“Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa faayidaalee guguddoo shan qaba” – Doktar Guutuu Teessoo

Finfinnee: Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa  xumursiisuun faayidaalee guguddoo akaakuuwwan shan kan qabu ta’uu dubbatu hayyuun dinagdee Doktar Guutuu Teessoo.

Ijaarsa pirojektii hidha haaromsaa guddicha xumursiisuun faayidaalee guguddoo shan qaba kan jedhan Doktar Guutuun, isaanis faayidaa xiinsammuu, hawaasummaa, dinagdee, siyaasaa, hariiroo biyyoota ollaa cimsuufi eegumsaafi kunuunsa naannawaa mirkaneessuudha.

Itoophiyaan addunyaarratti fiigichaan, daandii xiyyaaraatiin, injifannoo lola Adwaatiin beekamti kan jedhan hayyuun kun, ijaarsi hidhichaa pirojektota guguddoo addunyaa keessaa tokko waan ta’eef biyyattii addunyaatti beeksisuun lammiilee biyyattiifis faayidaa xiinsamuufi ofitti amanamummaa guddaa kennaaf jedhu.

Ijaarsi hidhichaa qarshii sabootaafi sablammoota biyyattiitiin hojjetamaa waan jiruuf qabeenyaafi invesimantii walooti. Qabeenyi waloo ammoo walitti nu harkisa, walittis nu araarsa, walitti nu hidha, akka waliigallu nu taasisa. Qabeenyi waloo kun hariiroo hawaasummaa keenyas daran kan cimsu ta’uu eeraniiru.

Ijaarsi hidhichaa imala biyyattiin qonnarraa gara industiriitti ce’uuf taasisaa jirtu mirkaneessuun guddina dinagdee biyyattii si’eessuu keessattis gamaacha olaanaa qaba kan jedhan Doktar Guutuun, wantoota gara industiriitti ce’uuf barbaachisan keessaa inni ijoon humna ibsaa ibsaa ga’aa gatii rakasaan dhiyeessuudha.

Paarkiiwwan industirii biyyattiin ijaarte hundi humna ibsaatiin waan hojjetaniif humni ibsaa amma qabnu nu ga’uu didaa jira. Humna ibsaa ga’aafi dabalataa argachuuf ammoo ijaarsa hidhichaa dafnee xumursiisuun dirqama yeroon gaafatuudha jedhu.

Ijaarsa hidhichaa hanqina humna ibsaa biyyattii furuurra darbee gara biyyoota ollaatti gurguruun galii sharafa alaa akka argannu nu taasisa kan jedhan hayyuun kun, pirojektichi guddina dinagdee biyyattii si’eessuudhaan hirkattummaa biyyoota alaa jalaa kan nubaasu ta’uus eeraniiru. 

Magaalotni Itoophiyaa keessa jiran hedduun humna ibsaa gahaa waan hinqabneef tajaajiloota adda addaa humna ibsaa fayyadamuun hojjetan banuu hindanda’an. Ijaarsi hidhaguddichaa yeroo xumuramu garuu waliinga’iinsa humna ibsaa baadiyyaa %35irra jiru gara %70tti guddisuun hawaasni baadiyyaa jiraatu madda galii jabaa akka argatu kan taasisu ta’uus dubbataniiru.

Ijaarsi hidhichaa humna siyaasaa jabaa dhageettii Itoophiyaan Gamtaa Afrikaafi addunyaa biratti qabdu akka dabalu kan taasisuudha.

Itoophiyaan humni ibsaa guddaa kana biyyoota olaa Sudaan, Sudaan Kibbaa, Keeniyaatti waan gurgurtuuf biyyoota olaallaa waliin nagaan akka jiraattuufi walitti hidhiinsa dinagdee cimaa uumuudhaan hariiroon waliin qabnu daran akka cimuufis ni gargaara jedhan.  Misiris akka kanaan duraa laga Abbayyaa qofarratti hundooftee jiraachuu utuu hintaane qabeenya bishaan lafa jalaa qabdutti fayyadamuu akka qabdu eeran.

Humni ibsaa hidhicharraa maddu ittifufiinsa akka qabaatu taasisuuf qabeenya bosonaafi biyyee keenya eeguufi kunuunsuu akkasumas lafa bosonni irraa dhume deebisnee misoomsuu qabna kan jedhan Doktar Guutuun, kun ammoo gama biraadhaan qabeenya uumamaa keenya eeguu, kunuunsuufi misoomsuudhaan madaala qilleensaa akka eegnu kan nu taasisuudha jedhu.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 7/2013

Recommended For You