Barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa WMOfi barumsas ta’e naamusasaanii gaarii gita hinqabne

Finfinnee: Waldaan Misooma Oromiyaa (WMOn) waggoota 28 darbaniif humna misoomaa ta’uun hojiilee ijaarsa manneen barnootaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, bufataalee fayyaa akkasumas hojiilee wabii nyaataa mirkaneessuufi kunuunsa naannawaarratti xiyyeeffatee hojjechuun rakkoolee hawaasaa hedduu furaa jira. Keessumaa hojiilee waldichi gama damee barnootaatiin raawwachaa turee bu’aa olaanaan galmaa’aa jira.

Daariktarri waldichaa Obbo Dajanee Itichaa Gaazexaa Bariisaaf torban darbe akka ibsanitti, waldichi waggoota 28 darban keessa  manneen barnootaa, bishaan dhugaatii qulqulluufi buufataalee fayyaa ijaaruu akkasumas hojii kunuunsa naannawaafi wabii nyaataa mirkaneessuurratti hirmaachuun rakkoolee hawaasummaa hedduu furuuf hojjechaa tureera.

Waldichi qaawwa mootummaa naannichaa duuchuufi rakkoolee hawaasummaa furuun humna misoomaa ta’ee hojjechaa jira.  Hojiilee waldichi gama damee barnootaatiin raawwateen milkaa’inni gaariin galmaa’aa jiraachuus eeraniiru.

Waldichi rakkoo qulqullina barnootaa akka naannichaattis ta’e biyyaatti jiru furuuf bara 2006 irraa kaasee Mana Barumsaa Bultii Addaa Adaamaatti barattoota ciccimoo naannichaa kutaa 8fatti qabxii olaanaa galmeessisan qormaataan calalee simatee barsiisaa jira.

Bara 2006 wayita manni barumsichaa barattooat simachuu eegaletti akka Oromiyaatti barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa fudhatan keessaa qabxii 600 ol kan fide barataa tokko qofa ture. Barattoota bara 2007 yeroo jalqabaatiif qormaata biyyaalessaa kutaa 10fa fudhatan 173 keessaa 154 ‘A straight’ kan fidan ta’uu himu.

Kanneen bara 2010 qormaata biyyaalessaa kutaa 12fatti qabxii 647fi 649 galmeessisuudhaan akka biyyaatti rikordii cabsan barattootuma mana barumsaa kanaa yoo ta’a, kan bara darbeetti ammoo barattoota  125 keessaa 46 qabxii 600 ol galmeessisuu eeraniiru.

“Barattoonni keenya ciminaafi naamusaan gita hinqabne yunivarsitiiwwan biyya keessaafi alaatti barachaa jiran ammayyuu qabxii olaanaa galmeessisaa jiru” jechuun Obbo Dajaneen ibsaniiru.  

Barattoonnisanii  barnootasaaniitti akka ciman taasisuurra darbee aadaafi duudhaa Oromoo beekanii akka guddataniif xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjechaa jira jedhu.

Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO manneen barnootaa Oromiyaatti argamaniif giddugala muuxannoo ta’ee tajaajilaa jira jedhanii, barattoonnisaaniis warra kaaniif moodela ta’uu eeru.

Manni Barumsaa Bultii Addaa WMO barattootasaa waan addaa barsiisa utuu hintaane itti fayyadama yeroofi ittigaafatamummaa bor isaan eeggatu barsiisa kan jedhan Obbo Dajaneen, manni barumsichaa barattoota bor Oromiyaarra darbanii biyya biyyattii ceesisan, rakkoo geggeessummaa furan horachuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Barattootnni mana barumsichaatti baratan biyyattiira darbanii addunyaafillee qoricha ta’uu eeru.  

Hojii WMOn keessumaa gama barnootaatiin hojjechaa jiru hojii guddaafi milkaa’ina gaarii galmeessisaa jiru ta’uu himanii,  qabxii barrattoonni Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO galmeessisaa jiranis hojii waldichi gama barnootaatiin hojjechaa jiru kan ibsuudha. Barattoonni mana barumsichaarraa gara yunivarsitiiwwan gara garaa deeman qabxii galmeessisaniinis ta’e naamuusaan  beekamoodha jedhu.  

Milkaa’ina hojii WOM gama barnootaatiin galmeessisaa jiruuf gumaachi  Biiroo Barnoota Oromiyyaafi mootummaan naannichaa taasisan olaanaa ta’uu kan himan Obbo Dajaneen, deggersa ummanniifi  miseensonni waldichaa taasisanis olaanaadha jedhan.

Godinni Shawaa bahaa barana xaafii kuntaala 300 ol deggersa Mana Barumsaa Bultii Addaa WMOtiif kennuu eeranii, qaamoleen waldicha gama hundaan deggeraniifi deggeraa jiran maraaf kabajaafi galata guddaa kan qabaniif ta’uus ibsaniiru.

Barattoonni WMOn barsiisu kan naannichaa, biyyattii, Afrikaafi addunyaa waan ta’aniif,  lammiileen biyya keessaafi alaa jiraniifi abbootiin qabeenyaas waldicha deggeruu akka qaban gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 28/2013

Recommended For You