Pirojektiiwwan meegaa magaalaa Finfinnee maqaasheetiin gitan

Finfinnee: Dur waan hinhojjetmaneetu gabaasa sobaatiin bareedee “ajab” jedhama. Ammammoo waan hojjetametu himamuufi dhabee “Dinqii akkamiitu hojjetamaa jira?” nama jechisiisa. Pirojektonni hedduun qarshii sabbata haadha hiyyeessaarraa sassaabameefi bajata biyyaatiin ijaaramuuf qabaman dhadhaa abidda buute ta’anii darbaniiru.

Guddina biyyaa dhugoomsuurra guddina nama dhuunfaas mirkaneessaniiru. Bara dhufu xumurama jedhamaas waggoota lakkoofsiisaniiru. Isaanumti waggoota baay’een booda xumuramaniis osoo hineebbifamanii moofa’anii caccabuufi diigamaa turan.

Silaa baay’inni dhagaa bu’uuraa kaa’amee ijaaruuf mitiiti funaananii fixuufu rakkisaadha. Gaafa hojiin tokko eegalu miidiyaalee biyyattii hunda waamanii hojiisaarra oduunsaa caalee mul’ata. Akkuma Haacaaluu Hundeessaa “Barri hindarbaa, barri hindarbe seetee…” jedhee sirbe sana barri sun hundi darbee, amma pirojektiin tokko eegalamuu hindhaga’iin xumuramuu dhageenya.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bara 2013 qofa pirojektota kuma tokko ta’an xumureera, kanneen kaanis xumursiisaa jira. Pirojektiiwwan meegaa muraasa bulchiinsi magaalichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuraa jirus dhuma torban kanaa ogeeyyii miidiyaatiin daaw’atamaniiru. Harki caalaansaanii xumurarra kan jiraniifi dhiheenyatti hojii kan eegalaniidha.

Pirojektonni daaw’atamanis Mana Qopheessaa Magaalaa Finfinnee haareffamaa jiru, Adwaa zeeroo zeeroo, mana kitaabaa guddicha, bakka konkolaataa dhaabaniifi addababayii Masqalaati.

Pirojekticha kan daaw’achiisan Ittigaafatamaan Waajjira Pirojektota Meegaa Magaalaa Finfinnee Injinar Shimallis Isheetuu akka jedhanitti, pirojektonni hojjetaman kunneen sa’aatii 24:00 afur Wixataa hanga Dilbataatti kan hojjetaman yoo ta’u kan humni dafanii raawwachuu itti gabbifameedha. Hojii hojjetamu keessattis ka’umsaa kaasee hordoffiifi gorsi Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad kan biraa hinhafneedha.

Pirojektota hojjetamaa jiran keessaa haaressi mana qopheessaa magaalattii isa tokko ta’uu kaasanii, manni qopheessichaa erga ijaaramee waggoota 60 ta’us haaressi hintaasifamneef, tajaajilli kennuus mijataa hinturre jedhu. Akka fakkeenyaattis liiftii kan hinqabneefi, miidhamtoota qaamaa keessummeessuuf mijataa kan hinturre ta’uu kaasu.

Kanaafis doolaarri miliyoonni 54n osoo qabiyyeesaa gad hindhiisiin hojiin haaressaasaa geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, raawwiinsaas %71 irratti kan argamuu ta’uu eeranii, haaressisaa Hagayya dhufu xumuramee ummataaf banaa akka ta’u dubbatu. Haaressichi bakka dubbisaafi daa’imman itti taphachiisanillee ni qaba jedhu.

Qarshii biliyoona 4.6n hojjetamaa kan jiru pirojektiin Adwaa Zeeroo Zeeroos waa hunda zeeroorraa jalqabuu kan agarsiisuufi ka’umsa lola Adwaa yaadachuuf hojjetamaa kan jiru ta’u himu. Lakkaawwiin fageenyaa kiiloomeetira biyyattii kamuu bakka ijaarsi pirojektii kun itti argamu, Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) irraa akka eegaluus ni eeru.

Pirojektichi keessoosaatti godambaa (muuziyeemii), mana kitaabaa ammayyaa, wiirtuu qorannoo, galma, kaaffee, mana nyaataa, suuqiiwwaniifi siidaa gootota biyyattii kan qabatu ta’uu ibsanii, jalasaattis terminaala taaksiiwwaniifi atoobisoota kuma tokko  keessummeessu qaba jedhu. Ijaarsisaas %60 kan qaqqabe yoo ta’u, bara bajataa dhufutti tajaajilaaf akka oolu dubbatu.

Akka ibsa Injinar Shimalisitti, manni kitaabaa guddichi baasii qarshii biliyoona 1.1n lafa heektaara 19 irratti naannawa Daalattii (Araat Kiiloo), fuullee paarlaamaatti ijaaramaa jirus %93 qaqqabeera. Kunis namoota kuma shanii hanga torbaatiif tajaajila mana kitaabaa dijitaalaafi maanuwaalii  kennuu danda’a.

Pirojektiin ‘grand palace parking’ ykn bakka eegumsa konkolaataa naannawa masaraa mootummaatti argamu kaappitaala qarshii biliyoona 1.5n ijaaramaa jirus wayita ammaa % 81 qaqqabuu addeessu. Ijaarsisaa guutuummaatti xumuramee tajaajilaaf kan qophaa’e pirojektiin Addababayii Masqalaas sochiiwwan hawaasummaa garagaraatiif mijataa akka ta’utti hojjetamuu himanii, jalasaatti bakka eegumsa konkolaatawwan kuma tokkoofi 400 keessummeessuu danda’u kan qabu ta’uu dubbatu. Kanaafis qarshiin biliyoona 2.5 baasii ta’eera jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013

Recommended For You