“Konkolaataa ‘Cyber truck’ biyyatti kan galchine beeksisaaf osoo hintaane teknolojii haaraa madaqsuufi” -Dargaggoo Eliyaas Yirdaawu

Addunyaarratti guyyuu waan haaraa dhalataa bula. Teknolojiin kalaqamaa bulus yeroodhaa gara yerootti fooyya’aafi dandeettiin kalaqa sammuu namaa hangam dabalaa akka jiru nu agarsiisa. Kalaqawwan omishaman kanneenis biyyoonni addaddaa fudhatanii itti fayyadamu. Hojii dinagdeesaanii saffisiisuufis itti fayyadamu.

Keessumaa wayita ammaa teknolojiwwan kalaqa sammuu nam tolchee (‘Artificial Intelligence-AI’) jedhamuun waamaman hojiilee hedduu bifa salphaafi saffisa qabuun hojjechuu dandeessisan baay’een hojjetamaa jiru.

Barreeffama kanaan waa’ee teknolojiiwwan kalaqamanii dubbachuuf osoo hintaane waa’ee konkolaataa ‘Cyber truck’ jedhamuun beekamuufi sadarkaa ammayyummaa olaanaan biyya Ameerikaatti hojjetamu, dhiheenya ammo dargaggeessi lammii Itoophiyaa gara biyyaatti galcherratti waa xiqqoo jechuufi, dubbisa gaarii!

Dargaggoo Eliyaas Yirdaawu Gaggeessaa Hojii Dhaabbata ‘FARIS Technology’ti. Dhaabbanni kun hojiilee teknolojii waliin walqabatan keessumaa kalaqa sammuu namtolcheefi yuuroo ispeesiirratti bal’inaan kan hojjetu yoo ta’u daraggoota teknolojiitti madaqsuuf jecha kanneen dandeettii uumamaa qaban irratti invasti gochuun kan deeggaru ta’uudha Gaazexaa Bariisaaf kan ibse.

Dargaggoonni bor biyyaafi addunyaa hogganan ijoollummaasaaniitii kaasanii teknolojiiwwan haaraa guyyuu addunyaan kun kalaqxu hubachaa akka guddataniif xiyyeeffannaa kennuun hojii bal’aa hojjeta. Kana jechuun teknolojii har’a addunyaan ittifayyadamaa jirtu maal akka ta’eefi maal akka fakkaatu gara biyyaatti fiduun madaqsuurratti bal’inaan hojjetaa jiraachuu hima.

Akka ibsasaatti, dhaabbileen akkanaa biyya keessa jiraachuun isaanii guddina dinagdee biyyaa keessatti shoora olaanaa taphatu. Guddina dinagdee biyyoota dinagdeedhaan badhaadhanii kanneen Ameerikaafi Chaayinaa yommuu ilaalamu lafeen dugdaa guddinasaanii teknolojiidha. Dhaabbileen teknolojiisaanii cimanii waan hojjetaniif gumaacha isaan dinagdee biyyaa utubuu keessatti qaban olaanaadha. Kanaaf biyyoonni akka Itoophiyaa imala guddinaarra jiranis xiyyeeffannaan isaanii teknolojii ta’aa jira. Kanarraa ka’uunis dhaabbilee teknolojiisaanii cimsuurratti argamu.

Teknolojiin dhalli namaa jireenyasaa guyyuu keessatti waan fayyadamu waan ta’eef, jireenya nama dhuunfaafi hawaasa keessattillee gahee olaanaa qabaachuu kaasee, teknolojiifi bu’aaleen teknolojii gara gabaatti galanii carraa hojii bal’inaan uumaa jiraachuufi galiiwwan guguddaas argamsiisaa jiraachuu dubbata.

“Dhaabbanni ‘FARIS Technology’s kana keessatti gaheesaa gumaachuuf kan hundaa’ee yoo ta’u, keessumaa teknolojiiwwan idiladdunyaa dargaggoota biyyaa bira akka qaqqabaniif hojiilee hedduu hojjetaa jira.

Dhiheenya kanas konkolaataa gatii qaaliifi sadarkaan ammayyummaasaa olaanaa ta’e, dhaabbata Ameerikaa ‘TESLA’tiin kan omishamuufi ‘Cyber truck’ jedhamuun beekamu biyyatti galchineerra. Dhaabbanni konkolaataa kana omishes teknolojiiwwan hawaarratti hojii bal’aa kan hojjetu yoo ta’u, konkolaattoota elektirikaa yeroo jalqabaatiif yaadamaafi dizaayinii adda ta’een kan hojjetedha” jedha.

Konkolaattoota ‘Tesla’n omishe keessaa daran ammayyaawaa kan ta’e ‘Cyber truck’ yoo ta’u, moodeellii isaa ‘Tesla Cyber Piss’ kan jedhamu ta’uu himee, kalaqa sammuu namtolchee qunnamtii (connectivity) cimaa kan qabuufi teknolojii saatalaayitii dhaabbanni ‘STAR LINK’ kalaqeen konkolaattoota addunyaarra jiran hunda walagarsiisu qabaachuu, saffisa intarneetii olaanaa kan qabuufi daataa daddabarsuurratti hojii bal’aa kan hojjetu ta’uu dubbata.

Akka biyya kanaattis konkolaataan saffisaan konkolaataa kana dursu akka hinjirre kan himu dargaggoon kun, wantoota naannawaasaa jiran hubachuu (sense) kan danda’u, meeshaan qaamnisaa ittiin hojjetame sibila cimaafi kan rasaasni hinlixne ta’uunsaa akkasumas ulfaatina guddaa hanga toonii afurii kan qabu ta’uun adda akka taasisu ibsa.

“Kana malees konkolaataa kana akka konkolaattota kaanii ammuma ajajanii, ammuma kanfalanii bituun hindanda’amu. Dursanii ajajanii dabaree eeguun dirqama. Ta’uu baannaan ammoo nama dursee ajajatee dabaree bitachuu eegurraa maallaqa guddaadhaan dabaree bitanii konkolaaticha of harka galfachuun ni danda’ama. Dhaabbanni keenyas bu’uura kanaan namarraa dabaree bitee konkolaataa kana of harkaan ga’ate”jedha.

Dhaabbanni kun konkolaataa kana gara biyyaatti kan galcheef teknolojiiwwan AI irratti bal’inaan hojjetuuf daran kan deeggaru ta’uusaatiin ta’uu ibsee, seensaroonniifi ji’oo lokeeshinii konkolaataan kun fayyadamu hojii dhaabbatichi hojjetaa jiru kan tumsan ta’uu dubbata.

Akkasumas kalaqa sammuu namtolchee waliin walqabatee dargaggoonni carraa hojii bal’aa kan itti argatan appilikeeshiniiwwan addaddaa hojjetaa waan jiraniif isallee akka isaaniif cimsu kaasa. Appiin isaan hojjetaa jiranis dhiheenya kan gadhiifamu yoo tahu namoonni ‘play store’ irraa ‘GET CHERETA’ jechuun buufachuun hojii guyyuusaanii keessatti fayyadamuu akka danda’an eera.

Kana malees, namoonni baay’een dafanii teknolojiidhaan akka walbaran keessumaa hojii dargaggootarratti hojjetan waan isaanii deeggaruuf gara biyyaatti galchuu himee, konkolaataan kun namoota ja’aa baachuu kan danda’u yoo ta’u, seerri biyya Itoophiyaa waan hineeyyamneef malee konkolaachisaa malee bakka barbaade deemuullee akka danda’u ibsa.

Akka Dargaggoo Eliyaas jedhutti, teknolojiin haaraa yommuu ba’u haalli itti fudhatanii madaqsanii itti fayyadamuu waggoota dhihoo as dinagdee dijitaalaa cimsuurratti bu’aa fidaa jira. Haalli kanfaltii kanaan dura ture harka caalaan isaa harkaafi harkatti kan raawwatamu kan ture yoo ta’u, amma garuu wanti baay’een onlaayinii ta’aa jiraachuun isaa dinagdee dijitaalaa cimsuu keessatti bu’aa olaanaa qaba.

Kun immoo ummanni keenya keessumaa dhaloonni ammaa teknolojii dafee baruuf qophii ta’uu agarsiisa. Haala addunyaan amma irra jirtu guyyaa guyyaadhaan hordofanii ittifayyadamuuf, darbees kanarra dhaabatanii kan ofii kalaquu yaaluufis guddaa gargaara.

Kanaaf wantoota haaraa biyya keessa galchuun ilaalcha namoonni teknolojiif qaban guddisuurratti gahee olaanaa qabaachuu kaasee, konkolaataan kunis kana keessatti, akkasumas toorri xiyyeeffannaa mootummaa kan ta’e turizimii tumsuu keessattis shoora mataasaa akka taphatu dubbata. Biyyi teknolojii guguddaa qabdu qalbii turistootaallee ni hawwatti waan ta’eef faayidaa akka qabu eera.

Erga konkolaataan kun gara biyyaa seenees namoonni baay’een karaa garagaraatiin gammachuufi dinqisiifannaasaanii ibsaa kan jiran ta’us dhiheenya kana wanti footooshooppiidhaan akka waan konkolaatichi daandiirraa maqee meexxiirra ba’ee kuffiseetti deemaa jiru garuu kan nama gaddisiisu ta’uu dubbata.

Kunis sadarkaa konkolaataan sun irra jiru hubachuu dhabuu kan agarsiisu ta’uufi osoo xiqqoo dubbisanii dogoggoora akkanaa akka hinuumne hima. “Konkolaatichi seensaroota hedduu hidhatee waan jiruuf utuu ati nan rukuta jettellee injiniisaa dhaamsee dhaabata malee waan tokkollee hinrukutu ykn irra hinba’u” jedha.

Kanaan walqabatee namoonni waa tokko hojjechuuf yommuu yaadan utuu dursanii wanticha sirriitti hubatanii qeeqanii gaarii dha; sababnisaa hanqina sirrii yoo tahe namni kaanis irraa barachuu danda’a waan ta’eef kan jedhu dargaggoon kun, hawaasnis wantonni miidiyaa hawaasummaarratti deemu hundi dhugaadha jechuun waan hindanda’amneef kallattii adddaatiin ilaaluun akka barbaachisu osoo hubatee gaarii ta’uu gorsa.

Namoonni hojiiwwan teknolojii haaraa addunyaan itti fayyadamaa jirtu beekuufi itti fayyadamuuf barbaadan gara weebsaayitii dhaabbatichaa ‘https://faristechnologies.com/’ seenanii ilaaluun teknolojii addunyaan akka walbaraniifis waamichasaa dhiheessa.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 24 Bara 2017

Recommended For You