Tekonolojiin boqqolloo facaasaa farra aramaafi guddistuu callaa biifu hojiirra oole

Baatuu: Dur dur boqoolloon harkaan facaafamee erga biqilee guddatee shoggoramee booda guddistuu callaafi farri aramaa itti biifama ture.

Adeemsa kanaan walqabatee wayita baqaqfamu kotteen sangaafi namaa midhaan biqile miidha, callaas gadi buusaa irra deebiinis aramuun dirqama ta’aa  tureera.

Amma garuu faallaa kanaan dhagaa tokkoon simbira lama akkuma jedhamu maashiniin dhamaatii kana hambisu tajaajila kennuu eegaluusaatiin gammachuufi callaan qonnaan bulaa dabalaa jira.

Yaalii tibbana Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Jiddoo Kombolchaa, ganda Arbaatti gaggeeffameen teknolojichi dhamaatee qonnaan bulaa kan hambisuufi callaa guddisuu keessattis bakka olaanaa kan qabu ta’uun mul’ateera.

Dhaabbata Koomteksi jedhuun kan dhiyaate farri aramaa Shuur Istaar jedhamu kun, gaafuma boqqoolloon facaafamu farri aramaafi xaa’oonis walumaan biifama.

Kanamalees teknolojiin al takkaatti hojii gabaabsu boqqolloon waytuma facaafamu farri aramaas xaa’oonis biifamee dhamaatiin aramaaf bahu akka hir’atu taasisus hojiirra kan oolu ta’uun  qonnaan bulaa kan onnachiisuudha.

Inistitiyuutii  Qorannoo Qonna Itoophiyaatti Qorataa Olaanaa Saayinsii Aramaa Wiirtuu Qorannoo Qonnaa Hoolataa kan ta’an Doktar Kaasaahun Zawudee argannoo farra aramaa kana ilaalchisuun haasaa taasisaniin argannichi omisha callaa boqqolloo dachaan dabaluuf gargaara jedhaniiru.

Farri aramaa Shuur Istaar jedhamu kun waggaa darbe yaaliirra kan oole ta’uu ibsanii, hektaara tokkoof liitira sadi qofa barbaachisa jedhaniiru.

Farra aramaa kana isaan kaanirraa adda kan taasisu gaafa boqqolloon facaafamee kaasee hanga guyyoota sadiitti  biifamuu akka qabu himanii, aramaan biyyoo keessaa osoo hinbahiin lafuma keessatti akka badu taasisa jedhaniiru.

Farri aramaa kun Shuur istaar kan jedhamu yoo ta’u, dhaabbata Koomteeksi jedhamuun kan dhiyaateefi qorannoo qonna Hoolataan kan mirkanaahe ta’uus ibsaniiru.

Teknolojichi qonnaan bulaa harka gahee hunduu fayyadamaa akka ta’uuf jalqabbii kana akka galteetti fudhatanii Ministeerri Qonnaas ta’e yuniyeenonni irratti hojjechuu qabu jedhaniiru.

Bu’aan callaa argannoo kanaan galmaahu dachaan kan duraarra akka caalus himanii, waliingahinsarratti saffisaan hojjetamuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Argannoon kun mul’ataafi oomisha qonnaan bulaa dachaan kan dabaluufi dhamaatee kan hir’isu akka ta’e qonnaan bultoonni aanichaa ni dubbatu.

Qonnaan Bulaa Saafahuu Goobee jiraataa Aanaa Jiddoo Komboshaa, ganda Arbaa yoo ta’an, teknolojiin qorannoon dhiyaate kun qonnaan bulaa fayyadamaa kan taasisu waan ta’eef yeroon dhiyaachuu akka qabu dubbataniiru.

Teknolojichi akka godinasaaniitti haaraa ta’uu himuun fayyadamummaasaanii daran kan mirkaneessu ta’uu abdii akka qaban dubbatu.

Kanamalees sosochii qorannoo qonnaa kana cimsuuf maashiniin boqqolloo facaasu, farra aramaa biifuufi dhamaatee salphisus karaa abbootii qabeenyaa dhiyaachaa jiraachuun jajjabeessaa ta’uu kan himan Obbo Saafahuun kunis cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Xumura waggaattis omishasaaniirraa dachaa argachuun qonaan bulaa adda duree ta’anii argamuuf gamanumaa kutannoon hojjetaa akka jiran dubbataniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013

Recommended For You