Nageenya waaressuu keessatti shoorri dhaabbilee amantaa olaanaadha

Finfinnee: Tattaaffii nageenya waaressuu keessatti shoorri Dhaabbilee Amantaa olaanaa ta’uu Gumiin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa beeksise.

Koonfiraansiin nageenyaa Gumiin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa mataduree “Gaheen Dhaabbilee Amantaa nageenyaafi araaraaf” jedhuun torbe kana Magaalaa Jimmaatti adeemsifameera.

Barreessaan Gumii Dhaaabbilee Amantaa Itoophiyaa Qasiis Taagaay Taaddalaa waltajjicharratti akka jedhanitti, shoorri dhaabbileen amantaa naannoolee hunda keessatti nagaa buusuuf qaban guddaa ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis dhaabbileen amantaa nagaa, tokkummaafi jaalala ummata gidduutti buusuuf cichoominaan hojjetaa jiru.

Pirezidaantiin Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaafi Walitti Qabaa Ittaanaan Gumii Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa Sheek Gaalii Muktaar, nageenyi dhala namaaf qofa osoo hintaane lubbuqabeeyyii hundaaf barbaachisaa ta’uu  ibsanii; hunduu nagaanyasaaf waardiyyaa dhaabbachuun nageenya kunuunfachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa, mootummaan nageenya amansiisaafi ittifufiinsa qabu mirkaneessuudhaan imala badhaadhinaa galmaan gahuuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjataa jira jedhanii; dhaabbileen amantaa bu’uura nageenyaa waan ta’aniif nagaa waaressuufi araara labsuun tokkummaa sabdaneessummaa mirkaneessuurratti shorasaanii ba’achuu akka qabanis dhaamaniiru.

Mootummaan naannichaa, ummata hirmaachisuun nageenyi waaraan akka dhufu sochii jalqabe cimsee ittifufas jedhaniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir gamasaaniin, “Nageenya barsiisuufi lallabuun hojii ijoo dhaabbilee amantaa ta’uu qaba. Hundaa caalaa nageenya, jaalalaafi tokkummaa labsuu qabu” jedhaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xaahaa Qamar gamasaaniin, “Hawaasni magaalichaa garaagarummaa tokko malee jaalalaafi tokkummaa amantaa walii kabajuun hojii misoomaafi nageenyaarratti waliin dhaabbachuu qabu” jedhaniiru.

Ittigaafatamaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Naannoo Oromiyaa Komishinara Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa akka jedhanitti, ummanni nagaafi nageenya mirkaneessuuf karaa addaddaatiin gumaacha taasisaa tureera. Naannichi akka nagaa ta’uuf keessumaa abbootiin amantaa hawaasa waliin nagaa ijaaruu keessatti hirmaannaa isaanii guddisuu akka qaban cimsanii dhaamaniiru. Kaayyoon konfiransii kanaa nageenya waaraa buusuuf gaheen dhaabbilee amantii olaanaa ta’uusaa agarsiisuuf ta’uun himameera.

Jiraattonniifi abbootiin amantaa konfiransii kanarratti hirmaatan, mariin nageenyaa kun kan nama jajjabeessuufi kan kakaasu ta’uu ibsanii; nageenya waaressuuf shoorasaanii akka ba’atan himaniiru.

Konfiraansii nageenyaa kana marsaa ittaanutti qopheessuuf Naannoon Amaaraa Naannoo Oromiyaarraa waancaa nageenyaa fudhateera.

Tamaam Abdulleetiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017

Recommended For You