
Finfinnee: Nageenya, jaalalaafi tokkummaa biyyaalessaarratti hubannoo daa’immanii cimsuuf barruun Naa’otaa gumaacha qabdi jechuun Abbaan Gadaa Sobbooqaa Lataafi Haati Siinqee Araggaash Gadaa ibsan. Barruuleen Naa’otaa Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa (DhPI) xiinsammuu daa’immaniirratti xiyyeeffachuun qopheesse har’a Magaalaa Adaamaatti eebbifamti.
Abbaan Gadaa Tuulamaa Finfinnee Sobbooqaa Lataa barruulee daa’immannii (Naa’ota) DhPIn qopheesse kana ilaalchisuun yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, barruuleen dhaabbatichaan qophaa’aa jiru kun akka daa’imman aadaa, seenaafi duudhaasaanii hubataniif gumaacha olaanaa qabdi.
Daa’imman akka yaadataniifis ta’e dhalootni boodaan dhufu dandeetti dubbisaa akka guddifatu taasisuuf barruun qophaa’e barbaachisaadha. Sirna Gadaa keessatti daa’imni safuu, naamusaafi haala jiruuf jireenya hawaasaa abbaafi haadharraa baratu. Barruun Naa’otaa garuu akka daa’imman hindaganne taasifti jedhaniiru.
Akka ibsasaaniitti, sirna Gadaa keessatti daa’imman angafoota isaanii kabajuutu irraa eegama. Kanaafis, umuriisaaniirratti hundaa’ee sadarakaa gaammeerraa kaasee gochi isaan raawwatan adda ba’eera. Isaan keessaa aadaa rifeensa guddisaan walqabatu guduruu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Daa’imni tokko gaafa guduruu buufatu raadatu kennamaaf. Raadi kennamuufis hanga gaafa umriinsaa ga’ee fuudhuutti (warroomutti) hortee bu’uura dinagdee ta’uun Oromoon daa’immaniif xiyyeeffannoo guddaa kan qabu ta’uu mul’isa jedhaniiru.
Sirna Gadaa keessatti duudhaa dhalootatti dabarsuuf jaarsolii argaa dhageettiirraa dhaga’anii dhalootatti darbaa dhufuu himanii; si’ana garuu duudhaaleen sirna Gadaa barruulee Naa’otaarratti bareeffamee hanga mana barumsaatti kennamuun dandeettii hubachuufi yaadachuu dubbisuu daa’immanii daran cimsa jedhan.
DhPInis barruulee Naa’otaa qopheessuu kan eegaleef duudhaa sirna Gadaa, saayinsii ammayyaafi taateewwan wayitawaa, jiruufi jireenya hawaasaan waliin dabaalame dhiyeessuuf akka ta’u hubachuu eeraniiru.
“Barruuleen Naa’otaa bu’aa barbaadamu akka argamsiistuuf dhaabbileen barnootaafi mootummaan daa’imman biraan ga’uu qabu. Barsiisonnis ga’eesaanii ba’achuun qofa utuu hintaane duudhaa sirna Gadaafi daa’imman barsiisuurratti xiyyeeffannaa kennuun irraa eegama” jedhan.
Haati Siinqee Tuulamaa Finfinnee Araggaash Gadaa gamasaaniin Oromoon daa’immaafi biqiltuu adda baasee hinilaalu jechuun xiyyeeffannaa Oromoon daa’immaniif qabu ibsaniiru.
Daa’imniifi biqiltuun kunuunsa baraadu. Sirni Gadaa duudhaasaanii eeganii akka guddataniif sadarkaan kaa’eera. Barruun Naa’otaa DhPIn maxxanfamaa jiru aadaa, seenaafi duudhaa hawaasaa bifa saayinsaawaafi ammayyaawaan dabalame akka hubatan taasifti jedhan. Akkuma Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad dandeettii afaanota garagaraa akka gabbifatan jajjabeessiti. Kanaaf, qaamni dhimmi ilaallatu akka Naa’otaan daa’imman bira geessuuf deeggarsa barbaachisu gochuu qabu jechuun dhaamaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017