
Itoophiyaan hundeessa Gamtaa Afrikaatiifis ta’e erga hundaa’ee booda cimina gamtichaatiif biyyoota ardichaa kuun wajjin ta’uun waan guddaa gumaachiteetti.
Teessoo gamtichaa waan taateefis walga’iiwwan raawwachiistuu hojiifi dura bu’ootaa waggaa waggaadhaan adeemsifaman haala miidhagaadhaan keessummeessaa turteetti.
Gamtaan Afrikaa gumaacha Itoophiyaan akka Paan Afrikaanizimiin latuufi lalisuuf taasisteef akka yaadannootti kan tajaajiluufi siidaatti kan fudhatamuudhasi.
Milkaa’ina yaa’iin dura bu’oota Gamtaa Afrikaa baranaa har’aafi boru mataduree, “Haqa Afrikaafi dhalattoota Afrikaatiif” jedhuun adeemsifamuufis koreewwan adda addaa sadarkaalee gara garaatti hundaa’anii hojjetaa turaniiru, jirus.
Yaa’ii dura bu’oota gamtichaa dura kan raawwachiistuu hojii ministirootni dhimma alaa biyyoota adda addaa, hoggantootni dhaabbilee idiladdunyaa akkasumas ambaasaaddaroonni irratti hirmaatan guyyoota sadiif adeemsifames milkaa’inaan goolabameera.
Gama kaaniin ministiroonniifi hirmaattonni yaa’ichaa biroon workishooppii Wiirtuu Konveenshinii Idiladdunyaa Addisitti qophaa’e bakka pirezidaantiin RFDI Taayyee Atsqasillaasee argamanitti kan daaw’atan yommuu ta’u, galgalas achuma bakka haala addaatiin hojjetame kanatti irbaata affeeramaniiru.
Kana kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee, “Wiirtuun Konveenshinii Idiladdunyaa Addis obboleewwan keenyaa Afrikaatiif giddugala walga’ii dabalataa ta’eera. Keessummoonni keenya turtiin keessan mana keessan lammaffaa kan taate Finfinneetti, qabaattan guutummaatti milkaa’aafi gammachiisaa akka isiniif ta’un hawwa” jechuun ibsan.
Itoophiyaan biyya duree, ka’umsa Paan Afrikaanizimii akkasumas fakkeenya bilisummaa ummata gurraachaa hundaa yoo taatu; Itoophiyaan kanaafis mallattoo akka ta’uuf bara darbe Godambaa yaadannoo Injifannoo Adwaatiin keessummootashii simatte. Finfinneenis akka magaalaatti misooma koriidariitiin miidhagdeefi shaashiqxee, abaaboo fakkaattee, haareffamuun jiraattotashii wajjin keessummootashii miira dinqisiisaadhaan simattee keessummeessaa jirti.
Kanarrattis Aadde Adaanachi, “Qaaliiwwan jiraattonni magaalattiis naamusa Itoophiyummaa baratameen keessummoota gara qe’ee keessan dhufan simattanii keessummeessaa jirtu. Keessummoonnis turtiin keessan kan milkii guutameefi gammachiisaa akka isinii ta’un hawwa jedhan.
Itoophiyaafi ummannishii duraa qabee biyya biyyoota Afrikaa kaaniif mallattoofi fakkeenya bilisummaa, bu’uura ofitti amanamummaa taateefi dameewwan adda addaarratti injifannoowwan galmeessiste, Afrikaarra dabartee gurraachota addunyaa miira nidanda’amaa qabatamaan dhaalchiste waan taateef magaalaashii miidhagsitee keessummootashii kuma 15 caalan simachuun kan ittiguddatu miti.
Fakkeenyummaafi mallattummaan miira ofitti amanamummaa Itoophiyaafi ummatashii seenaa darbe qofaan kan ibsamu otoo hintaane injifannoo dhaloonni har’aa irree tokkoomeen ijaarsa Hidha Abbayyaa milkeesseenis kan mul’atuudha.
Hidha guddichaa dabalatee hojiilee milkaa’oo hedduu jijjiiramaa as raawwataman kanneen akka ashaaraa magariisaa, fooyyessa dinagdee gooroo, misooma koriidarii magaalaafi baadiyyaa, walitti hidhamiinsi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa uumaa jiru, omisha qamadiitiin of danda’uufi kkfnis kan ibsamuudha.
Egaa Itoophiyaan yaa’ii 38ffaa dura bu’oota gamtichaa baranaa magaalaa miidhagdetti haala kanaan duraarraa adda ta’een keessummeessaa jirti. Milkaa’inasaatiifis dursitee qophoofteeti hojiitti kan seente. Bu’aansaas qabatamaan mul’ataa jira.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017