Finfinnee: Waldaan Dubartoota Ogeesoota Seeraa Itoophiyaa miidhaa wayita filannoon marsaa 6fa biyyaalessaa adeemsifamuu dubartootarra dhaqqabu xiqqeessuuf pirojektii filannicha waliin hidhata qabu ifoomse.
Hojii Raawwachistuu Waldichaa Adde Leensaa Bayyanaa ibsa dheengadda miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, kaayyoon pirojektichaa, adeemsa filannoo keessatti miidhaan dubartootarra akka hingeenye hubannoo dabluufiif kan akeekeedha jedhaniiru.
Kanamalees hirmaannaa dubartoonni siyaasaafi filannoo biyyattii keessatti qaban akka cimuufis bu’uura buusuu akka dandahudha kan himan
Hirmaannaa dubartoonni filannoo, kaadhimamummaa, Ittigaafatamuummaafi Gaazexeessummaan keessatti qabanirratti miidhaan xiinqalbii, qaamaafi ilaalchaa gahuu dandaha yaada jedhu kaasaniiru.
Hojmaanniifi ilaalchi badaa akaksii kun akka dhabamsiifamuuf Waldichi dubartoota sadarkaa olaanarra gahan bira dhaabachuun jajjabeessuun cinaattii dabartoonni biroo fakkeenyummaasaanii hordofanii akka ofjijjiiran hojii hubanoo uumuu kan hojjetu ta’uullee kaasaniiru.
Haaluma kanaan miidhaan garagaraa akka isaanirra hingeenyeefis itti siqinsaan gargaaraa jiraachuufi gara fuulduraafis qophii ta’uu beeksiisaniiru.
Miidhaa dubartootarra filannoon dura, wayita filannoofi filannoon booda dhaqabu saaxiluuf sararri lakkoofsa bilbilaa akka biyyaalessaatti banameefi kaffaltiin ala ta’e 7711tti bilbiluun miidhaawwan gahan saaxiluu, tajaajila gorsaafi gargaarsa barbaachisu argachuufi eeruu laachuun akka danda’amu himaniiru.
Sararri lakkoofasa bilbilaa biyyaalessaa eerrame guyyaa filannoon gaggeeffamus eeruu fudhachuu akka danda’u ibsanii, eeruu kennameeratti hundaa’uun hojiin mirkaneeffachuu hojjeetamee dubartoota miidhaaf akka hin saaxilamne hordoffii taasisuufi tarkaanfii fudhachuuf haala mijataa uuma jedhaniiru.
Sararichi afaanota sadiin /Afaan Oromoo, Afaan Amaaraafi Afaan Tigreetiin Wixataa hanga Jimaataa sa’aatii hojii mootummaatti tajaajila akka kennu ibsaniiru.
Sadarkaa naannoofi biyyaalessaatti sararri bilbilichaa kan tajaajilu fi wayita eeruun kennamu maqaafi odeeffannoon dabalataa kan kennamu yoo ta’u, Waldaan Dubartoota Ogeesoota Seeraa Itoophiyaa miidhamtoota kanaaf hatattamaan gahee tajaajila barbaachisu kennuuf qophaahaa ta’uus hubachiisaniiru.
Tajaajilli gorsaafi deeggarsa seeraa kun Imbaasiin kanaadaafi ‘UNPFA’ Waldaa Dubartoota Ogeessota Seeraa Itoophiyaa wajjin ta’uun kan hojjetu ta’uus himaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013