
Finfinneee: Barruuleen daa’immanirratti xiyyeefatuufi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin Afaan Oromootiin qophaa’e jalqabbii gaarii ta’uufi ittifufiinsasaarratti hojjechuu akka barbaachisu Gaggeessituun Hojii Faawundeeshinii Guddinaa Tumsaa ibsan.
Gaggeessituun Hojii dhaabbatichaa Aadde Leensaa Guddinaa Tumsaa yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, barruuleen Naa’ota jedhu Afaan Oromootiin qabiyyeewwan daa’immaniif malaniin dabaalamee dhihaachuun akka dhuunfaatti isaan gammachiisuu himanii, yeroo baay’ee maxxansawwan Afaan Oromootiin qophaa’an barreeffamni waan ittibaay’atuuf dubbisuuf hawwataa akka hintaane ibsu. Barruuleen Naa’otaa rakkoo sana kan fure ta’uu kaasanii, daa’imman immoo waan dubbifamu irra waan mul’atu waan barbaadaniif haala rakkoo kana hiikeen dhihaachuun isaa gaarii ta’uu dubbatu.
Kana malees barruuleen kun daa’imman dubbisuurratti jajjabeessuun beekumsa addaddaa kan horachiisu ta’uu eeranii, gama naamusa barsiisuu, afoolawwan dagataman hedduu yaadachiisuu, akka waliigalaatti filannoowwan garagaraatiin daa’immaniif qophaa’uunsaa akka ciminaatti kan eeramu ta’uu ibsu.
Qabiyyeewwan dhihaatan haala sadarkaa umurii daa’immanii ilaalcha keessa galcheen ta’uu akka qabu kaasanii, ijoolleen dubbisuu hineegalle suura iaalalanii dubbisuu akka shaakalaniif kan fayyadu ta’uu himu.
Barruuleen Naa’otaa Afaan Oromootiin dhihaate kun daa’imman afaansaanii, Afaan Oromootiin hiikkatan qofa osoo hintaane kanneen afaan lammataasaanii ta’eefis kan fayyadudha kan jedhan Aadde Leensaan, keessumaa wayita ammaa Finfinneetti Afaan Oromoo barsiifamaa waan jiruuf faayidaansaa olaanaa ta’uu eeru.
Daa’imman afaan dabalataa akka baran kan gargaaru ta’uufi wayita ammaa daa’imman afaanota addaddaa beekan horachuun addunyaa haala salphaan akka hubatan akka isaan fayyadan ta’uu kaasaniiru.
Yeroo daa’imman fiilmiiwwan addaddaa biyya alaarraa akka kosiitti isaanitti gatamurratti yeroosaanii dabarsaa jiran kanatti haala kanaan yaadanii waan dubbisan, waan isaan fayyadu dhiheessuun jalqabbii gaarii ta’uus ni ibsu.
“Daa’imman baay’een waan ilaalanirraa kan ka’e hariiroon isaan maatii, hiriyyootaafi hawaasa waliin qaban xiqqaachaa dhufeera. Yaadni isaan waa’ee biyyaarrattiifi maatiirratti qabanis dhiibbaa fayyummaa hinqabu. Yeroo baay’ee wanti isaan ilaalan ‘ana’ isa jedhu shaakalsiisa. Kunimmoo dhiibbaa mataasaa qaba.
Kana malees hojjechuu, barachuu, biyya jaalachuufi jijjiiruu osoo hintaane akkaataa itti ofbohaarsan, gammachiisaniifi bashannanisisan qofa yaadu. Sabaafi biyyakoof maaliin godha yaadni jedhu dhibuusaatiin kisaaraan eenyummaa hubachuu qaqqabaa jira” jedhu.
Rakkoolee kanneen hubatanii haaluma amma DhPIn eegaleen daa’immanirratti hojjechuun cimee yoo ittifufe jijjiirama fiduu danda’a kan jedhan Aadde Leensaan, barruuleen kun afaan qofa osoo hintaane qabiyyeensaas gaarii waan ta’eef ijoolleerratti jijjiirama nifida amantaa jedhu qabaachuu ibsu.
Akka ibsasaaniiti, yeroo baay’ee hojiiwwan akkasii jalqabamanii ittifufiinsa hinqabaatan. Kanarrattis qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun hojjechuu barbaachisa. Dhaabbannisaanii Faawundeeshiniin Guddinaa Tumsaas milkaa’ina akeeka barruulee kanaaf akkuma dursee tumsa taasise fuuldurattis waan barbaachisuun tumsuuf qophii ta’uu dubbatu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017