fageenyi hin dhorkine, jabina galaanni hin deebisne kan samiirraanis, dachiirraanis akkasumas galaanarraa namatti dhufu qabu. Kanaaf jara kana amalumaan qabuuti irra gaaridha yaada jedhun qaba.
Gama biraatiin dhiibbaan dippiloomaasii karaa Gamtaa Awurooppaa akkasumas biyyoota Awurooppaa qeenxeedhaan taasisamaa jiru kan baraafi furguggee gadi jedhaniitu dabarfatu nama jechisiisuudha. Jirri kun yaadni kennaa jiran ni jira. Wanti sirreessaa jedhanii wawwaatan tokko lama jedhanii maqaa dhahaa jiru. Kunniin akka mootummaatti ilaalamanii deebii ga’aa irratti kennutu filatama. Dipiloomaasiniifi hawaasni dipploomaasii biyya kana agama kanan gahee guddaa bahuu qaba.
Warri Awurooppaa Ameerikaatti dabalamanii dhiisii kophaasaanituu biyyoota hiyyeeyyii kan akka keenyaa kanarratti gama dinagdeetinis ta’ee siyaasatiin dhiibba cimaa fiduu danda’u. waarri humna qaban kunniin biiyyoota iyyeeyyii keessatti warraa muudama namaaf eebbisuudha- ‘king makers’. Yoo eebbisaanii itti hindabalamne biyyallee gaggeessuun rakkisaa ta’a.
Biyyoonni kunniin meeshaa dhukaasaa qofa osoo hin taane meeshaa hin dhukaafamne garuu kan nama balleessan hedduu harkaa qabu. Dhaabbanni Maallqaqa Adunyaa (‘IMF’) irreesaanii isa guddaadha. Baankiin Addunyyaa meeshaasaanii isa biraati. Kanaan alas meeshaa ittiin harka nama micciiran kan biroo hedduu qabu.
Jara meeshaalee akkanaa qaban wal’aansoo walqabuudha moo amalaan walqabuu wayya kan jedhu mootumaatu filachuu qaba. Anaaf Amalaan walqabuu wayya jedhaan yaada.
Xumurarraa. Rakkoon keessoofi alaa biyyi keenya qabdu kan akka salphaatti ilaalamanii mitu. Hunduma caala rakkoo keessoo keenyaa hiikuuf dursi kennamuu qaba yaada jedhun qaba. Maddi rakkoo alaa rakkoo keessoo keenyaa waan ta’eef.
Yoo rakkoon keessaa sirrataa deemee rakkoon alaa furamaa deema. Rakkoo alaan jirus gaayiidhan, arrabsoofi tuffiidhan osoo hin taane yaad bilchaataadhaan karaa sirraawaa ta’een ilaaluutu irra gaariidha.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013