Qeerrittii umrii gabaabduu keessatti kitaaba 10 barreessitee, 10 ol gulaaluudhaan gurra argatte; Doktar Zabiibaa Roobaa

Intala galgalli ishii ganamaan ifeefi hojii namoonni hedduun jireenyasaa guutuutti galmaan ga’uu hindandeenye milkeessitee maatiishee gammachiisuudhaan firaafi lammiif ammoo hamilee taate, mucattii daa’ima waggaa kudhanii taatee biyya handhuurri ishii itti awwaalamerraa godaantee, akaakuuwwan barnootaa hedduun eebbifamtee kitaabota 10 barreessitee saba keessatti dhalatteefi orma keessatti guddatte boonsitee dhaloota boodaatiif fakkeenya taate.

Umrii namootni hedduun kitaaba barreessuu dhiisii tasumaa hin yaadnetti kitaabota 10 barreessitee, sanii ol immoo gulaalte, intala qal’oo yaada bal’oo. Mucattii kichuu, yaada bilchaataa qe’ee Oromootti dhalattee har’a Dodolaadhaaf hospitaala ijaaruuf karoorfatte, shamarree barreessituu, gulaaltuu, doktara fayyaafi ogeettii xiinsammuu Doktar Zabiibaa Roobaa keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.

Gaafdeebiin mucattii xiqqoo umrii qeerrummaatti hojii jaarsummaatiin saba gurra itti goote tana waliin taasifne akka ittaanutti dhihaateera.

Bariisaa: Ani seensarratti waan gabaabduu ibsuuf yaaleeraa ati otoo xiqqoo ittidabaltee; Zabiibaan eenyu, eessatti dhalatte?

Doktar Zabiibaa: Hayyee maqaan kiyya Zabiibaa Roobaa jedhama. Iddoon dhalootakoo Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Dodolaati. Hanga umrii koo waggaa 11tti bakkuma dhalootaa kana ergan turee booda gara biyya Awustiraaliyaatti imalee barnootakoo achitti ittifufe. Barnoota koo Awustiraaliyaatti xumuree yeroo ammaa sababuma hojiifi barnootaatiin Ameerikaa jiraachaa jira.

Sanaan dura osoo biyyaa hinbaane daa’imummaakootiin waan abbaan koo barsiisaa ta’eef isa waliin kutaalee Oromiyaa gara garaa keessa jiraachuuf carraa argadheen ture.

Bariisaa: Yommuu gara Awustiraaliyaa deemtetti barnoota kutaa meeqaffaarraa eegalte, digrii doktareetii hoo maalirratti hojjette?

Doktar Zabiibaa: Barnootakoo sadarkaa lammataarraa kaasee hanga yunivarsitiitti kan jiru Awustiraaliyaattin baradhe. Oggaa gama sadarkaa barnoota kiyyaatti deebinu immoo meedikaal doktariin digrii fudhadheera. Ogummaa xiinsammuu yookiin saaykoloojiitiinis digriikoo fudhadheera. Informeeshiin teknolojiitiin dippilomaa fudhadheera. Kana qofa osoo hintaane, koorsii meeshaa muuziqaa, piyaanoos fudhadhee ogummaa damee aartiis horadheera.

Bariisaa: Yoom gara Ameerikaa deemte, maaliif?

Doktar Zabiibaa: Akka carraa ta’ee barnoota koo isa boodaa xumuree Awustiraaliyaatti kanin eebbifame ALA bara 2020 ture. Anis akkuman digriikoo fudheen carraa barnoota dabalataa barbaachaafi kanin qaburratti guddifachuu, haallitti barachaa hojjechuun danda’amus Ameerikaa waan jiruuf garasitti imalee barnootakoofi hojiikoos walcinaa ittifufsiisuuf filadhee deeme jechuudha.

Bariisaa: Awustiraaliyaatti hojjachaa barachuun hindanda’amu jechuudhaa?

Doktar Zabiibaa: Lakki, isallee ni danda’ama. Garuu ani carraa barnootaafi hojii Ameerikaatti argachuu koo qofaaf osoo hintaane, sababuma kanaanis waanin biyya jijjiirrachuu barbaadeef garasitti imale. Akkasumas barnootaafi hojii cinatti damee dinagdee kana keessas galee bor waanin biyyatti deebi’ee ittiin hojjachuu danda’u guduunfachuuf jedheen Ameerikaatti imaluun barbaachisaa ta’uu waanin amaneef garasitti qajeele jechumaafi.

Sababni biraa akkuman duratti kaasuuf yaale barnootakoo fayyaa waanin ispeeshaaliizdi godhachuu barbaaduufi. Kanaafis Yunivarsitiin damee kanaan barnoota gaarii kennus Ameerikaa waan jiruuf kunis Awustiraaliyaarraa gara Ameerikaatti godaanuu kiyyaaf akka sababaatti ka’uu kan danda’uudha.

Kanaaf yeroo ammaa Ameerikaatti galee Yunivarsitii Kaalifoorniyaatti hojii koos ta’ee barnoota koo ittifufaan jira jechuudha.

Bariisaa: Ogummaankee damee fayyaarratti ta’ee osoo jiruu kitaabota hedduu barreessiteeta. Akkamitti gara ogbarruu kanatti fedhii horatte garuu?

Doktar Zabiibaa: Kun gaaffii bareedduudha. Fedhiin waa barreessuu kun kan onneekoo keessatti uumame sababa malee hinturre. Dhiifama naa godhiitii mudannoo fedhiinkoo gama waa barreessuufi dubbisuu kanatti akka horadhu na taasise tokko kaasuun barbaada. Innis maali yoo jette, ijoollummaa kootti dorgommii gaaffiifi deebii manneen barnootaa tokkotu ture. Ani immoo barnootaan cimtuu ta’us waa’ee afaanii kanarratti haasa’urraa kan hafe beekumsa biraa hinqabun ture.

Gaaffiin naa dhihaate akkana kan jedhu ture, “Fardi tokko kufee ciisa, saroonni lama immoo farda kufe kana qorqaa jiru. Sareen inni tokko gubbaadhaa gadi qorqa. Tokko immoo jalaa ol qorqa. Kanaaf saroonni lamaan kanneen keessaa kamtu dursee handhuura dhaqqaba”? kan jedhu ture. Deebiinkoo immoo “Isa jalaan qorqutu dursee handhuura qaqqaba” kan jedhuudha.

Barsiisaan dorgommicha gaggeessaa ture, “Deebii hinarganne” naan jedheetuma callise. Animmoo gaaffii kana deebisuu dhabuukootti aaree hanga abbaankoo dhufee mana barnootaatii na fuudhutti boo’aan ture.

Boodarratti akkuman abbaa kootiin walagarreen waan ta’e ittihime. Abbaan kiyyas erga xiqqoo seeqqateen booda gama tokkoon deebiin ani deebise foon jalaa laafaa waan ta’eef isa jalaa eegaletu dursee handhuura dhaqqabaan sirrii akka ta’eefi haa ta’uu malee, fardi kotte duudaa waan ta’eef hindeeffatu, wanti hindeeffanne immoo handhuura qabaachuu hindanda’u deebii ta’uu sirritti na hubachiise.

Sana booda Afaan Oromootiin waa barreessuufi dubbisuun daran murteessaa ta’uu hubadhee fedhiin afaanicha sirriitti beekuufi gama barreeffamaatiinis dhimma itti bahuu kun kan nakeessatti uumamuu danda’e haala kanaani siin jechuu barbaadeeni.

Bariisaa: Kitaabota meeqa barreessite, kanneen keessaa kan jalqaba barreessite ykn harka ittihiikkatte kami, maalirrattis xiyyeeffata?

Doktar Zabiibaa: Dhugaa dubbachuuf waliigalaan kitaabota 10 olin barreesse. Kana yemmuun jedhu garuu, kan ani barreessee maqaa nama biraatiin baheefi anaan barreeffamee osoo hinmaxxanfamiin hafe osoo hindabalanne garuu ammoo kanneen hanga ammaatti maxxanfamanii bahan kitaabota 10 jechuudha.

Kanneen keessaa kitaabni ani jalqaba barreesse kitaaba matadureensaa, “Yaadannoon Hindu’iin” kan jedhuudha. Ittaansee kitaaba “Yuuboo” jedhamutu maxxanfame.

Kitaabni koo jalqabaa waanin ijoollummaa koorraa kaasee keessa darbe bal’inaan kan ibsuufi bifa asoosama seenawaatiin kan barreeffameedha. Kitaabichi dhimmoota gara garaas of keessatti kan hammateedha. Keessattuu iddoo dhaloota koo, bakka handhuurrikoo itti awwaalame, Dodolaarraa ka’uudhaan Shaashamannee qaxxaamuree hanga Gujiitti fulla’uudhaan guutummaa Oromiyaa kan nama daawwachiisuudha.

Yuuboon ammoo kitaaba ‘romantic fiction’ ta’eefi gabaabaadha. Haa gabaabbatuu malee leetoo dubartii Oromoo bal’inaan kan ibsuudha. Kitaabni sadaffaan matadureensaa ‘Bokkuu’ jedhama. Garaagarummaa waggaa tokkoo keessatti kitaabota akka; Dambaalii, Dhaddacha Walaabuu, Miiloo, Tasmee Durbaa, jechaatuma ittifufe jechuudha. Kitaabileen kunniin kanneen garaagarummaa waggaa tokko tokkootiin kan barreeffaman qofa osoo hintaane, kanneen waggaa tokko keessatti lama barreeffamanis jiru.

Bariisaa: Waggaa waggaan kitaaba barreessuun kun ulfaataa fakkaataatii ati akkamitti milkoofte?

Doktar Zabiibaa: Dhugaadha. Akkuman duratti sii kaase waggaa waggaadhaan qofa osoo hintaane, inumaayyuu waggaa tokko keessatti kitaabota lama barreesseera. Wanti guddaan garuu; nama waan hojjatu beekuufi haala itti hojjatu beeku tokkoof wanti ulfaatu hinjiru. Keessa ofiitti waan akkasii yeroo akkasii keessatti hojjadhee xumuruun danda’a jedhanii ofitti himnaan, keessi namaa immoo waan sana amanee fudhannaan inuma danda’ama.

Kanaafuu, ani waanin fedhii waa barreessuu qabuuf guyyoota hunda waan ta’e tokkorratti waabarreessu malee hinoolu. Kana jechuun yoo xiqqaate guyyaa guyyaan fuulawwan shan shan barreessu malee hinoolu. Akkuma kitaabota garagaraa barreessaafi gulaalaa adeemtuun muuxannoonkees dabalaa waan ta’eef kitaaba tokko waggaa tokko barreessuu qofa osoo hintaane, waggaa tokkottis kitaabota lama barreessuun ni danda’ama.

Bariisaa: Atimmoo umrii dargaggummaa kanatti kitaabota 10 barreessuu bira dabartee kitaabota hedduus akka gulaalte quba qabna. Mee hanga ammaatti kitaabota meeqa, kan eenyu akka gulaalte osoo nuu ibsitee?

Doktar Zabiibaa: Kitaabota hedduu gulaaleera. Kanneen keessaa kitaabota “Siif Tolii”, “Dhaloota Sodaa cabse” jedhaman; kitaaba “Michuu Tiisisaa” nama Muhaammad Girboo jedhamuun barreeffame; kitaaba Abdii Luuccee “Qoraasuma“ jedhamu, kitaaba “Mi’aa” Buqqee nama Reediwaan Kamaal jedhamuun barreeffame; “Iccitii Jireenyaa” Hamzaa Waariyootiin barreeffame; kitaaba “Rogsadee Siyaasa Itoophiyaafi Iccitii Oromiyaa” jedhamuufi kan Muhaammad Amiiniin barreeffameefi kitaabota hedduu maqaasaanii tarreessuu hindandeenye gulaaleera.

Bariisaa: Dhiyeenyatti kitaaba haaraa eebbisiisuuf akka jettu odeeffanneerraatii kitaabichi maalirratti xiyyeeffata?

Doktar Zabiibaa: Akkuma atuu jette kitaabota haaraa dhiyeenyatti eebbisiisu sadii qaba. Isaanis “Korma Nyaaraa, Ciisa Arseefi Taspee Durbaa” jedhamu jedhamaniidha. Kitaabonni asoosamaafi seenaan kunniin baay’ina fuulaatiin kanneen kanaan duraara nicaalu. Kitaabonni kunniin haala jiruufi jireenyaa, falaasamaafi hawaasdinagdee Oromoo bal’inaan of keessatti hammataniiru.

Bariisaa: Damee fayyaatiin hoo maalfaa hojjachaa jirta?

Doktar Zabiibaa: Damee fayyaarrattis hojjechaan jira. Gama marsariitii hawaasaa akka feesbuukiifi yuutuubiitti fayyadamuudhaan yeroo hunda matadureewwan gara garaarratti gorsa fayyaafi xiinsammuu maxxansaan jira. Akkasumas maqaa kitaaba kiyya isa jalqabaa, Yaadannoon Hindu’iin jedhuunis waanin hordoftoota hedduu qabuuf gama kanaanis dhimmoota fayyaarratti hojii hubannoo uumuu kennaa turee ammas ittuma jira.

Ogummaa koo meedikaal doktariinis hospitaalatti hojjechaan jira. Ogummaawwanin qabu walsimsiisuuf kitaabota barreessu keessatti yeroo gama tokkoon taatoo isa tokko Doktar taasisee taatoo isa biraa ammoo dhukkubsataa gochuudhaan gorsaafi deeggarsa yaalaa kennee ogummaa ogbarruufi fayyaa kana walitti firoomsus jira. Kitaaba koo Dambaliirratti dhimma kana bal’inaan argachuun nidanda’ama.

Kanaaf ogummaakoo hunda bifa walitti hidhamiinsa qabuunin adeemsisa malee isa tokko qofa ofitti dhiheessee kaan ofirraa hinfageessine.

Bariisaa: Karoora kee egeree oto nuu ibsitee? Gara biyyaatti fixxee deebite moo?

Doktar Zabiibaa: Lakki, ammatti fixee hingalle. Garuu waanin pirojektii wayii Dodolatti eegaluuf yaadeef haalota tokko tokko mijeessuufin dhufe. Gaafa haalotni hundi mijaa’anii pirojektiin hojjechuuf yaade milkaa’u garuu jireenyi kiyya Oromiyaadhuma taati. Kanaafuu hangasitti gidduma lamaan deemna.

Bariisaa: Pirojektiin Dodolatti eegaluuf jettu maal akka ta’e hinhimamuu laata?

Doktar Zabiibaa: Rakkoo hinqabu, nihimama. Pirojektichi ijaarsa hospitaalaafi kolleejjii fayyaa sadarkaasaa eeggate tokko ijaaruuf kan yaadameedha. Kanaafis lafti hektaarri 5.8 naa kennameera.

Kana qofa osoo hintaane akkuma beekamu Arsiin akka waliigalaatti, naannoon Dodolaa sun immoo addatti bakka kuufamaafi argama aadaa Oromoo waan ta’eef, anis waanin aadaafi seenaa kanarratti fedhii qabuuf yoo haalli mijataan uumame giddugala aadaafi afoolaa naannawa sanatti ijaaruuf karoora qaba.

Bariisaa: Qarree Oromootiif maal dhaamta? Waanti biraa ittidabaltu yoo jiraates achumaan?

Doktar Zabiibaa: Gaaffii bareeda. Waanti guddaan miira ofitti amanamummaafi nidanda’ama jedhu horachuun dirqama. Namni ofitti amanamummaa qabu waan dadhabu hinqabu. Kanaafuu Qarreen Oromoo hundi kaayyoo hindaddaaqamne qabaachuudhaan boruusaaniitiif har’a cimanii barachuun barbaachisaa akka ta’e hubachuudha inni guddaan.

Namni kaayyoo qabuufi kaayyoo sana galmaan ga’achuuf barnoota barbaachisaan of utube bakka yaade kamuu ga’uu akka danda’u baranii dandeettii keessoosaanii jirutti fayyadamuu akka qaban gorsuun barbaada.

Bariisaa: Yeroo kee nuu kenniteef galatoomi!

Doktar Zabiibaa: Isinis ulfaadhaa!

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017

Recommended For You