Haqa Beenyaa Afrikaanotaafi Hidda Dhalootaa Afrikaanotaaf

– Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 38ffaan Finfinneetti taa’amaa jira

Finfinnee: Afrikaan baay’ina ummataa qabduun addunyaarraa sadarkaa lammaffaarratti kan argamtu yoo ta’u, ALA bara 2024tti baay’inni ummata ardichaa biliyoona 1.5 gahuu ragaaleen ni mul’isu. Ardiin kun qabeenya uumamaatiin kan badhaate, lafa gabbataa kan qabduufi misoomuu kan dandeessu ta’uunshees beekamaadha.

Ta’us ardittiin barootaaf walwaraansa waliinii, dhukkuba, balaa uumamaafi namtolcheetiin miidhamaa doofummaafi boodatti hafummaadhaan miidhamaa turteetti.

Dhimmoonni kunneen kan isaan quuqe hoggantoonni biyyoota Afrikaas waggoota 60 dura walitti dhufuun ALA bara 1963 Dhaabbata Tokkummaa Afrkaa (Gamtaa Afrikaa har’aa) hundeessan.

Biyyoonni kunneen Afrikaa waggoota 100 keessatti jechuunis ALA bara 2063 maal ta’uu akka qabdu yaadota misoomaa hedduu akeekanii ka’an. Kanaanis Afrikaa guddinni dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa gama hundaan itti dhugoome, nageenyishee eegame, addunyaarratti dhageetti qabduufi waa hundaan lammiileesheef mijattuu akka taatu akeekanii ka’an.

Karoorri kun walkeessa yeroo karoorichaa waggaa 50 irratti yommuu qoratamu yaaliiwwan

jajjabeessoon jiraatanis haala jijjiiramaa addunyaa, kuteenyummaan hoggansaafi dhiibbaa biyyoota dinagdeen badhaadhaanii waan yaadame akka hinhojjenne taasiseera. Karoora qabame xumuruuf waggoota 38tu hafa. Kanneen keessatti keessumaa hoggantoonni ummata xiiqiidhaan kakaasanii kuteenyummaadhaan hojjechuu akka qaban hayyoonni siyaasaa ni gorsu.

Kanarrattis yaa’ii idilee 38ffaan Hoggantoota Gamtaa Afrikaa Finfinneetti har’arraa eegalee taa’aamaa jiru ejjennoo cimaa ni qabata jedhamee eegama. Yaa’ichi har’a, Guraandhala 8fi 9 bara 2017 Finfinneetti kan taa’amu yoo ta’u, ajandaawwan yaa’ii kanarratti murtoo argatu jedhamanii qabamanis Raawwachiistoonni Hojii Biyyoota Afrikaa dursanii walga’ii mana mareesaanii 46ffaa Guraandhala 4fi 5 bara 2017 irratti mari’achuun raggaasisaniiru.

Yaa’iin baranaas mataduree “Haqa Beenyaa Afrikaanotaafi Hidda Afrikaanotaaf” jedhuun kan adeemsifamu yoo ta’u, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, Durataa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faakii Mahaammatiifi dureewwan biyyoota Afrikaa yaa’icharratti hirmaataa jiru.

Walga’ii idilee 46ffaan Mana Maree Raawwachiiftoota Hojii Gamtaa Afrikaa turtiisaa guyyoota lamaatiin Itoophiyaa Miseensa Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa taasisuun filateera.

Komishinaroota Komishinii Gamtaa Afrikaa jala jiran ja’as bu’uura danbii ittiin bulmaata gamtichaatiin kan filate yoo ta’u, ajandaawwan Yaa’ii Dureewwan Afrikaa 38rratti dhihaatan irrattis mar’ichuun raggasiseera. Fooyyeessa dhaabbatawaa gamtichaa, haqa beenyaa, sochiilee Afrikaan Mana Maree Tasgabbii Mootummoota Gamtoomanii keessatti bakka bu’ummaa dhaabbii akka ragattuuf taasifaman, raawwii zoonii daldala bilisaafi walitti hidhamiinsa daldalaa ardii, qonna, jijjiirama qilleensaa, mirga namoomaa, korniyaa, dargaggoota ga’oomsuufi caaseeffamni dhaabbilee ajandaawwan muraasa bal’inaan irratti mari’atame keessaati.

Yaa’ii mana marichaarratti argamuun haasawa kan taasisan Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faakii Maahammaat akka jedhanitti, riifoormiin Gamtaa Afrikaa haala jijjiirama bu’uuraa fiduu danda’uun adeemsifamaa jira. Bara durataa’ummaasaaniittis gama qonnaafi hawaasummaatiin hojiilee tokkummaa cimsuu danda’an fidaniiru. Hojiileen riifoormii bara aangoosaanii hojjetamanis jijjiirama qabatamaa fidaniiru.

Sagaleen Afrikaa waltajjiwwan idiladdunyaarratti akka dhaga’amuufi Gamtaan Afrikaa akka cimatuuf hojiilee hojjetamaniin bu’aa jajjabeessaan argamuu kan himan ammoo Ministira Dhimma Alaa Moritaaniyaafi Walittiqabaan Mana Maree Raawwachiiftuu Hojii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Saaleem Ood (PhD). Barana hojiilee hedduun qormaatawwan wajjin hojjetamuu kaasanii, sagaleen Afrikaa waltajjiiwwan idiladdunyaarratti akka dhaga’amuuf hojiilee baay’een hojjetamuufi kanaanis bu’aa gaariin argamuu ibsu.

Ministirri Dhimma Alaa RFDI Geediyoon Ximootiwoos (PhD) gamasaaniin haasaa taasisaniin, Afrikaatti rakkoolee mudatan hiikuufi fedhii waloo guutuuf dhaabbilee biyya keessaa akka furmaataatti fayyadamuu akka barbaachisu kaasanii, egereen Afrikaa fedhiifi hojii waloorratti kan hundaa’e ta’uu ibsu. Gamtichi hojiilee dippiloomaasii, waloomaafi wajjummaa cimsan hedduurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabuufi rakkoolee mudatanis waliin hiikuun ajandaa bara 2063 qabame milkeessuuf haala abdachiisaa jirutti fayyadamuu akka barbaachisu kaasu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You