Qonna boroo mana jireenya qonnaan bultootaa jijjiire

Baatuu: Qonnaan bultuu Musiliyaa Alii jedhamu. Haadha ijoollee ja’aa yoo ta’an, Magaalaa Baatuu aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa bakka Qaxanaa ja’a jedhamu keessa jiraatu.

Jireenya isaanii qonnaan gaggeeffamu milkeessuuf abbaa warraasaanii waliin qonna boroosaanii otoo bishaan obaasanii shukunaa jiranii gareen gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa isaan arge. Garichi daawwannaa isaan boroo mana Aadde Musiliyaatti fuduraafi muduraa kuun faca’e kuun biqilee bishaan obaafamaa jiru arguun afgaaffii taasiseera.

Aadde Musiliyaan biqiltuu fuduraafi muduraa baay’isuun qonnaan bultoota naannawaa isaaniif dhiyeessuun galiinsaanii fooyya’aa akka jiru garee kanaaf ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, madda galii biraa waan hinqabneef jireenya isaanii gaggeeffachuuf hojii qonnaa irratti bobba’anii jiraatu. Boroo mana isaanii duraan boqqolloo qofa qotuudhaan waggaatti marsaa tokko qofa omishaa turan. Gorsa ogeeyyii qonnaa irraa isaaniif kenname bu’uura godhachuudhaan boroo mana isaaniitti fuduraafi muduraa omishaa jiru.

Abbaa warraasaanii waliin boolla bishaanii qotan fayyadamuudhaan qonna jallisiin boroo manaa biqiltuu fuduraafi muduraa qotuudhaan qonnaan bultoota naannawaasaaniif dhiyeessaa jiru. Waggaa keessatti marsaawwan afur omishuun marsaa tokkotti galii hanga qarshii kuma 20 (marsaawwan afuritti qarshii kuma 80) akka argatan ibsaniiru. Yeroo ammaa galii argataniin ijoolleesaanii barsiisuu bira darbanii eeggattummaa jalaa ba’aa jiraachuus ibsaniiru.

Dabalataanis, lafa omisha biqiltuu fuduraafi muduraa itti biqilchanirraa hafu fuduraafi mudura nyaata maatiif ta’u dhaabuudhaan nyaata madaalawaa maatiisaaniif argamsiisaa jiraachuus nidubbatu.

Abbaan warraasaaniis qonna cinaatti loon aannanii lama horsiisuurratti bobba’uu eeranii, yeroo Aadde Musiliyaan hinjirreetti biqiltuu fuduraafi muduraa bishaan obaasuudhaan deeggarsi abbaan warraasaaniifi ogeeyyii qonnaan taasisaniif sadarkaa amma jiranirraan akka isaan ga’e ibsaniiru.

Biqiltuu guddisanii gurguran ofii dhaabuudhaan omisha callaa gabaaf dhiyeessuuf fedhii qabaatanis rakkoon dhiyeessii faayinaansii akka isaan daangesse himaniiru. Kana furuufis dubartoota naannawasaanii jiran 15 waliin ta’uun waldaa qusannaa hundeessuun galii argatanirraa qusachaa jiru. Miseensotni waldichaas akkuma Aadde Musiliyaa hojii qonnaasaanii babal’ifachuuf waldicharraa darabeedhaan liqeeffatu jedhaniiru.

Qonnaan bulaa ganda Shaalloo, Obbo Gammadoo Kurkuree jallisiidhaan timaatimii omishaa jiru. Waggaatti marsaawwan sadii qotuudhaan galii qarshii kuma 600-800 argachuun jireenyasaanii fooyyeeffachaa jiraachuu ibsu.

Ogeettiin Qonnaa Aadde Iteenash Saamu’eelis qonnaan bultoota ganda Shaalloo keessa jiraniif deeggarsa ogummaa qonnaa kennaa akka jiran ibsanii; kanaanis jireenyi qonnaan bulaa fooyya’aa jiraachuu himu.

Akka ibsasaaniitti, qophiifi fayyadama lafaarraa eegalee hanga sassaabamutti waan ta’uu qabu gorsi ogummaa qonnaan bulaa nikennama. Oyiruusaaniirratti argamuudhaan hordoffiin barbaachisu ni taasifama. deeggarsa hanga ammaatti kennameefiin qisaasa’uun omisha sabsii duraafi boodaa hir’achaa waan dhufeef galiin qonnaan bulaa dabalaa jira. Jireenyiifi fedhiin galtee qonnaan bulaa walqabatee jirus dabalaa jira.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017

Recommended For You