Pirezdaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Hajii Muftii Umar Idiriis haasawaa ayyaana Iid- Alfaxir bara hijiraa 1442fa Istaadiyomii Finfinneetti kanajamerratti taasisaniin “Hidha haaromsaas ni xumurra diinaa keenyas ni injiffanna” jedhan.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadis gamasaaniin,
Iid Al-Faxirii baranaa kan kabajame biyyi keenya Itoophiyaan yeroo kamuu caalaa qormaatni hedduun fuuldura ishee jiraachuu yaadaachaati. Bishaan daaknu booruu, karaan adeemnu ammoo qoree kan itti heddummatu ta’uu ni beekna jedhan.
Haalli Itoophiyaan amma keessa jirtu jireenya dhuunfaa keenyaaf osoo hinta’in jiruu waloo keenyaaf akka yaadnu nu dirqisiisa; hawwii dhuunfaa keenya irra nageenya waloo keenyaaf akka ifaajnu nu dirqisiisa.
Sababa Hidhaa Haaromsaafi filannoo achii asi adeemaa jiruun qorumsi biyyaa keenyaa heddummatee argaa jirra. Dhimmoota lammeen kana fiixaan baasuun ulaawwan milkaa’inaa laayyootti hinilaalmne akka nuu banan ni beekna. Filannoo kana milkaa’inaan raawwachuun boqonnaa dimokiraasii haaraa akka nuu banu ifa. Raawwachuun Hidhaa Haaromsaas xomboora badhaadhinaa guddicha akka nu bobeessu lammiin Itoophiya biyya isaa jaallatu hunduu ni beekna jedhan.
Dhimmoota biyyaarratti garaagarummaa tokko malee irree tokkoon dhaabbachuun dirqama amantiiwwan hundaati jedhanii, keessummaa kabaja ayyaanichaa Ittaantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, hawaasni Musliimaa wayita soomaa Ramadaanaa jalqabee tokkummaafi jaalalli biyyummaa agarsiisan kan dinqisiifamuu ta’uu ibsaniiru.
Qaama kamiiyyuu osoo hinmiidhiin dhimmoota faayidaa biyyaalessaarratti tokkummaan dhaabbachuun dirqama lammii biyya tokkootis jedhan.
“…Warra lola facaasaniif, warra obboloota keenya gidduuti walitti bu’iinsa uumanuuf, madaa keenya hooqa warra nu dhiigsanuuf carraa haa kenninu. Nuti jaalala irraa jarri jibba irraa, nuti tokkummaa irraa jarri gargar ba’uu irraa…akka buufannu irraanfachuu hin qabnu.”
“Jaalalaan malee humnaan akka hin jilbeenfanne, dhugaafi haqaaf malee horiin akka hin bitamne, kabajaafi dantaa biyyaa dabarsinee akka hinkennine seenaan keenya ragaa ba’a” jedhaniiru.
Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013