Finfinnee: Biiroon Barnoota Oromiyaa (BBO)n barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa bara 2012 fudhatanii qabxii 600 ol galmeessisan 152 dhiyeenya kana Magaalaa Adaamaatti tokkoon tokkoonsaanii qarshii kuma 20, 20 badhaaseera.
Barattoota kunneen keessaa koorniyaawwan lamaaniin qabxii olaanaa galmeessisuun 1fa hanga 3fatti kan ba’an ammoo tabileetii ammayyaa’aa ‘S6’ jedhamuufi medaaliyaa badhaafamaniiru.
Mootummaa naannichaa ammoo barattoota kunneen keessaa 100f carraa barumsa biyya alaa mijeesseera. Manneen barnootaa sadarkaa 1fa hanga 3fatti ba’anis komputaraafi waancaa badhaafamaniiru.
BBOtti, Daariktarri Qophii Karooraafi Bajataa Obbo Dassaalanyi Waaqjiraa akka jedhanitti, akka Oromiyaattis ta’e biyyatti rakkoon qulqullina barnootaa ni jira. Leenjiin barsiisotaa rakkoo qabaachuun, manneen barnootaa mijatoo ykn hawataa ta’uu dhabuun, qabiyyeefi kariikulamiin barnootaa barataafi haala naannawaa waliin walsimee qophaa’uu dhabuun, fedhii battoonni barnootaaf qaban laafaa ta’uun, hanqinni faayinaasiifi manneen barnootaa sadarkaa 2fa rakkoolee guguddoo qulqullinni barnoota naannichaarratti dhiibbaa uumaa turaniifi jiraniidha.
Barachuun beekuuf, ittiin hojjechuuf, waliin jiraachuufi nama barsiisuuf gargaara kan jedhan Obbo Dassaalany, qulqullina barnootaa mirkaneessuun galii olaanaa argamsiisuuf, omishaafi omishtummaa guddisuuf, guddina dinagdee si’eessuuf, hiyyummaa hir’isuuf akkasumas hirmaannaa hawaasaafi tajaajilummaa dhaabbilee dabaluufi jijjiirama dafanii madaqsuufi dafanii itti madaquuf waan gargaaruuf barnootarratti invasimantii guddaa yoo dhagalaasne bu’aa guddaa irraa arganna jedhu.
Akka daariktarichi jedhanitti, qulqullina barnootaa mirkaneessuudhaaf manneen barnootaa hawatoofi nageenyisaanii kan mirkanaa’e ta’uu qabu, barsiisaan dandeettiifi naamusa qabaachuu, barataanis fedhii barumsaa qabaachuu qaba.
Qabiyyeen barnootaa sirriinis jiraachuufi meeshaaleen baruufi barsiisuus guutamuu qabu. Barsiisaan barataasaa hordofuufi to’achuu, garaagarummaa barataa gidduu jiru dhiphisuu, madaallii beekumsarratti hundaa’e fayyadamuu, wayitii barnootaa kabajee yee barsiiseedha qulqullina barnootaa mirkaneessuufi qabxiin barataa fooyya’uu kan danda’amu.
BBOn qabxii barataa fooyyessuuf tarsiimoowwan gara garaa qopheessee hojiitti galeera kan jedhan daarikterichi, manneen barnootaa kiitaabolee wabiitiin guutuuf hojjechaa tureera. Bara darbe yeroo manni barumsaa sababa weerara vaayirasii koronaatiin addaan citee ykn cufamee tures barumsi karaa tv akka darbu ta’eera. Yaadannoowwan gaggabaaboo qopheessuudhaanis barattoonni karaa telegiraamii akka barumsa argatan ta’aa tureera. Kun qabxii barataa fooyyessuu keessatti gumaacha guddaa taasiseera jedhu.
BBOn waggoota shanan darban qulqullina barnootaa mirkaneessuufi qabxii barataa fooyyessuuf rakkoolee jiran qoratee adda baasuun furmaatasaaniirratti xiyyeeffatee hojjechaa turuus himanii, manneen barnootaa hunda keessatti kutaan addaa (Special class) jedhamee barsiisota ciccimoodhaan akka barsiifaman ta’eera.
Dandeettiin barreessuufi dubbisuu barattoota kutaa 1fa hanga 4fatti jiraniis daran fooyyaa’aa dhufeera. Duraan barattoonni kutaa 7fa ga’anii maqaasaaniiyyuu sirriitti barreessuu hindandeenye yeroo ammaa furmaata argachaa dhufeera. Xiyyeeffannaa addaa damee barnootaatiif kennamee hojjetamaa tureenis bu’aa gaariin argamaa jiraachuu jedhu.
Barattoota naannichaa bara 2006 qormaata biyyaalessaa kutaa 12fa fudhatan keessaa qabxii 600 ol kan fidan barataa tokko qofa turuu kan himan Obbo Dassaalanyi, bara 2007, barattoonni ja’a, bara 2008 barattoonni sagal, bara 2009 barattoonni sagal, bara 2010, barattoonni 20, bara 2011 barataa 16, bara 2012 baratoonni 152 qormaata biyyaalessaa kutaa 12fatti qabxii 600 ol galmeessisaniiru.
BBOn rakkoolee gama damee barnootaatiin jijjiirama fiduuf kutatee hojiitti seenuun, xiyyeeffannaa barattoonni barnootaaf kennan dabalaa dhufuufi bulchiinsi mootummaa naannichaas yeroo kamuu caalaa barnootaaf xiyyeeffannaa kennee hojjechuusaatiin icciitii milkaa’inasaanii ta’uu dubbatu.
Pirojektiin ijaarsa manneen barnootaa Ifa Boruus haaluma kanaan yoo ittifufe sadarkaan manneen barnootaa naannichaa hawatoofi sadarkaasaanii kan fooyyessu ta’uu himanii, kun hirmaannaan barattootaa akka dabalu, harcaatiifi haftee barattootaa ammoo akka xiqqaatuufi qabxiin barattootaa daran dabalaa akka deemuuf kan gargaaruudha.
Qulqullina barnoota naannichaa caalaatti mirkaneessuuf kan karoorfanne ni raawwanna, barattoota qaxalees kumaatamaan ni horanna jedhaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013