
Finfinnee: Itoophiyaatti waldhabdee uumamu furuuf aadaan mariifi marabbaatti amanuu akka cimuuf warraaqsa jalqabuun barbaachisaadha jedhame.
Mariin Waa’ee Itoophiyaa boqonnaa lammaffaan qindeessummaa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin qophaa’e Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Magaalaa Buttaa Jiraatti bakka hoggantootni mootummaa olaanaan, hayyootni, dhiibbaa uumtotni, abbootiin amantaafi qoodafudhattootni garagaraa argamanitti Kamisa darbe adeemsifame.
Maricharratti Hojii Gaggeessaa Olaanaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Obbo Masaafinti Tafarraa haasaa taasisaniin akka jedhanitti, rakkoolee keessoo keenyaa furuuf mariirra afaan qawweetti waan mul’atuuf mariifi marabbaarratti jijjiirama bu’uuraa fiduutu barbaachisa. Afaan qawweetiin waa hunda yaalleerra garuu eessaniyyuu nu gahuu hindandeenye.
Bara 2013rraa eegalee waltaajjiin “Waa’ee Itoophiyaa” jedhamu dhaabbatichaan adeemsifamaa jiraachuu yaadachiisanii; kaayyoon waltajjichaas aadaa marii guddisuun seenessa waloo dagaagsuudha jedhaniiru. Waltajjichi dhaabbatichaaf mallattoo addaatis jedhan.
Afaanota, aadaawwaniifi eenyummaawwan garagaraa kan qaban ummattootni Itoophiyaa waliin mari’achuudhaan carraasaanii akka waliin murteeffatan gochuuf seenessa waloo dagaagsuun akka barbaachisus eeraniiru.
Wantoota ijaarsa mootummaa biyyaatiif murteessoo ta’anirratti mari’atanii waliigaluu dadhabuurraa kan ka’e jeequmsa keessa turuuf dirqamneerra jedhanii; biyyootni mootummaa cimaa hundeessanis rakkoolee garagaraa keessa kan darban ta’uu yaadachiisaniiru.
Boqonnaa tokkoffaa waltajjichaatiin si’a 14 magaalota naannolee biyyattii 14tti mariin gaggeeffamuus yaadachiisanii; kanneeniinis bu’aalee hedduun argamaniiru jedhan.
Kanneen guyyuma tokkollee waliin mari’atanii hinbeekne gochaanis ta’e ilaalchaan walitti dhiyaachuun namootni waan danda’an hinfakkaanne, waltajjii tokkorratti dhimma carraa biyyaarratti waliin mari’achuuf carraa argataniiru. Namootni kunneen yoomiyyuu mari’atanis garaagarummaa yaadaa keessatti fedhii walfakkaatan jiraachuus baruun danda’ameera jedhan.
Dhaabbatichi seenessa waloo dagaagsuuf hojjechaa jiraachuus eeranii; maxxansi ijoolleerratti xiyyeeffate (Bilaateenaat) Amaariffaafi Afaan Oromootiin kan jalqabameef yaadicha giddugaleeffachuun ta’uu dubbataniiru.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Giddugaleessaa Itoophiyaa Doktar Indaashaawuu Xaasoos gamasaaniin akka jedhanitti; nageenyiifi misoomni Itoophiyaaf ajandaa dureedha.
Wantoota lamaan kunniin giddugaleessa godhachuudhaan waltajjiin Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa qopheessaa jiru tokkummaa biyyaatiif murteessaadha. Nageenyiifi misoomni guddina biyyaatiif waan murteessoo ta’aniif mootummaan ciminaan irratti hojjechaa jira. Hojiilee hojjetamaniinis guddina dinagdee abbaa dijiitii lamaa galmeessisuun danda’ameera.
Akka yaada Doktar Indaashaawuutti gufuun nageenya biyyattii seenessa qeenxeeti. Waggoota soddomman darbanitti eenyummaa sabummaafi seenessa qeenxee olkaasuun bal’inaan wan tureef miirri Itoophiyummaa akka laafu ta’eera.
Yeroo ammaas qooda Itoophiyummaa seenessi qeenxee olka’ee qormaata biyyattii ta’aa waan jiruuf mootummaan seenessa waloo dagaagsuuf hojjechaa jira jedhanii; mootummaan jijjiiramaa wantoota gaggaarii hundeeffamasaa dura turan fudhachuudhaan dogoggoroota ammoo sirreessee hojjechaa jira, biyyis kan guddattu akkasitti jechuun ibsaniiru.
Mootummaa jijjiiramaa dura sirnootni turan warraaqsaan kan dhufan ta’uu yaadachiisanii, sirnoota darbanitti hojiileen ijaarsa biyyaafi dhaabbilee hojjetamaa turanis daran muraasa jedhaniiru
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 8 Bara 2017