
“Rakkoo bulchiinsa gaarii furuun qonnaan bulaa abbaa qabeenyaa taasisuun hojii ijoodha”
– Bulchiinsa Magaalaa Shaggar
Finfinnee: Hojii invastimantiin bu’aqabeessa akka hintaane rakkoon bulchiinsa gaarii danqaa ta’uu qonnaan bultoonni Shaggar hojiilee invastimantii garagaraarratti bobba’an Gaazexaa Bariisaaf ibsan.
Bulchiinsi magaalaa Shaggar ammoo rakkoo bulchiinsa gaarii furuun qonnaan bultoota abbaa qabeenyaa taasisuuf hojjetaa jiraachuu beeksiseera.
Obbo Afawarqii Angaasaa qonnaan bultoota qonnarraa gara invastimantiitti ca’an keessaa tokko yoo ta’an; Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin beekamtii kan gonfatanidha. Ammaan tana Kutaa Magaalaa Sabbataa keessatti warshaa pilaastikii hundeessuun faalama naannawaa maqsuun cinatti omishaalee pilaastikaa gabaaf dhiyeessuurratti argamu. Hojjetanii bu’aqabeessa ta’uu hojii hanga ammaarraa hubachuu ibsanii; liqii, bakka hojiifi bu’uuraalee misoomaatiin walqabatee rakkoo hamaan jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaan Makonnon Mangashaa ammoo jiraataa Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu yoo ta’an; hojii horsiisa beeyiladaan qonnaan bulaa beekamtii gonfatanidha. Ammaan tana aannan Magaalota Shaggariifi Finfinneef dhiyeessaa kan jiran yoo ta’u, hojjettoota dhaabbii 10 oliif carraa hojii bananiiru.
Ta’us osoo hanqina annaniifi bu’aalee aannanii akka biyyaatti jiru furuuf fedhii guddaa qabanii sababa liqiifi deeggarsa ga’aa dhabuutiin akka yaadametti tarkaanfachaa akka hinjirre dubbataniiru. Baankii Daldala Itoophiyaaf karoora biizinasii baasanii
galchanis hanga ammaatti deebii hinarganne. Rakkoonsaanii akka furamuufis tumsi bulchiinsi magaalaa taasise hagas mara akka hintaane eeraniiru.
Mallasaa Girmaas qonnaan bultaa Aanaa Tufaa Munaa, Shaggariin beekamtiin kennameefi hojiilee invastimantii garagaraarratti bobba’aniidha. Qonnaan bulaan kun, horsiisa lukkuu, omisha dammaafi qamadii, hojii kuduraafi muduraarratti hirmaachuun qonnaan bulaa bu’aqabeessa ta’anidha.
Oggaa Shaggar godina addaa turetti magaalaa qonnaan bulaan irratti omishu osoo hintaane irraa buqqifamaa ture ta’uu yaadachiisanii; qonnaan bulaan har’aas godaannisa kaleessaa haquufi dhamaatii abbootii darbaniitti ija gochuuf xiiqiin hojjetaa jiru.
Namoota 12f carraa hojii dhaabbii, namoota 250 ammoo kan yeroo uumuus dubbatanii; ta’us, liqii argachuurratti ba’aa ba’iin Baankii Siinqeefi caasaa bulchiinsaa gara gadii hudhaa ta’uu hubachiisaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa gamasaaniin, rakkoo bulchiinsa gaarii liqiin walqabatu ilaalchisee Baankii Siinqee waliin walitti dhufeenyaan kan hojjetan ta’uu himanii; kaayyoon bulchiinsa magaalattii qonnaan bulaa deeggaruufi utubuudha.
Gama kanaan Waajjirri Invastimantiifi Industirii Magaalattii hojii boonsaa hojjetaa jira. Sektaroonni biroos fakkeenyummaa gaarii kana moggaatti dhiisuun dhimma qonnaan bulaa lafarra harkisu taanaan to’annoofi hordoffii cimaan kan taasisan ta’uu dubbataniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 5 Bara 2017