Finfinnee: Itoophiyaafi Ameerikaan hariiroo dippilomaasii waggoota 120 lakkoofse keessatti walittidhufeenya gaarii qabu turan. Waggoota muraasaa as garuu Itoophiyaatti nyaara guuraa jirti. Darbitees tibbana hoggantootashiirratti dhorka viizaa keesseetti.
Gaazexaa Bariisaas ejjennoo Mootummaan Ameerikaa Itoophiyaarratti qabatee socho’aa jirurratti xiyyeeffachuun akkamiin dhiibbaashii kanarra aanuun akka danda’umurratti hayyoota damee siyaasaa lama (hayyuu siyaasdinagdee buleessa, Doktar Diimaa Nagoofi Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa federaalizimii, Dokrar Tasfaayee Jimaa) wajjin turtii taasiseera.
Hunda dura ejjennoo Ameerikaan Itoophiyaarratti qabatte ilaalchisee akkaatuma mootummaan Ameerikaa addunyaa itti ilaaluufi, haala biyya keenya keessa jiru wajjin ilaaluu barbaachisa jedhu Doktar Diimaan.
“Mootummaan Ameerikaa addunyaa kanarratti akka waan gaafatama qabuutti of fudhata. Addunyaarratti isuma qofatu ajajuu qaba. Biyyoota biroorrattis dhiibbaa gochuun danda’a yaada jedhuuni biyyootarratti tarkaanfii fudhataa kan jiru” jedhu.
Mootummichi biyyoota guguddoo akka Raashiyaafi Chaayinaafi Iraanfaarratti tarkaanfii qoqqobbii fudhateera; biyyoonni kunniin hundi mootummoonnisaanii akka Ameerikaan barbaadde qofatti socho’uu qabu, qajeelfamashii duukaa bu’uu qabu jechuun. Kan yaada Ameerikaarraa adda ta’e qabu dhiibbaawwan adda addaa irratti gochuun qeequ; dhabamsiisuu barbaadus.
Biyya keenyattis mootummaan Wayyaanee bara 1983s fedhii Ameerikaatiin gara aangootti dhufe fedhii Ameerikaa hordofuun ergamashii bakkaan gahaa ture.
Mootummaan darbe sun saba bicuurratti kan hundeeffame waan ta’eef dirqiidhaan deggarsa Ameerikaafi biyyoota alaarratti hirkachuutu irra ture; ummata biyya keessa jiru hacuucee bulchuuf. Kanaaf, ergamaasaanii ykn fedhiisaanii bakkaan gahaa ture jechuudha.
Haalli amma biyya keenya keessa jiru gama tokkoon keessumaa jijjiiramoonni waggoota sadan darbanitti mul’atan, mootummaa haaraan ijaaramaa jiraachuun isaan yaaddessa.
Mootummaan ummata wayyabarratti (bal’aarratti) hundeeffamee deggaramuufi hawaasni bal’aan duukaasaa jiraachuun, jaratti yaaddoo uume qaba. Kana jechuun, yoo ummanni wayyabni deggare, deggarsa bal’aa biyya keessatti yoo qabaate hangi biyya alaarraa ajaja fudhachuusaa ni murtaa’adha.
Kanaafis yaaddoo waan qabaniif ammumarraa jalqabanii dhiibbaa irratti gochuuf akka isaan barbaadanitti akka socho’uu taasisuu fedhu. Walumaagala akeekni mootummoota guguddoo akka Ameerikaafaa kanarraa ka’a jechuudha” jedhu.
Hariiroon isaan biyyoota hunda wajjin qaban dhimma ykn dantaa ofiisaaniirraa ka’aniiti kan jedhan Doktar Diimaan, yoo dhimmasaanii hinguutuuf ta’e dhiibbaawwan gara garaa irratti kan taasisan ta’uus ni ibsu.
“Kan fedhasaanii guutuuf dhimmasaa bakkaan ga’uuf. Waan fedhan yoo biyya keessatti raawwatan dhiibbaa tokkollee irraan hinga’an. Kanaafis fakkeenya gaarii kan ta’u hanga Wayyaaneen waggoota 27 oliif biyya kana bulchaa turetti namoota danuu dararaa ture. Namoonni seeraan ala ajjeefamaa turan. Kumaatamoonni hidhamaa turan. Kanneen achi buuteensaanii hinbeekamnes baay’eedha. Otuma kun kanaan jiruu garuu, gaafuma tokkollee “maaliif kana gootan” jedhee gaafatee hinbeeku; mootummaan Ameerikaa.
Haalli waldhabdee Israa’eeliifi Filisxeem jidduutti uumameefi ejjennoon Ameerikaan qabattes fakkeenya biraati. Yoo Israa’eeel waan barbaadde raawwattu inumaa dabalanii meeshaa kennuuf malee dhiibbaan Ameerikaan irratti taasifte tokkollee hinjiru” jedhan.
Somaaliyaa keessatti waraanaa Itoophiyaa bobbaasanii waan barbaadan gochaa turan. Kanas Obaamaan yeroo biyya kana dhufe himeera; “Biyyoota akkasiitti humna keenya erguu nu hinbarbaachisu, humna Itoophiyaafaa erginee dhimma bahuu dandeenya” jechuun ifatti ibsee turuu dubbatan hayyuun buleessi kun.
Kunis imaammanni mootummaa Ameerikaafi isa fakkaatanii dhimma mataa ofii bakkaan gahachuu qofarraa kan maddu ta’uu eeranii, addunyaan kan hundeeffamte haqarratti otoo hintaane humnarratti waan ta’eef dhiibbaawwan ni uumamu jedhan.
Filannoo darbeen mootummaan dhibbaa dhibbatti paarlaamaa Itoophiyaa dhuunfate sirna dimokraasiitiin filatame jedhee hanga eebbisuuttillee gahamee ture. Sun ji’oota muraasa booda fincila ummataatii hangam akka raafame kan beekamuudha.
Kanaaf hanga danda’ameen gama mootummaa keenyaatiin mirga namaas tiksaa, daantaa biyyaa eeguun barbachisa. Dantaa biyyaa jechuun dantaa ummataati. Ummannimmoo yoo mirgisaa hintikfamiin dhaabbatatti mootummaa kana duukaa hiriiruu hindanda’u.
ALA bara 1974 yeroo warraaqsi Itoophiyaa jalqabametti, Somaaliyaan Gamtaa Soviyatiin deggaramtee humna guddaa ijaarrachaa turte. Yeroo sanatti biyyi keenya mootummaa Ameerikaa wajjin waliigaltee ittisaa qabdi turte.
Yeroo hamtuu sana keessatti meeshaan waraanaa Ameerikaarraa gara Itoophiyaatti otoo hinergamiin hafe. Gama Sooviyatiin of deggarsiisuun waan dirqama tureef kanumaan irra aanne. Kanaaf biyya keenyatti jijjiiramoonni argaman dhiibbaawwan walfakkaatoon nurratti godhamaa turaniiru jechuudha. Qoqqobbii gochuu baatanillee meeshaa waraanaa nuti bitanne sababa mirga namaatu xuqame jedhutti dhimma bahan yeroo sanas.
Kanaaf haala ammaa kanas tooftaadhaan qabuufi tokko tokkoon ittideemuun barbaachisaadha. Kanneen hundaaf furmaanni olaanaa tokkummaafi nageenya biyya keessaa cimsuudha. Ummanni mootummaa duukaa hiriiruu qaba. Dhiibbaan kun ni darba. Hamma darbutti garuu jabinaan dhaabachuufi walduukaa hiriiruu barbaachisa. Hariiroo biyyoota akka Chaayinaafi Raashiyaafaa wajjin qabnu caalaatti cimsee wajjin hojjechuu barbaachisa” jedhan.
Yunivarasitii Finfinneetti barsiisaan federaalizimii Doktar Tasfaayee Jimaas gamasaniitiin akka jedhanitti, sababiiwwan baay’achuu dhiibbaa keessaa inni guddan hanqina dippilomaasiiti.
Haalli teessuma lafaa keenya isaaniif mijataa waan ta’eef qoqqoobbiidhuma dabarsitee qofa kan nurraa teessuu miti. Kanaaf hanga nama isaaniif ajajamu bakka buusuutti deemuu waan danda’aniif dhimma akka salphaatti kan ilaalamu miti.
Qoqqobbii jalqabaa kanarraa ka’amee waanti gama keenyaan eegamu akka jiru hubachuu barbaachisa. Qoqoobbichi gara dinagdeefi hariiroo nutti biyyoota ollaafi akkuma Afrikaattuu qabnu gara booressuufaatti akka hindeemneef dippilomaatonni keenya daran tattaafachuu qabu.
Qoqqobbiin Ameerikaan nurratti taasistu hamma tokko nu miidhuu baatullee daboo nutti waamuu malti; Gamtaa Awuroppaa, biyyoota Afrikaa, gama biyyoota ollaatiin nurratti hojjetteetti waan ta’eef.
Akka warri kuun dabicharratti hinhirmaanneefi waliin hindhaabanneef hojii guddaa hojjechuu qabu. Ameerikaanumti mataanshii qoqqobbii tarkaanfii tokkoffaa jettee fudhatte kana akka kaastuufi kan biraa akka hinkeenyeef keessumaa gama dippilomaasiitiin xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba.
Ameerikaan fedhii danuu qabdi. Fedhiinsaanii qaama shorokeessummaan moggaafame wajjin mari’adhaa jedhu qofa ta’uu dhiisuu danda’a. Baankii, telekomiifi xiyyaarrifaan gara dhuunfaatti akka deebi’uuf fedhii qabaachuu malti.
Dhimma biyyi tokko qaama shororkeessaa jedhee moggaase wajjin ilaallaturratti waliigalteen biyyoonni addunyaa hundi malleessan ni jira. Inni maaliif diigamee Itoophiyaan qaama shororkeessaadha jettee moggaaste wajjin akka mari’attu barbaadame?
Kanaaf ifatti baasanii dhugaa Itoophiyaa baasanii itti himuu barbaachisa. Qaamolee amma shororkeessitoota jedhamanii moggaafamaniin walqabatee maaliif wajjin mari’achuun barbaachise, waanuma kan Itoophiyaa ta’eefii?
Gaafa Ameerikaan qaama kana wajjin mari’adhaa jettee dhuftu ulaagaalee kunniin yoo naa guutaman nan mari’adha jedhanii ulaagaa isaan guutuu hindandeenyefaa dhiyeessitaafii barbaachisa. Dhimmoota akkanaatiin yoo dhiibbaa gochaa deemne marii, falmiifi dippilomaasii keessa yeroo argachuun ni dhufa. Yeroon ammo adeemsa dippilomaasii keessatti gatii mataasaa qaba.
Ameerikuma mataashii amansiisuuf tattaafachuu barbaachisa. Wantoota isan lafa kaa’an tokko lama jedhanii dhimmoota piraayivetaayizeshiifaa wajjin walqabatanii dhufaniirrratti amansiisuu gaafata, adeemsichi.
Namni dhimma biyya kanaarratti odeeffannoo kennuu qabu murtaa’uu qabu. Namumti barbaade lafaa ka’ee beekamtiin qaba jedhee dubbachuu hinqabu. Adeemsi akkanaa dippilomaasii balleessuu waan danda’uuf of eeggannaa guddaa barbaachisa.
Odeeffannoon asii bahus ta’e alaa dhufu kamuu karaa Ministeera Haajaa Alaa qofa ta’uu qaba. Kun ta’uu baatee akkanumaan namnumti tokko ka’ee dhaqeen alaabaa guba, embaasittin kana godha jechuu hinqabu. Kun dippilomaasii nama harkaa diiga.
Dhiibbaa adeemsi akkanaa qabu kan darberraa hubachuun barbaachisaa ta’a. Waan torbanuma darbe Finfinneetti odeeffameen embaasonni akka cufaman ta’eera. Kanaaf waantonni akkanaa of eeggannaa barbaadu.
Keessootti walfalmuun, walmormuun kan danda’amu yoo biyyi jiraatte qofa ta’uunis hubatamuu qaba. Kun ta’uu baannaan biyyi irra teenyee wallollullee hinjiuu bari. Kanaaf nama dhuunfaarraa eegalee paartiin siyaasaa morkattonnis ta’e kan biyya bulchaa jiru, rogeessaa hunduu miira ittigaafatamummaatiin socho’uu qabu.
Keessumaa lammiileen biyya keessaa kanaaf xiyyeeffannaa kennuu qabu. Abbumti arge miidiyaa argadhe jedhee ka’ee waanuma ittifakkaate kan lallabu yoo ta’e, waantota baay’ee diiga waan ta’eef of eeggannoo guddaa barbaachisa.
Miidiyaaleenis dhimma kanarratti miira ittigaafatamummaafi of eeggannoon hojjechuu qabu. Yeroo kanatti dhimmi dhuunfaa ka’uu hinqabu. Inni yeroo biraa waan qaqqabuuf. Namoonni dhuunfaan lafumaa ka’anii ibsa kennuu hinqaban. Balaan gama kanaan dhufu xiyyeeffannoo argachuu qaba. Kana keessa biyyi diigamuu dandeessi. Eenyuyyuu bu’aafi beekamtii ofii argatu qofa ilaaluu hinqabu.
Qaamni kamuu diigumsa biyyaarratti hirmaachuu hinqabu. Biyya diigamte keessaa kan fayyadamu hinjiru. Ummannis naannawa naannawasaatti wantoota jeequmsa, walitti bu’iinsa uumuu danda’u jedhee shakku qaama dhimmi ilaaluuf eeruu kennuun waardiyyaa nageenyaa ta’uu qaba.
Yeroo kana keessa homtuu uumamuu hinqabu. Waan mootummaan himu ykn dabarsu ummanni sirnaan hordofuu qaba. Duukaa mootummaa jiraachuusaas agarsiisuu qaba. Hundumtuu akka lammiitti qooda ambaasaaddarummaa biyyasaa bahachuu qaba.
Haqa biyya kanaa himuufi ibsuu qabu. diippilomaatii ta’uu qabu. Abbootiin amantii, hayyoonni, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantii, namoonni beekamoon akka atileetotaafaas kanarratti waan guddaa hojjechuu qabu. Keessumaa nageenya keessoo mirkaneessuurratti. Dhimmichi waan mootummaa qofarratti dhiibanii dhiisan miti.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 21/2013