
“Biyyaafi sirna ceesisuun kan danda’amu dhalootarratti hojjechuu qofaani”– Obbo Jaarsoo Boruu
Finfinnee: Biyya ta’e sirna sadarkaa barbaadametti ceesisuun kan danda’amu dhalootarratti hojjechuun qofa ta’uu Bulchaan Godina Baalee Bahaa Obbo Jaarsoo Boruu ibsan. Barruuleen Naa’otaa daa’immaniif Afaan Oromootiin DhPIn maxxanfamtu Sanbata darbe Adaamaatti eebbifamte.
Obbo Jaarsoon ibsa torbee darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, biyyaafi sirna ijaaruun gara boqonnaa haaraatti ceesisuuf dhalootarratti hojjechuun dhimma ijoodha. Dhalootni har’aa sababoota garagaraatiin burjaajii eenyummaa keessa galuun karaa baay’een aadaafi eenyummaasaa irraanfachaa jira. Dhaloota daandiirraa maqaa jiru daandiitti deebisuun daa’imummaarraa yoo eegale salphata waan ta’eef hojii daa’immanirratti hojjetamu tumsuun barbaachisaadha.
Akka isaan jedhanitti, guddinaafi qaroomina addunyaaf bu’uurri aadaafi amantaadha. Oromoon saba guddaa aadaa, amantaafi falaasama jireenyaa waa hedduu of keessatti hammate qabudha. Sirni Gadaa Oromoo qajeelfamoota, duudhaalee, qaroominaafi safeeffannaa gadifagoo qaba.
Dhaloota safuufi quuqama biyyaatiin masakame horachuu keessatti shoorri qabus olaanaadha. Duudhaalee sirnichaa daa’imman har’aa barsiisuun qaama tokkoof kan dhiifamu osoo hintaane dirqama hawaasa sadarkaan jiruuti. Daa’imman haala har’a ittiin guddifaman bor fakkaatu waan ta’eef waan gaarii barsiisuufi fakkeenya gaarii ta’uufiin barbaachisaadha.
Kana kan hubate Mootummaan Naannoo Oromiyaa sirna ijaaruu, ummata dinagdeen ga’oomsuufi dhaloota saayiinsiifi teknolojiin qaruuf kaayyoowwan guguddoo qabatee socho’aa jira.
Kunis dhaloota ilaalcha gaariifi beekumsa gonfateen ala guddinaafi jijjiirama yaaduun rakkisaa waan ta’eef. Dhaloota qaruun burjaajii aadaafi eenyummaarraa baraaruu qofa osoo hintaane badhaadhina hundagaleessa dhugoomsuuf daran gargaara jedhaniiru.
Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa/DhPI Barruulee Daa’immanii kan fayyaa, aadaa, ilaalcha waloomaa, guddina saayinsiifi teknolojiirratti xiyyeeffate qopheessee dhiyeessuu eegaluunsaa hojii daran deeggaramuu qabu ta’uu himanii; dhaloota lafaa dhufaa safuufi aadaa biyyaatiin addunyaa keessatti guddisuun Itoophiyaaf egeree bareedaa ijaaruu ta’uus dubbataniiru.
Addunyaa dijitaalaa kana keessatti dhaloota ilaalcha biyyaalessaatiin yayyabame safuufi safeeffannaa qabu horachuun barbaachisaa ta’uu dubbatanii; akkuma abbootii kaleessaa lola Adwaarratti taasisan misoomaafi dhimma biyyaarratti tokkummaafi obbolummaan hiriiruu barsiisuun DhPI qofa osoo hintaane dirqama qaamolee hundaa ta’uu hubachiisaniiru. Godinni Baalee Bahaas hojii gaarii DhPI eegale dhugoomsuuf qarshii miliyoona 3.3 deeggaruuf waadaa seenuus ibsaniiru.
Oduudhuma walqabateen Barruuleen daa’immanii Naa’otaa jedhamtuufi Afaan Oromootiin Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin maxxanfamtu Sanbata darbe bakka abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, qondaaltonni olaanaan mootummaa federaalaafi naannoo akkasumas bulchioonni godinaaleefi kantiibonni magaalotaafi keessummoonni biroo waamichi taasifameef argamanitti Magaalaa Adaamaatti sirna daran ho’aadhaan eebbifamteetti.
Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataatti dura taa’aa koree humna namaafi teknolojifi miseensi boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Doktar Nagarii Leencoo haasaa sirnicharratti taasisaniin eebbi barruulee Naa’otaa daa’imman qaqqabuu qofa utuu hintaane guddina Afaan Oromoofis gumaacha olaanaa waan qabuuf hunduu deeggaruu akka qabu eeraniiru.
Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walittiqabaa Ittaanaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokraasii Obbo Azmaraa Andamoos, dhaloota kaleessaarratti qixa sirriin hojjechuu dhabuun wareegama har’a biyyi kaffalaa jirtuuf sababa ta’uu ibsaniiru.
“Dhalootni kaleessaa sababoota garagaraan nu harkaa ba’eera. Kan har’a harka keenya jiru dhaloota har’aa waan ta’eef gama obbolummaa, tokkummaafi walqixxummaatiin irratti hojjechuu qabna,” kan jedhan ammoo Ministira Hariiroo Ummataafi Idiladdunyaa Doktar Biqilaa Hurrisaati. Milkaa’ina barruulee kanaaf mootummaan tumsa barbaachisu akka taasisus ibsaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoos barruulee kana dhaloota biraan ga’uuf waliin hojjechuuf Gaggeessaa olaanaa DhPI Obbo Masaafinti Tafarraa waliin waliigaltee mallatteessaniiru; kaanis Naa’otaa bal’inaan fudhachuuf waadaa galaniiru.
‘EBC’n tajaajila sagantaa beeksisaa qarshii miliyoona afur baasu, akkuma irranatti eerame Godinni Baalee Bahaa qarshii miliyoona 3.3, Biiroon Barnoota Oromiyaa qarshii miliyoona tokko, Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa qarshii miliyoona tokko, Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaafi abbaan qabeenyaa Masaayi Axilaawu jedhaman qarshii kuma 50, 50 arjoomaniiru.
Sirna eebba barruulee seenaqabeettii, Naao’taa kana dhaabbileen miidiyaa mootummaafi dhuunfaa biyya keessaafi alaa akkasumas kominikeeshinoonni naannolee sadarkaan jiraniifi matayyoonni bal’inaan gabaasaniiru, karaa miidiyaa hawaasaasaanii qoodaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017