Industirii godoo Cirootti

Industirii ammayyaatiif bu’uura kan ta’e industiriin godoo rakkoolee hawaasummaafi dinagdee furuuf shoora olaanaa qaba.

Guddina industirii ammayyaaf yaada haaraafi mala furmaataa kan argamsiisuudha.

Magaalaa Ciroottis hojiin kun hojjetamaa jira. Inisheetiiviiwwan Magaalaa hojiirra oolaa jiran dinagdee damdaneessa ijaaruun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuun olka’iinsa biyya keenyaa kan dhugoomsanidha.

Magaalattiin hojii badhaadhinaa akka biyyaafi naannootti hojjetamaa jiru milkeessuuf carraa bal’aa qabdutti fayyadamuun gaheeshee bahachaa jirti.

Magaalaan Ciroo carraa gaarii bu’uura industirii kaa’uuf qabdutti fayyadamtee lammiileef carraa hojii uumuu, aadaa hojii jijjiiruu, omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun guddina dinagdee si’aayinaafi qulqullina qabu dhugoomsuuf hojjechaa jirti. Keessattuu meeshaalee aadaa bocawwan garagaraatiin faayanii ittifayadamuun galiisaanii fooyyeffata jiru.

Magaalattiitti inisheetiiviiwwan industirii godoofi horsiisa beelladaa hojiirra oolaa jiran lammiilee hedduuf carraa hojii uumuun guddina industiriif bu’uura kan kaa’aniifi ogummaa babal’isaniidha. Inisheetiiviiwwan kunneen gandoota magaalaa hundatti hojiirra oolaa jiru.

Kilaastara industirii godoo akaakuuwwan hojii torba hojii mukaa, meeshaalee faayaa aadaa, nyaata beelladaa, lukkuu horsiisuu, kuduraafi muduraa, damma qulqulleessuu, mana tolchaa daabboo, huccuu hodhuu, saamunaafi kkfn ni omishamu.

Industiriin meeshaalee aadaa kun dhalootaa dhalootatti kan ce’e afoolaani. Kanaaf bu’uurri hojii kanaa fookloriidha jechuun nidanda’ama. Fooklooriin haftee ykn hambaa fayyadamuun seenaa dhaloota darbee, taatee har’aa wajjin riqicha ta’ee eenyummaa ummataa kan calaqqisiisu, jiruufi jireenya barsiisu, kalaqa jajjabeessu, hawaasaafi miseensota aadaa, duudhaa, fedhii, hawwii, eenyummaa, amantaa, guutummaatti waa’ee saba tokkoo hubachiisuudha.

Akka ‘Turner’ jedhutti meeshaaleen aadaa hawaasa fayyadamaa gochuu keessatti mallattoofi ibsa mataasaa danda’e qabatee dhiyaata. Mallattooleen wanta dachaa qabatee dhiyaate caasaa mallattooleef hiika kenna.

Kun ammoo haala ittifayyadamasaatiin meeshaaleen kunniin akkuma akaakuusaanii hiikni mallattoosaanii adda adda. Haalli ittifayyadama meeshaalee aadaafi uffata garee tokko dhihaatullee hiika eenyummaa garee sanaa qabatee dhiyaata.

Kanaaf, maalummaafi eenyummaa bu’uura gudhachuun meeshaaleen aadaa mallattoolee kabaja hawaasaa ibsuun akaakuuwwan meeshaa aadaa garagaraa qaamasaaniirratti godhataman ni mul’ata.

Yeroo hedduu tajaajilli mallattoolee meeshaa aadaa keessatti mul’atu kabaja jiru haalota adda addaa keessatti ibsuun tajaajila. Yeroo ayyaanaas ta’e yeroo sagantaalee tokko tokkoo naannawa adda addaatti mallattoolee kabaja agarruun waa’ee ummata abbaa aadichaa ta’e barra.

Meeshaaleen aadaa haala jiruufi jireenyaa keessatti ogummaa harkaan waantota naannawa jiranirraa hojjatameen kan eenyummaa sabaa bu’uura godhate ittiin mul’atedha. Fakkeenyaaf okkoteen, buchumniifi eeleen ni eeramu.

Meeshaa Suphee

Okkotee: Okkoteen akaakuu meeshaalee aadaa manaa supheerraa hojjataman keessaa isa tokko. Okkoteen tolfamee erga guyyaa lama bulee booda gad deebisanii hundeeshii tolchuun xumuru. Erga dhahamee xumuramee booda yoo okkotee guddaa ta’e torbee lamatti goggogee tajaajilaaf oola.

Yoo xiqqaa taate torbee tokkotti tajaajilaaf gaha. Okkoteen gurra lama, kan qabannoof gargaaru gubbaatti gamaa gamanaan tolfama. Hawaasa keessatti kan okkotee dhahuu beeku nama hunda osoo hintaane ogeessa ykn ogeettiitu jira

Okkoteen guddaa, giddugaleessaafi xiqqaa kan qabu yoo ta’u, inni guddaan Gaawwaa jedhamuun beekama. Gaawwaan kun gurrawwan ibiddarra kaayuufi irraa fuudhuuf gargaaran afur qaba. Cuqqaallaansaas supheedhumarraa tolfama.

Okkotee hojjatamee xumurame osoo itti hinfayyadamiin dura ibidda kuboota looniitiin gubama. Kunis kan godhamuuf meeshaan kun akka jabaatuufi umrii dheera qabaatuufi. Faayidaansaas bishaan ittiin waraabuufi marqaafaa ittiin bilcheessuuf oola.

Dhaabdoo: Dhaabdoo dhahuuf biyyee suphee jiifamee qophaa’e jalqaba mataasaatu tolfama. Sana booda gadideebisuun hundee teessooshii itti tolchu. Walakkaasaatti qal’isuun qabannoo harkaatiif kan ta’u fannoowwan lama gamaa gamanaan cinaachasaarratti tolchu.

Kunis yeroo ittifayyadaman qabatanii ittiin fuudhuuf gargaara. Kana booda goggogsuun tajaajilaaf akka oolu godhama. Gubbaasaarratti kurfeessanii sunsumawwan sadii kan waa ibidda irra kaayatanii itti ho’ifachuuf gargaarutu itti tolfama. Dhaabdoon aara libaanataa mana keessatti ittiin aarfachuuf tajaajila.

Buchuma

Buchumni akaakuu meeshaalee aannanii keessaa tokko ta’ee buqqee gama mormaatiin qal’aa yoo ta’u, gama jalaatiin bal’aadha. Kanas albeedhaan muranii/ uranii qopheessu. Achii booda muka ejersaatiin qoraasu.

Kallo/kalleefi elellee irratti tarreessuudhaan hodhama. Qadaadisaas buqqeefi migirarraa tolfama. Faayidaansaas aannan itti naqatanii iddoo biraa deemuuf kan gargaaruudha. Kunis, yeroo fira ilaaluuf deeman, marqaa cidhaaf qopheessan, guuza ooyruu geessanifaa aannan buchumatti naqachuun qoriitti qabatanii deemuuf kan ooluudha.

Gingilii

Gingiliin akaakuu safiilee migirarraa tolfaman keessaa isa tokko. Gingiliin yeroo hodhamu akka qalamshiishaa osoo hintaane akka qoriitti boollessuun tolfama. Qadaadnis kophaatti itti tolfama. Jalqaba yeroo hodhan akkuma qalamshiishaa sanitti eegalanii bocasaa baxxisaniituma xiqqoo erga guddisanii booda boca qorii itti baasanii boollessuuf ol qabanii akka duraatti labbaa hodhuu osoo hintaane ol guddisuun xumuranii irraa kutu. Tajaajilli ishiin ooltuufis nyaata keessa kaayachuun itti qadaadanii (daboolanii) qabatanii fira yookiin aantee ofiif geessuuf kan gargaaruudha

Qibaaba/Eelee

Qibaaba/eeleen akaakuuwwan meeshaalee aadaa tajaajila hawaasummaaf oolan keessaa isa tokko. Qibaaba/eelee tolchuunis akkuma kanneen biroo adeemsa mataasaa qaba. Jalqaba cirrachoota xixiqqoo lafarratti naqachuun walqixxeessanii bal’ifatu. Kana booda suphee duraan laaffisanii qopheeffatan xixiqqeessanii kutachaa gubbaarra dibanii harkaan haasasan.

Akkasuma gochaa boca geengoo itti gochuun guddisanii irraa xumuru. Qibaabni buddeeniifi akaakuu nyaataa kanneen biroos itti bilcheeffachuuf kan gargaaruudha. Gubbaasaarra sirriitti akka toluuf yeroo jiidhaatti dhagaadhaan rigamee haasasama. Kan yeroo buddeena irratti tolchan gubbaarraan cuqqaalan akinbaala jedhama.

Akinbaallis suphumarraa kan tolfamu ta’ee bocnisaa geengoo gochuun gubbaarraan fannoo qabatanii irraa fuudhan itti tolchuun ittifayyadamu. Qibaabaafi akinbaalli yeroo hojjatamee xumurame osoo itti hinfayyadamne dura ibiddaafi dhadhaa qobbootiin gubama. Kunis kan godhamuuf meeshaan kun akka jabaatuufi umrii dheeraa qabaatuufi.

(Muummee Jamaal, Kominikeeshinii Magaalaa Ciroorraa)

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017

Recommended For You