* Hojiin tajaajila lammummaafi ashaaraa magariisa baranaas eegalame
Finfinnee: Ganna darbe sagantaa tajaajila lammummaatiin daree dabalataa kuma 34 ijaaruun, kitaabilee miiliyoona 1.2 ta’an sassaabuun akkasumas, waliigalaan tajaajila qarshii biiliyoona 23tti shallagamu naannoo Oromiyaatti hojjatamuu Pirezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsaniiru.
Pirezdaantichi haasawaa sagantaa jalqabsiisa tajaajila lammummaafi Ashaaraa magarisaa naannoo Oromiyaarratti taasisaniin, tajaajila lammummaa cimsuufi hojii qonnaa teknolojii ammayyaatiin deggarame dhugoomsuudhaan biyyoota gargaarsaan nu sodaachisan abdii kutachiisuu qabnas jedhaniiru.
Akka haasawasaaniitti, qamadii biyya alaatii qarshii biiliyoonotaan gara biyyaa gala ture yeroo ammaa biyya keessatti omishuun eegalameera. Kunis dhiibbaa biyyoota alaa dandamachuu keessatti shoora olaanaa qabaaachuufi qoqqobbiin Ameerikaan Wayyaanee awwaalamte awwaalaa baaftee aangorra kaa’uuf keessu immoo tasumaa waan milkaa’uu hindandeenyeedha jedhu.
Itoophiyaan birmadummaashee eenyuufuu dabarsitee kan kennitu waan hin taaneef tokkummaan ummattoota biyyattii barbaachisaa ta’uus dhaamaniiru.
Sagantaan tajaajila lammummaa naannoo Oromiyaa kun naannolee biyyattii hundaaf fakkeenyummaa kan qabu ta’uu kan eeran immoo Pirezdaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Aganyaw Tashaagar, naannoleen hundi hojii walfakkaataa raawwachuu akka qabanis kaasaniiru.
“Oromiyaa keessa sabni hinjirre hinjiru” jedhanii, keessattuu immoo ummanni Amaaraa hedduminaan waan jiruuf hammattummaa sabichaa qabatamaan kan mirkaneessu ta’uus ibsaniiru.
Dhiibbaa humnootni alaa yeroo ammaa biyyattii irratti taasisaa jiran irra aanuudhaafis tokkummaan ummattoota Itoophiyaa murteessaa akka ta’es dhaamaniiru.
Ameerikaan akkuma dur baratte Itoophiyaan Intalaasheesaaniitiin akka hogganamtu feeti kan jedhan immoo Pirezdaantii naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaa, paartiifi mootummaan amma biyya bulchaa jiru garuu tasuma birmadummaa irratti eenyuu waliinuu kan hinmari’anne ta’uu dubbataniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013