
Finfinnee: Mootichi Lij Iyyaasuu bara 1913 hanga 1916tti Itoophiyaa bulchaa kan turan yoo ta’u, mootota darban keessaa nama umriin xiqqaa yoo ta’an bilchina qorqalbiin, dippilomaasiin, walqixxummaa sabaafi sablammiifi amantaaf nama bakka guddaa qaban turan.
Ga’umsasaanii kana qeequun dhiibbaa biyya keessaafi alaan isaanirratti aggaamameen umrii bulchiinsasaanii waggaa saditti gabaabsuun ulee bulchiinsaa kan qabatan Hayilasillaaseen hidhaafi hiraarsaaf isaan saaxilaa turuu seenaatu ragaa baha.
Manneen hidhaa Finfinneefi Fiichee keessa erga turfamaniin booda duubarra mana hidhaa akka pirojektii guddaatti ittiqophaa’amee Harargee Bahaa Guraawwaatti ijaarametti geeffamuun hidhaafi hiraarsaan garajabummaa irratti qaqqabaa tureera.
Manni hidhaa kun bara 1923-1925 ijaarsisaa kan xumurame yoo ta’u; fulbaana 5, 1925 bakka mootichi Hayilasillaaseen argamanitti eebbifamee tajaajila hidhaa akka kennu ta’eera.
Mootichi Lij Iyyaasuus aangoorraa kaafamanii Finfinnee, Fiichee duubarrammoo mana hidhaa haaraa Guraawwaatti geeffamuun hiraarfamaa turanii bara 1928 halkan mana hidhaadhaa baafamanii umrii ganna 40tti yoo ajjeefaman bakki awwaalchasaaniillee hanga ammaa kan hinbeekamneefi qorannaarra kan jiru ta’uu seenaan ragaa baha.
Diizaayiniin mana hidhichaa nama lammii biyya Armeeniyaa “Amaaliyaa” jedhamtuun akka qophaa’e seenaan nidubbata. Ijaarsi mana hidhaa kanaa lafa kaaree meetira 5000irra kan qubate yoo ta’u funcaan Lij Iyyaasuun ittihidhamaa turan kilo giraama 100 kan ulfaatu, teessumni sibiilaa isaan irrataa’anii abidda qaqqaammataniifi sireensaanii achi keessatti argamu.
Manni hidhaa kun kutaalee 15 of keessatti kan hammateefi umrii ganna 93tti kan dhiyaatu yoo ta’u; xiyyeeffannoo dhabee diigichaaf saaxilamaa turuu Ittigaafatamtuun Aadaafi Turiizimii Godina Haragee Bahaa Aadde Sa’aadaa Ibraahiim nidubbatu.
Harargeen Bahaa mana hidhaa seena qabeessa Lij Iyyaasuu dabalatee wiirtuulee hawwata turistii Fardeen Qundhudhoo gaara Qundhudhoo, Arba Baabbilee, Dhagaa Baabbilee, Siidaa wareegamtoota Calanqoofi kan biroon kan badhaate yoo ta’u akkaataa barbaadameen galiin argamaa jiru quufsaa miti jedhu.
Keessumattuu Manni Hidhaa Lij Iyyaasuu umrii dheeraafi seenaa dheeraa kan qabu yoo ta’u; haalaan suphamee turistiif banaa ta’uu dhabuusaarraa kan ka’e galii argamsiisuu osoo maluu gaaga’amaaf saaxilamaa turuu himaniiru.
Abbaan Taayitaa eegumsa hambaalee mana hidhichaa suphisiisuuf ittigaafatamummaa fudhatus ‘adeemsarra jira’ yaada jedhuun ala hanga ammaa rakkoo keessa jiraachuu eeraniiru.
Hambaan kun kan Harargee Bahaa qofa miti qabeenya Itoophiyaati kan jedhan Aadde Sa’aadaan osoo suphameetii galiin turiizimii godinichaa dachaan kan dabalu ta’a jedhaniiru.
Haala hambaan kun ittijiru ilaalchisee Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Guraawwaa Obbo Jaafar Abdiishaafii gamasaaniin akka jedhanitti suphaaf adeemsarra jirama yaada jedhuun alatti wanti hanga ammaa eegalame hinjiru jedhu.
Haalli ijaarsa manichaa mooraa sadii kan of keessaa qabu yoo ta’u; bakka abidda qaqqaammatan, bakka ittihidhaman barcuma irra taa’an bakka dhaqna ittidhiqataniifi waliigala kutaalee 15 kan of keessaa qabudha jedhu bulchichi.
Meeshaaleen achi keessaa badan, bakki awwaalchaa Lij Iyyaasuu ammallee qorannaarra kan jirudha jedhanii hambaa kana badiisarraa baraaranii dhaloota dhufuuf olkaa’uuf xiyyeeffannoo osoo argatee gaariidha jedhaniiru.
Haala suphaa mana hidhaa Lij Iyyaasuu Harargee Bahaa Guraawwaatti argamu maalirra jira isa jedhuuf Abbaa Taayitaa Kunuunsa Hambaaleetti Ogeessa Hambaalee Dhaabbataa kan ta’an Obbo Gabramaariyaam Anaaniyaa ibsa dabalataa nuu kennaniin Manni Hidhaa Lij Iyyaasuu suphaansaa dhiyootti akka eegalamu kaasaniiru.
Ogeessonni dhimmi ilaallatu shan bakkichatti bobbaanee qorannaa barbaachisu taasisaa turreerra kan jedhan Obbo Gabramaariyaam caalbaasiif dhiyeessuun erga madaalameen booda ji’aafi torban lama booda walharkaa fuudhiinsi taasifamee hojiitti galama jedhaniiru.
Suphaan kun yeroo jedhametti jalqabamnaan ji’a jaha keessatti xumuramee daawwattootaaf banaa akka ta’u ibsaniiru.
Bajanni suphaa kanaaf oolu Abbaa Taayitaa Kunuunsa Hambaalee Federaalaan kan haguugamu ta’uu ibsanii; qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti xumuruuf qophiitti jiraachuu ibsaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 11 Bara 2017