Appilikeeshiniin mobaayilii tajaajiloota Faayidaa iddoo tokkotti kennu hojiirra oole

Finfinnee: Appilikeeshiniin mobaayilii tajaajiloota Faayidaa bakka tokkotti kennuufi tajaajiloota namoonni waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaaf galmaa’an argachaa jiran caalaatti salphaa, si’ataafi mijataa taasisu yeroo jalqabaaf hojiirra ooluu Waajjirri Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa Itoophiyaa dheengadda ibsa miidiyaaf kenneen beeksise.

Waajjirichatti Ittigaafatamaan Kominikeeshiniifi Hariiroo Hawaasaa Obbo Abeenezar Fallaqaa akka jedhanitti, appilikeeshinichi lakkoofsa waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaa badeefi galmaa’anii nama hinqaqqabne argachuuf, dogoggora yeroo galmaa’an mudate sirreessuuf, maxxansa waraqaa eenyummaa kana ajajuuf, odeeffannoowwan haaraa waajjirichi baasu argachuuf, komiiwwaniifi eeruuwwan garagaraa kennuuf gargaara.

Appilikeeshiniin tajaajiloota Faayidaa bakka tokkotti qabate kun ogeeyyota waajjirichaatiin kan misoome ta’uu himanii, fayyadamtoonni appilikeeshinicha “Play store” irraa ‘Fayda App’ kan jedhu buufachuun lakkoofsa Faayidaa yeroo galmee ergaa gabaabaan dhufeef guutuun fayyadamuun kan danda’amu ta’uus eeraniiru.

Galmeessi Waraqaa Eenyummaa Dijitaalaa Faayidaa Itoophiyaatti adeemsifamaa jiru ce’umsa biyyattiin gara dijitaalaatti taasisaa jirtu milkeessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uufi hanga ammaatti namoonni miliyoona 12 waraqaa eenyummaa kanaaf galmaa’anii siistamoota dhaabbilee garagaraa waliin walitti hidhamuun tajaajiloota si’ataafi ammayyaa’aa argachaa akka jiranis himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017

Recommended For You