Daraaroon ayyaana bara haaraa sabni Geede’oo waggaa waggaadhaan kabajatu yoo ta’u, waqtiin itti kabajamus yeroo naannawichatti abaaboon ittidaraaruufi sanyiin ija ittigodhatu waan ta’eef biqilootarraa kaasee kanneen guguddoo hanga bunaafi birbirsatti jiran daraaranii naannawichaaf miidhagina addaa kennanitti. Sabni Geede’oo yeroo haalonni kunniin miira addaa uumanitti ayyaana kana kabajata.
Bara darbe darbanii har’a qaqqabanii kan facaasaniifi dhaaban daraaree fayyadamuu waan danda’aniif galateeffachuuf guyyaa ittiwalittiqabaman waan ta’eef guyyichi qophii aadaa addaatiin kabajama.
– Ministira Aadaafi Ispoortii RFDI Aadde Shawiit Shaankaa
Ayyaana galateeffannaafi kennaa kan ta’e ayyaana bara haaraa saba Geede’oo (Daraaroo) irratti ummanni Geede’oo abbaa Gadaatiif kennaa kennuudhaan uumaasaa kan itti galateeffatuufi baraa baratti nagaan ce’uusaa itti labsatuudha.
Daraaroon ayyaana duudhaalee gaariin ummata keessa jiran irratti mul’atan ta’uu darbee waltajjii nageenyaafi tokkummaa biyyaatiif ittikadhatamuudhas.
Miseensonni sabichaa ayyaanicha kabajuuf omishaalee aadaa baay’ee qopheessuudhaan gabaafi faayidaaf kan oolchaniifi dhiyeessan, akkasumas ayyaana miidhaganiifi shaashiqanii mul’achuudhaan kabajamuudha.
Ayyaanicharratti uffatawwan adda addaa, akaakuuwwan shubbisaa, eebbi abbootii, raagniifi labsiiwwan adda addaa; qindoominni aadaalee ummatoota ollaa keesummeessu, nyaatawwan aadaa ogummaa addaatiin qophaa’an dhiyaatanii itti dhandhamamaniidha. Gumaachi Omishaaleen naannawichaa tarreeffamanii hinxumuramne guddina industirii turizimiitiif qaban olaanaadha.
Keessumaa haalli teessuma lafaa Geede’oo Dhaabbata Saayinsii, Aadaafi Barnootaatiin galmaa’eefi beekamtii argate sirnaan beeksisuudhaan baay’inni turistii akka guddatuuf tattaaffii waloo cimsanii ittifufuun nibarbaachisa. Gabateen bakka hambaan itti argamu eeruufi sadarkaa idiladdunyaatiin qophaa’es hojiitti galeera.
– Indaganaa Abbabaa (PhD) Ministir De’eetaa Ministeera Turizimii
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017