
- Oromiyaan atileetiksiidhaan meedaaliyaa 34n dursaa jira
Walaayittaa Sooddoo: Qopheessummaa Ministeera Aadaafi Ispoortii RFDIn, keessummeessummaa Naannoo Itoophiyaa Kibbaa, Godina Walaayittaatiin Magaalaa Walaayittaa Soodootti dorgommiin madaallii pirojektii leenjii guddattoota guutuu Itoophiyaa adeemsifamaa jira.
Sirna jalqabbii dorogommichaa Kibxata darbe adeemsifamerratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Pirezidaantiin Naannoo Itoophiyaa Kibbaa Obbo Xilaaahun Kabbadaati.
Pirezidaantichi akka jedhanitti, guddattootarratti hojjechuun Itoohiyaan irra deebiidhaan addababa’iiwwan addunyaarratti atileetota bakka bu’oota horachuudhaan maqaa guutuu addunyaarratti qabdu kana egsisuu qabna.
Dorgommiin kun atileetota bakka bu’oota horachuu maddiitti guddattoota boru alaabaa Itoophiyaa ol kaasanii addunyaarratti mul’isan argachuuf murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Dhaloonni har’aa akkuma obbolaasaanii hangafoota kaleessaa Abbabaa Biqilaa, Maammoo Waldee, Miruts Yifxar, Daraartuu Tulluu, Hayilee Gabrasillaaseefi Qananiisaa Baqqalaafaa faana bu’uudhaan guddina ispoortii Itoophiyaatiif hiriiruutu irraa eegama jedhan.
Ministirri Aadaafi Ispoortii Federaalaa Aadde Shawiit Shaankaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, biyya ispoortiidhaan beekamtu ijaaruuf guddattootarratti hojjechuun dhimma hindagatamneedha. Damee kana cimsuudhaan akkaakuuwwan ispoortii guddattootaa dabalatee ispoortiiwwan biroorrattis hojjechuun biyya ispoortiidhaan maqaa gaarii qabdu tana eegneefi caalaatti cimsinee dabarsuu qabna.
Akkasumas mootummaan misooma ispoortii, keessumaa iddoowwan oolmaa ispoortii magaalota guguddoorraa kaasee hanga xixinnootti jiran maratti babaldhisuudhaan guddattoonni barumsa qalamaa maddiitti akka qaamaanis ciman gochuuf hojiin jalqabame kutannoodhaan adeemsifamaa jira jedhan.
Dorgommii mataduree, “Misooma ispoorteessitoota guddattootaa mo’annaa biyyaaf” jedhuun yeroo 8ffaaf adeemsifamaa jiru kanarratti Bulchiinsota Magaalaa Finfinneefi Dirre Dhawaa dabalatee naannoleen marti akkaakuuwwan ispoortii 11n atileetota kuma lamaafi 207n hirmaachaa jiru.
Guyyaa dorgommiin kun itti banamee kaasee Magaalaan Walaayittaa Sooddoos dirree olompikii xinnoo fakkaattee oolaa jirti. Faaruuwwan afaanota adda addaatiin guddattoonni naannolee adda addaarraa bahan dhageessisanii dorgommichaaf miidhagina addaa kennaa jira.
Erga dorgommiin kun jalqabamee as jiraattonni magaalattiifi naannawashee guyyaa guyyaadhaan dirreewwan ispoortii itti adeemsifamanitti argamuudhaan obbolaasaanii onnachiisaa jiru.
Hirmaattonni dorgommichaas sirboota aadaa naannawa irraa dhufanii sirbuudhaan yeroo turtiisaanii miidhagfachaafi ho’ifachaa jiru.
Sababii Koviid-19tiin bara 2012 irraa kaasee addaan cituudhaan barana kan ittifufe dorgommiin madaallii leenjii pirojektii guddattoota Itoophiyaa kun hanga kaleessaatti haala miidhagaadhaan gaggeeffamaa jira.
Dorgommiiwwan adeemsifamanitti naannoon Oromiyaa hanga kaleessa gabaasni kun nudhaqqabetti walumaagalatti atileetiksiidhaan meedaaliyaa 34n, paaraalompikiitiin meedaaliyaa warqii 15, meetii 14fi nahaasa 11n dursaa jira.
Bulchiinsi magaala Finfinnee 2ffaa, Naannoon Amaaraa sadarkaa 3ffaa qabataniiru.
Walumaagalatti dorgommiin guyyoota 10f turu kun guyyaa guyyaadhaan adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, Oromiyaan fiigicha meetira 800 dhiiraan 1ffaa hanga 3ffaa bahuun meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasii; utaalcha olii dhiiraan 1ffaa hanga 3ffaa bahuun meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasa akkasumas dubaraan 1ffaa hanga 3ffaa bahuudhaan meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasaa fudhataniiru.
Darbannaa eeboo dhiiraan Oromiyaan 1ffaa hanga 3ffaa bahuun meedaaliyaa warqii, meetiifi nahaasa; darbannaa eeboo Dubaraan 1ffaa hanga 3ffaa bahuun meedaaliyaa warqiifi meetii nahaasa argataniiru.
Walmorkii kubbaa miilaa dargaggoota Oromiyaafi bulchiinsa Magaalaa Finfinnee jidduutti adeemsifameen Oromiyaan taphaan caalee 3-1n mo’ateera.
Dorgommiin bunyaa ulfaatina kiiloo giraama 48n guddattoota umrii 15n gadii jidduutti adeemsifame daaw’ataa teessoosaarraa kan kaassise yoo ta’u, hanga xumuraattis daran bashannansiisaa ta’uu danda’eera.
Dorgommii kanatti taphataan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Daagmaawii Andu’aalam waliin morkataasaa Miikiyaas Gosaayee kan Beenishaangul Gumuz qabxiidhaan, akkasumas Beekaam Hayilayyasuus kan Oromiyaa Iyyoob Dassaalee kan Somaalee nagayeedhaan mo’ataniiru.
Tashoomaa Qadiidaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 1 Bara 2017