Qaqqabumummaa barruulee Naa’otaaf hunduu akka tumsu gaafatame

Finfinnee: Barruulee daa’immanii Naa’otaa Afaan Oromoon Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa (DhPI) maxxansiisaa jiru kaayyoosaa akka milkeessuuf hunduu akka tumsu gaafatame.

Raawwachiisaan Hojii DhPI Obbo Masaafinti Tafarraa akka jedhanitti, miidiyaa maxxansaa hangafa kan ta’e DhPIn waggoota 84n darbaniif odeeffannoo wayitaawaafi amanamaa dubbistoota biraan ga’aa jiraatus xiyyeeffannaan daa’immaniif kenne gadaanaa ture.

Ka’umsa kanaan daa’imman seenaa waloo kan ittiin baratan, aadaa dubbisuu kan ittiin gabbifataniifi biyyasaaniirra darbee addunyaa ittiin hubatan akka qabaataniif dhaabbatichi ji’oota muraasa dura Afaan Amaaraatiin Barruulee ‘Bilaateenaat’ kan eegale yoo ta’u, ji’a Guraandhalaa bara 2017 irraa kaasee ammoo Afaan Oromootiin barruulee Naa’otaa maxxansiisuu eegaluu ibsaniiru.

Egaa barruulee qoratameefi ittiyaadameee daa’immaniif dhihaate kana DhPIn ittigaafatamaan haa maxxansu malee daa’imman bira ga’uu kan danda’u hirmaannaa qaamolee hundaan ta’u eeranii, akka miidiyaa elektironiksii saatalaayitiirratti gadi lakkifamee abbaa qaqqabe haa qaqqabu jedhamee kan dhiifamu waan hintaaneef qabatamaadhaan daa’imman bira akka ga’uuf biiroleen barnootaa, waajjiraaleen, namootni dhuunfaa, abbootiin qabeenyaa, dhaabbileen mitmootummaa biyya keessaafi alaa akka tumsan gaafataniiru.

Raawwachiisaa Ittaanaan Damee Miidiyaa Maxxansaa Obbo Fiqaaduu Katamaa gamasaaniin, DhPI miidiyaa guddina afaaniifi hogbarruu Afaan Oromoo keessatti gumacha olaanaa taasisaa tureefi jiru ta’uu himanii, keessumaa Gaazexaan Bariisaa yoommuu Afaan Oromoo afaan miidiyaa ta’uun rakkisaa turetti qabsoo olaanaa keessa darbuun hanga yoonaa miidiyaa maxxansaa filatamaa ummata Oromoo ta’uu danda’uu yaadachiisaniiru.

Dhaabbatichi yeroo yeroodhaan of fooyyessaa deemuun bu’aalee maxxansaa isaarratti riifoormii taasisuurra darbee maxxansawwan haaraa dubbistootaaf dhiheessaa jiraachuu himanii, bara bajataa kanarraa eegalees barruulee daa’immanii qopheessuu eegaluu dubbataniiru.

Haala kanaan barruuleen daa’immanii Amaariffaan Adoolessa bara 2016 irraa eegalee maxxanfamuu eegaluu kaasanii, ji’a darberraa eegalee ammoo Barruulee Afaan Oromoo Naa’ota irratti xiyyeeffate dubbistoota biraan ga’uu eegaluu ibsaniiru.

Baarruuleen kun Afaan Oromoof seenaqabeessa ta’uu kaasanii, Gaazexaan Bariisaa fuula daa’immanii qabaachuu dhabuusaatiin dhimmisaanii dagatamee waan tureef xiyyeeffannaa kan ittiin argatan ta’uu himaniiru. Akkasumas, qabiyyeewwan dhaabbatichi irratti hojjetu tarkaanfii tokko fuulduratti kan deemsisu ta’uu dubbataniiru.

Eegalamuu barruulee kanaan walqabatee qaamolee garagaraa waliin marii taasisaa turuu dubbatanii, tumsa Biiroleen Barnootaa Oromiyaa, Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee, bulchiinsi magaalootaa, biiroleefi dhaabbileen addaddaa taasisaniif galateeffatanii, ittifufiinsaafi qaqqabamummaa Barruulee Naa’otaaf hunduu akka tumsu gaafataniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017

Recommended For You