
Godinni Booranaa godinaalee 21 Oromiyaan qabdu keessaa isa tokko. Godinni kun godinaalee horsiisee bulaa Oromiyaan qabdu keessaas sadarkaa duraarratti eerama. Hawaasni horsiisee bulaa godinichaa daangaa biyyaarratti waan argamuuf rakkoo nageenyaa biyyoota ollaarraa as aggaamamu qolachuufi nageenya daangaa biyyaa eegsisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira.
Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa torban darbe dhimmoota gara garaarratti Bulchaa Ittaanaa Godina Booranaa Obbo Bariisoo Gannoo waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Haala waliigala Godina Booranaa gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Obbo Bariisoo: Godinni Booranaa godinaalee horsiisee bulaa naannoo Oromiyaa keessaa isa tokko. Godinni kun aanaalee 10fi bulchiinsa magaalaa tokko waliigalaan caaseffama sadarkaa aanaatti lakkaa’aman 11 qaba. Godinni kun bal’inaan horii horsiisuudhaan beekama. Godinichi Keeniyaa waliin daangaa kiiloo meetira kuma ja’aa olii waan qabuuf hawaasni godinichaa horii horsiisuufi hojiilee misoomaa gara garaarratti hirmaachuu cinatti daangaa biyyaa eeguufi nageenya daangaa tursiisuu keessattis gumaacha olaanaa taasisaa kan tureefi jiruudha.
Hawaasni godinichaa rakkoo nageenyaa biyya ollaarraa aggaamamu qolachuun nageenya biyyaa eeguu keessatti ejjennoo cimaan hojjechaa kan tureefi jiruudha. Booranni godina tasgabbii nageenyaa qabuufi hojiilee misoomaafi siyaasaa haala gaariin itti adeemsifamaa jiruudha.
Godinichi waggaa lamaan dura hongee hamaan miidhamee ture. Mootummaan naannoo Oromiyaas godinicha tarsiimoofi tooftaawwan gara garaa bocuun akka hawaasni balicha dandamatu taasiseera. Mootummaan naannichaa ummanni godinichaa karaa ittifufiinsa qabuun balaa hongee jalaa akka ba’uuf haroowwan Finnaa 18 qarshii biliyoona 4.4n hojjeteera. Hojii bal’aa mootummaan naannoo Oromiyaa ummata hirmaachisuun raawwateen hawaasni godinichaa yeroo ammaa balaa hongee isa mudatee ture dandamatee jireenya fooyya’aa gaggeessaa jira.
Naannawa horsiisee bulaatti bishaan rakkoo bu’uuraati. Rakkoon kun waan waqtii bonaatti hammaatuuf hawaasni bakka tokko qubatee akka hinjiraanne taasisuun aanaa tokkorraa gara aanaa biraatti akka godaanu taasisaa tureera. Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo bishaanii kana furuuf haroon Finnaa bal’inaan akka hojjetamu taasiseera. Kanaanis ummanniifi beelladoonni aanaalee godinichaa kanneen akka Mooyyaleefi Yaaballoo fayyadamaa jiru.
Haroon Finnaa yoo hongeen deebi’ee mudate ummanni godinichaa akka dandamatu kan taasisuudha. Horiinsaas akka jalaa hinmiidhamneef haroo Finnaatti fayyadamuudhaan marga omishee olkaa’achaa jira. Balaa hongee mudachuu malu dandamachuuf hojiin ofeeggannoo duraas raawwatamaa jira.
Balaa hongee waggaa lama dura godinicha mudatee tureen beeladoonni miliyoona 3.5 du’uun ofeeggannoon duraa taasifamuu dhabuurraa kan ka’e ta’uunsaa qoratamee yeroo ammaa hojiin marga omishuufi kuusuu bal’inaan hojjetamaa jira. Akka godina keenyaatti yeroo ammaa margi beelii toonii kuma 131 karaa ammayyaa’aa ta’een mankuusaatti kuufameera. Hawaasni horsiisee bulaas marga mala aadaatiin boroosaatti tuullatee qaba.
Mootummaan naannoo Oromiyaa inisheetiivii ummanniifi beelladoonni Booranaa akka balaa hongeetiin hinmiidhamne taasisu hojiirra oolcheera. Inisheetiiviichi hawaasni godinichaa naannawaasaatti bishaan akka argatu taasiseera. Haroon Finnaa hojjetamuun hawaasni horsiisee bulaa sababa rakkoo bishaaniitiin godaanaa ture bakkuma tokkotti tasgabbaa’ee akka jiraatu taasisuun barattoonnis barnootasaanii akka addaan hinkunneef taasisuu keessatti hiika guddaa qaba.
Waggoota shanii as godinichatti jijjiiramoonni hedduun mul’achaa jiru. Godinichatti sirnoota darban keessa kuduraaleefi muduraaleen omishamanii hinbeekan. Kanaan dura godinichatti muuzii, paappaayyaa, xaafiifi qamadiin omishamanii hinbeekan. Qonnaan bultoonni Yaaballootti shunkurtii, timaatimii, muuziifi paappaayyaa bal’inaan omishanii gabaaf dhiyeessaa jiru.
Qonnaan bultoonni aanaa Mooyyalees shunkurtii, raafuufi kaan omishanii gabaaf dhiyeessaa jiru. Inisheetiiviiwwan qonnaa mootummaan naannoo Oromiyaa boce 28 keessaa 20 hojiirra oolaa jiru. Omishni qamadii, maashoo, kuduraafi fuduraa, paappaayyaa, muuziifi gaagura ammayyaa bal’inaan adeemsifamaa jiru. Magaalaa Yaaballoo qofatti kilaastarri lukkuuwwan kuma 26 horsiisuuf gargaaru ijaarameera.
Ummanni Godina Booranaa kanaan dura horsiisa horii qofaan beekamaa ture yeroo ammaa omisha qonnaarrattis bal’inaan hirmaachuun hojii horsiisa beelladaafi omisha qonnaa walfaana adeemsisaa jira. Hojiin kun gandoota hunda keessatti akka lafa qabatuuf hojiin rakkoo bishaanii furuu ammayyuu xiyyeeffannaa guddaa argachuu qaba. Misoomaan jijjiirama fiduun akka danda’amu hawaasni godinichaa dhandhameera. Misooma hawaasni godinichaa dhandhamate kana gandoota hundatti yoo babal’ifne jijjiiramni guddaa fiduu dandeenya.
Bariisoo: Pirojektonni haaraafi buleeyyiin Godina Booranaatti ijaaramaa jiran meeqa ta’u? To’annoofi hordoffiin ijaarsa pirojektotaf taasifamaa jiru hoo maalfakkaata?
Obbo Bariisoo: Godina Booranaatti barana pirojektota buleeyyiifi haaraa 192tu mootummaa naannoo Oromiyaa, mootummaa federaalaa, dhaabbilee gara garaafi hirmaannaa hawaasaatiin ijaaramaa jiru. Pirojektota kunneen keessaa buleeyyiin 106 yoo ta’an, haaraan ammoo 86.
Pirojektota buleeyyii keessaa torba, mootummaa federaalaatiin, 10 mootummaa naannootiin, 10 godinichaan, 38 aanaaleedhaan 41 ammoo dhaabbilee
Balaa hongee waggaa lama dura godinicha mudatee tureen beeladoonni miliyoona 3.5 du’uun ofeeggannoon duraa taasifamuu dhabuurraa kan ka’e ta’uunsaa qoratamee yeroo ammaa hojiin marga omishuufi kuusuu bal’inaan hojjetamaa jira gargaarsaatiin hojjetamaa jiru. Hojiin ijaarsa pirojektota kunneenii yeroo yeroon sirriitti to’atamaafi hordofamaa jiru. Pirojektota haaraa barana ijaaruuf karoorfaman keessaa mootummaa federaalaafi naannootiin kan hojjetaman hinjiran. Pirojektota haaraa barana hojjechuuf karoorfaman keessaa kanneen godinaan hojjetaman shan, kanneen aanaan hojjetaman 80 yoo ta’an, kan dhaabbata gargaarsaa ‘UNICEF’n hojjetamu ammoo tokko.
Ijaarsi pirojektii Kolleejii Leenjii Barsiisota Yaaballoofi ijaarsi pirojektii Galma Abbaa Gadaa Kubii Curraa boodatti harkifachuun
rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uun hawaasni irra deddeebiin kaasaa tureera. Ijaarsi kolleejichaa ejjennoo cimaa Biiroon Barnoota Oromiyaa barana fudhateen guyyoota 45 keessatti xumurameera. Tarkaanfii cimaa mootummaan naannoo Oromiyaa fudhateen ijaarsi pirojektii Galma Abbaa Gadaa Kubii Curraa Magaalaa Yaaballootti ijaaramaa jiru %65-70 irra gaheera.
Rakkoon neetwoorkii bishaan Godina Booranaa waggoota 18 lakkoofsise ummata godinichaa biratti komii uumeera. Hojiin kun Ministeera Bishaaniifi Inarjiifi Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaatiin abbummaan qabatanii irratti hojjechaa jiru. Hojiin neetwoorkii bishaanii kun boqonnaawwan shan kan qabu yoo ta’u, boqonnaa tokkoffaan xumuramee tajaajila kennuu jalqabeera.
Boqonnaawwan hojii afran hafanis fandii mootummaan federaalaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa walitti qindeessaniin hatattamaan hojjetamaa jiru. Hojiin neetwoorkii bishaanii kun dafee xumuramee akka tajaajilaaf akka ooluuf to’annoofi hordoffii cimaan taasifamaa jira. Qulqullinniifi saffisa hojii neetwoorkii bishaanii kun koreedhaan sirriitti to’atamaafi hordofamaa jira. Koreen kun hawaasni pirojektota tajaajilaaf banaa ta’an abbummaan akkamitti bulchaa akka jirus ni to’ata.
Pirojektota 192 barana godinichatti hojjetamaa jiran keessaa ijaarsi pirokjektota haaraa ja’a xumuramee tajaajilaaf oolaniiru. Ijaarsa pirojektota biroo jalqabsiisuuf caalbaasiin bahee bittaa mootummaa eeggachaa jira. Bishaan rakkoo guddaa godinichaa waan ta’eef hojiin ijaarsa pirojektota bishaanii mootummaa naannoofi federaalaatiin hojjetamanii ammayyuu xiyyeeffannoo olaanaa barbaadu.
Mootummaan naannoo Oromiyaafi federaalaas rakkoo bishaan godinichaa hiikuuf yaalii guddaa taasisaa jiru. Koreen sadarkaa godinaatti hundaa’e hojii ijaarsa pirojektota bishaanii mootummaa naannoofi federaalaatiin hojjetamaa jiran qaamaan hanga daangaa Keeniyaatti deemee to’achaafi hordofaa jira.
Bariisaa: Haalli nageenyaa Godina Booranaa yeroo ammaa maal fakkaata?
Obbo Bariisoo: Godinni Booranaa aanaalee 10, bulchiinsa magaalaa tokkoofi gandoota 174fi ummata miliyoona 1.3 qaba. Gandoota hunda keessatti gurmaa’insa caasaa mootummaa gandaa mootummaan naannoo Oromiyaa diriirseen ijaaramanii humna nama barateen akka geggeeffaman taasisuun rakkoo bulchiinsa gaarii hiikuufi kenna tajaajilaa fooyyessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
Gandoota hundatti waajjiraaleen bulchiinsa gandaa ijaaramanii xumuramuun tajaajila kennaa jiru. Gurmaa’insi caasaa mootummaa gandaa kun hawaasni tajaajila barbaadu dhiyeenyatti akka argatu taasisuudhaan yeroo, humnaafi qarshiisaa akka qusatu taasiseera. Gandoota hundatti hojiin mootummaa sirriitti lafa qabatee adeemsifamaa jira.
Kun nageenyi godinichaa amansiisaa ta’uu agarsiisa. Nageenyi qabeenya waa hundaa waan ta’eef hawaasni gurmaa’ee nageenyasaa eeggachaa jira. Yeroo ammaa Godina Booranaa keessa rakkoon nageenyaa hojiilee misoomaafi jiruufi jireenya ummataatti danqaa ta’e hinjiru.
Ummanni Booranaa humna kamuurra hawaasa nageenyasaa eeggachaa jiruudha. Nageenya eeggachuun ilaalcharraa madda. Ummanni Booranaa qabeenyi duraa nageenya jedhee amana. Kanarraa ka’uun ummanni godinichaa qaamolee nageenyaa milishaa, gaachana sirnaa, poolisii idileefi humnoota nageenyaa biroo waliin ta’uun nageenya naannawaasaa eeggachaa jira.
Hawaasni rakkoon nageenyaa ulaasaatti akka hin uumamneef hojii bal’aa hojjetaa jira. Nageenyi godinichaa kan mirkanaa’e hirmaannaa hawaasaatiin malee humna qaamolee nageenyaa qofaan miti. Ummanni Booranaa ilaalcha “Nageenya kiyya anatu tiksa” jedhu qaba.
Bariisaa: Gurmaa’insi caasaa mootummaa gandaa kenna tajaajila mootummaa fooyyessuun hawaasa fayyadamaa taasisuu keessatti bu’aa akkamii argamsiisaa jira?
Obbo Bariisoo: Bu’uurri gurmaa’insa mootummaa gandaa kenna tajaajila mootummaa mirkaneessuudha. Kenni tajaajilaa fudhatamummaa mootummaan hawaasa biratti qabu mirkaneessuu keessatti iddoo olaanaa qaba. Hawaasni tokko karaa guutuu ta’een mootummaa kiyya jedhee hojiilee nageenyaafi misoomarratti kan hirmaatu kenni tajaajila mootummaa yoo fooyya’eedha.
Hawaasni mootummaarraa tajaajila barbaadu yoo argate mootummaarratti amantaa guutuu horata. Qorannoo bal’aa mootummaan naannoo Oromiyaa kenna tajaajila sadarkaa gandaatti fooyyessuuf geggeesseen gurmaa’insi caasaa mootummaa gandaa akka diriiru ta’eera.
Gurmaa’insi caasaa mootummaa gandaa hojiirra oolaa jiru hawaasni tajaajiloota mootummaarraa barbaadu dhiyeenyasaatti akka argatu taasisuun yeroo, humnaafi qarshiisaa akka qusatu taasiseera.
Gurmaa’insi caasaa mootummaa gandaa hojiirra ooluusaatiin hawaasni tajaajila mootummaarraa barbaadu hojii qonnaa, horsiisaafi qe’ee isaa dhiisee gara aanaafi godinaatti akka hindeddeebine taasiseera.
Waajjiraaleen mootummaa gandaa sadarkaasaanii eeggataniifi qarshii miliyoona 800tti tilmaamamuun hirmaannaa ummataatiin ijaaramaniiru. Gurmaa’insa caasaa mootummaa haaraa kanaan hojjettoonni mootummaa sadarkaa aanaarra turan sadarkaa gandaatti gadibu’anii ummata akka tajaajilan ta’eera.
Rakkoon kenna tajaajilaa nageenya, misoomaafi bulchiinsa gaariin walqabatu sadarkaa gandaatti furamaa jira. Caaseffamni kun rakkoo kenna tajaajila mootummaa fooyyessaa jiraachuu hawaasnis bal’inaan kaasaa jira. Koreewwan hojii gurmaa’insa caasaa mootummaa gandaa to’ataniifi hordofanis hundaa’aniiru.
Bariisaa: Balaa hongee waggaa lama dura Godina Booranaa mudateen miidhaan qaqqabeefi haalli yeroo ammaa godinicha keessa jiru maal fakkaata?
Obbo Bariisoo: Balaa hongee waggaa lama dura Godina Booranaa mudateen belladoonni miliyoona 3.5 dhumaniiru. Ergasii as mootummaan naannichaa dhimmoota lamarratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu kallattii kaa’eera. Dhimmi tokkoffaan hojii boqonnaa duraa keessatti raawwatamuu qabu raawwachuudha.
Dhimmi lammaffaan ammoo sanyii loowwan Booranaa yeroo hongee sana gara Godina Arsiitti akka godaanan taasifaman gara Booranaatti deebisuun kunuunsuudha. Loowwan Booranaa Giddugala Horsiisa Sanyii Loon Booranaatti argamanis akka baay’atan taasisuuf hojii hojjetamaa tureen yeroo ammaa raadeen 250 dhalataniiru. Hawaasni horsiisee bulaa godinichaa harki caalu yeroo ammaa gara horsiisasaatti deebi’aa jira.
Horiin loon Booranaa karaa baratameen qofa utuu hintaane diqaalomsuun akka baay’ataniif kallattii kaa’ee irratti hojjechaa jira. Giddugalawwan Horsiisa Sanyii Loon Booranaa duraan turan keessatti loowwan akka baay’ataniif xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira. Mootummaan waggoota lamaan darban sanyiin loon Booranaa akka hinbadneef bishaan, margaafi qorichoota dhiyeessaa tureera. Mootummaan loowwan Booranaa sababa hongeetiin dhuman deebisee bakka buusuuf hojiilee bal’aa raawwachaa jira.
Bariisaa: Godina Booranaatti waliingahiinsi bu’uuraalee misoomaa maal fakkaata?
Obbo Bariisoo: Rakkoon kenna tajaajila ibsaafi neetwoorkii rakkoolee ummanni Godina Booranaa irra deddeebiin kaasaa tureefi jiruudha. Godinni kun daangaa biyyaarratti argama. Godinni kun biyya ollaa, Keeniyaa waliin daangaa kiiloomeetira kuma jahaa ol ta’u qaba. Aanaa Taltalleetti gandoonni shan guutummaatti tajaajila neetwoorkii argachaa hinjiran.
Hawaasni horsiisee bulaa aanichaa daangaa biyyaarratti kan argamu ta’uun walqabatee daangaa biyyaa eeguu keessattis gumaacha guddaa taasisaa jiraatus nu waliin walquunnamtii hinqabu. Aanaaleen Diilloofi Dubluuqiifi Miyoos gama tajaajila neetwoorkiitiin rakkoo ulfaataa keessa jiru. Ummanni aanaalee kunneen keessa jiru rakkoon neetwoorkii kun akka furamuufiif qaamolee gara garaatti iyyachaa jira.
Daandiin walqabatee giddugaleessa godinichaa, Aanaa Yaaballootti daandiin mootummaa naannoofi federaalaatiin hojjetameera. Ammas rakkoon daandii naannawa daangaa biyyaa (Hoboq, Marmaroo, Waayyuu, Qaadhim, Arbaallee) jiru daran hammaataadha. Hawaasni naannawawwan kunneen jiraatu waan daandii hinqabneef tajaajila geejibaa argachaa hinjiru.
Hawaasni kun ilmaansaas haalaan barsiifachuu hindanda’u. Rakkooleen tajaajila neetwoorkii, ibsaafi daandii naannawa daangaa Keeniyaa jiran rakkoo bulchiinsa gaarii waan ta’aniif furmaata argachuu qabu. Giddugaleessa magaalaatti daandii, buufata xiyyaaraa, yunivarsitiifi sarara elektirikii ijaaruun akkuma jiru rakkoo daandii, neetwoorkiifi ibsaa daangaa biyyaarra jiru furuunis dhimma xiyyeeffannaa olaanaan irratti hojjetamuu qabuudha.
Bariisaa: Tajaajilli manni murtii aadaa kennaa jiru akka godinichaatti maal fakkaata?
Obbo Bariisoo: Ka’umsi mana murtii aadaa godina kana. Ummanni Booranaa aadaafi beekumsa xabboo gabbataa qaba. Mootummaan naannoo Oromiyaas aadaa gabbataa ummatni kun qaburraa waraabeeti mana murtii aadaa kan hundeesse. Manni murtii aadaa yeroo ammaa gandoota hunda keessatti tajaajila kennaa jira.
Manni murtii aadaa kun kenna tajaajila mana murtii idileerraa ba’aa buusuun ummanni tajaajila haqaafi dhugaa ta’e akka argatu, kan waldhabe walitti araaramee nagaan akka waliin jiraatu taasisaa jira. Manni murtii aadaa kun rakkoo kenna tajaajilaa manneen murtii idileen walqabatan furuun hawaasni naannawaasaatti tajaajila murtii haqaa akka argatu taasisaa jira. Mana murtii aadaatiin walbulchuun ummata booranaatiif aadaadha malee haaraa miti.
Bariisaa: Sochiin buusaa gonofaa akka godinichaatti jiru hoo maal fakkaata?
Obbo Bariisoo: Buusaa gonofaan aadaa Oromoo ganamaarraa waraabamee hojiirra oolaa jira. Buusaan gonofaa gumaata walittiqabuufi buusii buusuun qaama rakkoo uumamaafi namtolcheef saaxilame hirphuuf gargaara. Akka aadaa ummata Oromoo Booranaatti, namni tokko sababa hongeetiin yoo horiinsaa jalaa du’an namni horii shan qabu nama horiin jalaa du’eef horii lama kenna.
Ummanni Booranaa walii gumaachuufi walii gonofuudhaan beekama. Aadaa kana ganamumarraa ka’ee ittiin dhalatee guddate waan ta’eef buusaa gonofaa kanaan hojjechuufi hojjechiisuuf kallattii mootummaa utuu hinbarbaadiin sirna buusaa gonofaatiin walbulchaa ture.
Raawwii buusaa gonofaatiin Godinni Booranaa godinaalee Oromiyaa 21 keessaa sadarkaa gaariirratti argama. Hoggansi sadarkaa godinaafi aanaatti jirus buusaa gonofaan caalaatti jijjiirama qabatamaa akka fiduuf qindoominaan irratti hojjechaa jiru.
Bariisaa: Yunivarsitiin Booranaa godina kanatti banamuun rakkoolee hawaasaa furuu keessatti gumaacha akkamii taasisaa jira?
Obbo Bariisoo: Yunivarsitiin Booranaa erga hundaa’ee as keessumaa erga hongee waggaa lama dura godinicha mudatee turee as Ministeera Bishaaniifi Inarjii, Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaafi bulchiinsa godina keenyaa waliin ta’uun rakkoo bishaan godinichaa furuufi deebisanii dhaabuurratti qorannoo bal’aa adeemsisaa tureera.
Qorannichi horsiisee bulaa sababa hongeetiin dhuman akkamitti bakka buusuun akka danda’amuufi yoo balaan hongee deebi’ee mudate ammoo akkamitti dandamachiisuun danda’ama kan jedhurratti xiyyeeffata.
Hojiin qorannoo kun gandootaafi aanaalee gara garaa keessatti ittifufeera. Yunivarsitiin Booranaa bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaafi godina keenyaa waliin ta’uun yeroo gara garaa leenjii kennaa jira. Rakkoo hawaasaas qoratee fala barbaaduurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Bariisaa: Akka Godina Booranaatti dhimmoonni gara fuulduraatti xiyyeeffannoo olaanaan irratti hojjetamuu qaban yoo jiraatan?
Obbo Bariisoo: Ummanni godina keenyaa irra jireessaan horsiisee bulaa waan ta’eef dhimmi rakkoo bishaanii furuu xiyyeeffannaa olaanaa barbaada. Uumamaan lagni godina kana keessa qaxxaamuru waan hinjirreef rakkoo bishaanii godina kanaa furuun dhimma mootummaan federaalaafi naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo olaanaan caalaatti irratti hojjechuu qabaniidha.
Yunivarsitiiwwan gara garaas qorannoowwan dinagdee hawaasa horsiisee bulaa jijjiiruu danda’an adeemsisuun gaheesaanii bahachuu qabu. Mootummaan federaalaafi naannoo Oromiyaa hawaasa hirmaachisuun keessumaa rakkoo bishaan godinichaa karaa ittifufiinsa qabuun furuuf qindoominaan hojjechuu qabu.
Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa
Obbo Bariisoo: Isinis galatooma.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017