Afaan Oromoo waaltessuun maaliif barbaachisa?

Ittifayyadama Afaan Oromoo keessatti garaagarummaa muraasni, gama sagaleefi dhaamjechaatiin, hiikaa jechootaafi gama sagaleessuutiin dubbattoota Oromiyaa iddoowwan garagaraa jiraatan gidduutti mul’ataa tureera.

Kanamalees namoota dhuunfaa gidduuttis sababa umriin, korniyaan, sadarkaa barumsaa fa’iin garaagarummaan ittifayyadama Afaan Oromoo waan mul’atuuf guddina afaanichaatiif afaanicha waaltessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu agarsiisa.

Yunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaafi Qorataan Afaaniifi Hogbarruu Doktar Abbabaa Qannoo yaada dhimma kanarratti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, waalta’ina dhabuun afaan tokkoo namootni afaan sana fayyadaman osuma afaan tokko fayyadamanuu waliigaluurratti akka rakkatan taasisa.

Akka Doktar Abbabaatti, Afaan Oromoo loogawwan guguddoo shan jechuunis loogawwan Maccaa, Tuulamaa, Sikkoo Mandhoo, Ituufi Humbannaa, Gujiifi Booranaa qaba. Loogawwan kanneen keessatti namootni afaanicha yoommuu haasa’an loqodnisaan ittifayyadaman, caaseffamni jechoota ittidhimma bahan, jechootnisaan ittigargaaraman iddoodhaa gara iddootti garaagarummaa qaba.

Yeroo tokko tokkommoo looguma tokkooyyuu ta’ee, godinaafi godina gidduutti, aanaafi aanaa giduutti garaagarummaan nimul’ata. Garaagarummaan akkanaa rakkoon waaltinaa jiraachuu ifatti kan mul’isuudha.

Mootummaa Adda Warraqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)n dura Afaan Oromoo afaan hojii waan hinturreef rakkoon waaltina hanga har’aatti afaanicha qoraa jira jedhanii, sadarkaan waaltinaafi guddina afaanii hariiroo kallattii qaba jedhaniiru.

Afaan tokko yoo waaltessine loogonni jiran turtii yeroo dheeraa booda afaanota xixiqqoo ta’uu danda’u jedhanii, dhimmi Afaan Oromoo waaltessuu dhimma xiyyeeffannoo guddaa barbaaduufi waaltinni afaanichaa tokkummaafi tokkummaa sabichaa cimsuuf, afaanicha guddisuuf, hawaasa walhubatu uumuuf faayidaansaa daran guddaa ta’uu dubbataniiru.

Inistitiyuutii Qorannoofi Qo’annoo Oromootti Qindeessaan Garee Qorannoo Caaslugaa Afaan Oromoo Doktar Baqqalaa Buukkoo gamasaaniin akka jedhanitti, osoo Afaan Oromoo afaan barnootaafi afaan hojii hin ta’in dura, ummatni Oromoo sababa garaagarummaa loogaatiin waliigaluuf rakkachaa turan.

Galanni imaammata afaanii biyyattiitiif haa ta’uutii ammallee waaltina afaanichaarratti rakkoon jiraatus namni Afaan Oromoo dubbatu inni kallattii tokkoon jiraatu isa biraa wajjin waliigaluuf baay’ee hinrakkatu jedhan.

Afaan guddate tokko carraan waaltinasaa olaanaa waan ta’eef haasofti inni tokko haasa’u isa kaaniif gaaffii hinta’u, yommuu barreeffamus haala walfakkaataadhaan barreeffama jedhanii, baroota hedduuf Afaan Oromoorra dhiibbaan gahaa namni afaanichaan dubbachuu qaana’u taasifamaa waan tureef, hanga guddachuun maluuf hinguddannes, hinwaalteffamnes jechuun ibsaniiru.

Amma garuu, afaanichi afaan mana murtii, barnootaa, siyaasaa, aartiifi miidiyaa waan ta’eef waalta’aa jira jedhanii; Inistitiyuutiin Qorannoofi Qo’annoo Oromoos afaanicha waaltessuuf qorannoofi qo’annoowwan garagaraa taasisuudhaan, koree waaltinaa hundeessee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Inistitiyuutichi teknolojiiwwan haaraan yommuu kalaqaman maqaasaanii Afaan Oromootiin moggasuuf adeemsawwan barbaachisan taasisuun yoo seenaa Oromoo waliin hidhata qabaatan Afaan Oromootiin akka moggaafaman yoo hidhata hinqabanneemmoo ergifannaadhaan akka gargaaramnu taasifama jedhan.

Mootummaan, qorattootniifi ummatni Oromoo guddinaafi waaltina afaanichaatiif ittigaafatamummaa olaanaa qabu jedhanii, akka Afrikaa Bahaatti baay’ina namoota dubbataniitiin sadarkaa lammaffaarratti kan argamu afaanichi hanga guddachuun maluuf guddatee afaan addunyaa akka ta’uuf xiyyeeffannaan hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Yunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaan Kominikeeshiniifi Qunnamtii Obbo Nutimaan Alii gamasaanitiin akka jedhanitti, godinaalee Oromiyaa garagaraatti Afaan Oromoo haala garagaraatiin yoommuu barreeffamu nimul’ata.

Akka fakkeenyatti yoo fudhanne jecha “osoo” jedhu inni tokko “utuu” jedhee barreessa. Kun waaltina dhabuu agarsiisa. Dhaabbileen miidiyaas akkaataa istaayilii mana hojiisaaniitiin Afaan Oromoo haalota adda addaatiin yommuu barreessan mul’ata jedhu.

Afaan Oromoo waaltessuuf ogeessotni miidiyaa gahee olaanaa qabu jedhanii; ogeessotni miidiyaa yommuu hojjetan jechoota waalta’ootti fayyadamuu qabu jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 4 Bara 2017

Recommended For You