“Wixxirfannaan Itoophiyaa diiguuf taasifamu qalbii na cabsa” -Maanguddoo umrii 110, Letenaal Koloneel Rijaaluu Marabbaa

Waggoota lama dura keessumaa Gaazexaa Bariisaa kan turan maxxansa kanarrattis yaada haala yeroo biyya keenyaarratti qaban dheengadda wayita Jimmarraa dhimma hojiitiif gara Finfinnee dhufan argannee gaafannee isaanis yaada ittaanu nu kennaniiru.

Filannoo

Adeemsa filannoo baranaatti guddaan gammade. Kottuu ilaali jedhamees adeemsasaa ilaaleera. Galmeessa filattootaas jidduseenummaa tokko malee walabaan akka geggeeffame hubadheera. Milishaa nageenya buufata filannoo eegu malee namuu karaa sana hinbahu. Kanaaf filannichi haqaqabeessa ta’a jedheen abdadha.

Qaala’ini jireenyaa garmalee ulfaataa waan jiruuf otoo xiyyeeffannaan irratti hojjetamee natti tola. Qaala’inni jireenyaa kun filannoodhaan qalqabsiifamu hinqabu. Mootummaan silaa hinqotu ni qochisiisallee malee. Kanaan achi adeemsi filannoo akka amma jirutti yoo xumurame daran bareedaadha.

Gama biraatiin garuu filannoo kanaan walqabatee qaamoleen biyya diiguuf jiran oggaa socho’an argee keessi koo na gaddeera, as Finfinnee kanatti. Qaamoleen Finfinnee ‘Raas gazii goona’ jedhanii socho’aa jiru. Qaamni kun Finfinnee qofaatti kutee mootummaa biraa hundeessuuf waan deemu fakkaata.

Kun sirrii miti, ani waan akkanaa nan morma. Finfinneen magaalaa guddoo handhuura Oromiyaa keessatti argamtuudha. Magaalattiin kan biyyoota Afrikaa hundaati malee kan biyya ormaa miti. Finfinnee deebisanii daangaan ittigodha jechuun sirrii miti.

Otoo qaamni kun of ibsaa na bira darbuuf jedhuu argee lammata akka asiin hindabarre jechuuf yaadeen poolisiin na dhoowwe. Finfinnee Mootummaa Raas gaz akka qabaattun godha jedhee afaanumasaatii baasee otoo dubbatuu dhaga’een gadde. 

Ani isa mootummaa Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayi…jedhamuufuu qalbiin na gubataa har’a ammoo jedhanii jedhanii Finfinnee akkanan godha jedhamuu badaan jibbe. Morkattoonni otoo adaba qabatanii tokkummaa keenya faarsanii natti tola. Garuma fuulduraattuu jarri kun ijoollee walitti qabamanii akka biyya kana hindiignen sodaadha.

Ameerikaa

Ani Kooriyaatti duulee soshaalistii wajjin waraanarratti hirmaadheera. Ameerikaan Somaaliyaa, ollaa keenyatti salphatteetti. Biyyattiin idduma dhaqxe hundatti salphattee deebiti. Iraaq keessatti hanga ammaatti waraana Saadaam Huseen mo’achuu hindandeenye. Kunoo waggaa kudha meeqa lakkoofsiseera, garuu homaa injifachuu hindandeenye. Biyyattiin biyyoota waltumsiistee meeshaa waraanaa gurgurachuu qofa yaaddi.

Jarri Ijibti meeshaa qabu. Garuu loltoota hinqaban. Waggaa 81 har’aa of duuba deebinee yoo ilaalle Xaaliyaaniin xayyaaraan dhufe. Nuti isnaayipariidhaan rukunnee buusaa turre. Namni tokko haala kanaan xiyyaara lama rukutee buuseera. Amma ammoo Itoophiyaan meeshaalee waraanaa ammayyaa hidhattee jirti. Jarris hindhufan.

Yoo dhufanis milishaan ganda keessaa shanan tokko ni ga’aaf.  Oggaa dhufanii nu weeraru jedhan ani nan kolfa, dhugaa Rabbii. Egaa yeruma waa socho’e waan dadhabne ittifakkaata. Somaaleen amma mootummaa malee jiraattu al lama nurratti waraana baneera.

Tokko bara 1953. Kunis Hayilasillaaseefi qondaaltota waraanaa hanga tokko jidduutti walitti bu’iinsi uumamnaan dhufanii achumaan walitti bu’iinsi asitti eegalame hafee jeneraalonni lamaan (Garmaammee Niwaayiifi Mangistuu Niwaay) rashanamanii kutaan waraanaa 3fafi afraffaan diina biyyoo nyaachisee gate; otoo gargaarsa tokkollee hinbarbaachisiin.

Ittifufa…

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013

Recommended For You