
Mootummaan naannoo Oromiyaa Dinagdee naannichaa cimsuudhaaf dhaabbilee misoomaa garagaraa hundeessuun qabeenya dilbii naannichaa bifa guutuu ta’een faayidaaf oolchuuf tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachaa tureera. Kanaafis inisheetiiviiwwan addaddaa bocuun hojirra oolchaa kan jiru yoo ta’u, inisheetiiviiwwan dhaabbilee misooma mootummaa kanneen hordofuufi deeggaruun akkasumas, yeroo yerootti qorachuun haala isaan cimanii bahuu danda’an irrattis hojjatamaa jiraachutu himama.
Dhaabbilee misoomaa naannoo Oromiyaa jalatti bulan keessaa inni tokko dhaabbata misoomaa ‘ECAFCO’ jedhamu yoo ta’u, dhaabbanni kun hojiilee akka kenna tajaajilaa suphaa konkolaataa, meeshaalee mukaa faayidaa mana jireenyaafi waajjiraalee keessatti tajaajila kennan omishuu, konkolaattota qonnaa guguddoo suphuufi farniichara omishuun hojiilee isaa keessaa isaan guguddoodha.
Dhaabbata misoomaa kana keessatti carraa hojii argachuun jiruufi jireenyasaa fooyyeeffachaa jiraachuu Dargaggoo Nagaroo Birhaanuu ni dubbata. Akka yaada dargaggoo kanaatti, dhaabbata kana keessatti carraa hojii argachuunsaa waa lama isa gargaare. Inni jalqabaa hojii dhaabbii dhaabbaticha keessatti argateen ofiisaafi maatiisaatiif galii dhaabbataa ta’e argachuudhaan jiruu ittiin gaggeeffachuu yoo ta’u, inni lammataa immoo hojiin dhaabbata sana keessatti hojjatamu muuxannoo dabalataa maallaqaan hinargamneefi hintilmaamamne kennaafii jiraachuudha.
“Kutaan ani keessatti hojjachaa jiru kun kutaa suphaa konkolaattotaa yommuu ta’u, konkolaattootni iddoo kanatti suphaaf dhufan immoo isaan bara durii omishamaniifi moodela moofaa ta’an irraa kaasee hanga konkolaattota haarawaafi ammayyaatti kan dhuunfatu waan ta’eef carraan muuxannoo gabbataa horachuu bal’aan uumamee jira” jedha.
Konkolaattootni achitti hojjataman kunniin akka dur isaan barnootaan daree keessatti barataniifi bara dheeraaf hojjachaa turanii konkolaattota moodela moofaa qofaa ta’uu himee, yeroo ammaatti garuu dhaabbatichi konkolaattota ammayyaa maanuwaalii hinta’inis suphaa waan jiruuf isaanis waan barnootaan hinarganne sana muuxannoo hojii qabatamaatiin barachaafi ogummaa isaanis haala yeroon barbaaduufi konkolaattota ammayyaa suphuuf nama dandeessisuun guddifachuun carraa akka salphaatti argamu akka hintaane hima.
Hojiiwwan konkolaattota suphuu dhaabbata kanaan hojjataman isaan bakkee biraatti baraman hedduu irraa waan adda isa taasisu kan qabu ta’u kan himu dargaggoon kun, innis gaaraajiin hedduu akaakuu konkolaataa tokkoo qofarratti kan xiyyeeffatanii yoo ta’u, kunis, gaaraajiin ykn iddoon suphaa konkolaataa tokko kan irratti xiyyeeffate yoo ‘TOYOTA’ ta’e hojiin suphaa dhaabbata sanaa konkolaattotuma ‘TOYOTA’ moodela garaa garaan waggoota garaa garaatti hojjataman qofaa kan suphu ta’uu ibsa.
Gaaraajiin ykn iddoon suphaa konkolaataa ‘NISSAN’ ta’e tokkos hojiin isaa konkolaattotuma dhaabbanni ‘NISSAN’ omishu isaan baroota garaa garaa keessatti moodela adda addaatiin hojjataman qofa ta’uu eera.
“Kan dhaabbata ECAFCO kana keessatti hojjataman yommuu ilaaltu garuu hojiin suphaa moodela yookiin akaakuu konkolaataa yookiin dhaabbata konkolaaticha omisheen daangeeffamu hinjiru. Kana jechuun immoo dhaabbatichi tajaajila suphaa konkolaataa kennu kana dhaabbata konkolaataa fedheen haa omishamuu, moodela fedhes haa ta’uu, bara kamittis haa omishamuu, konkolaataa rakkoon irra gahee suphaaf dhiyaate kamiyyuu kan suphu waan ta’eef giddugaloota suphaa konkolaataa ykn gaaraajii biyya kanatti baraman hundarraa kan adda isa taasisuudha” jedha.
Akka ibsa dargaggoo Nagarootti, dhaabbata suphaa konkolaataa hojii hunda galeessa ta’e hojjatu kana keessatti carraa hojii argachuun, hubannoofi beekumsa konkolaattota akaakuu hundaa suphuu akka salphaatti kan namaaf kennu waan ta’eef, galii akka mindaatti argamu caalaa muuxannoon gama kanaan argachaa jiru egeree isaaf galtee guddaa akka ta’e itti amanee hamilee guutuun hojjachaa jira.
“Dhaabbatichi hojii koo hojjachaa cinatti immoo barnootakoo akka addaan hinkunneef haala gaarii naaf mijeessee jira” kan jedhu immoo hojjataan kutaa suphaa konkolaataa dhaabbata ECAFCO inni biraa dargaggoo Fiqaaduu Baqqalaa; kanaanis barnootasaa barachaa hojiisaas hojjachaa walfaana waa lama akka adeemsisuuf carraan argate hedduu kan isa gammachiisu ta’uu dubbata.
Akka yaada dargaggoo kanaatti, namni tokko yemmuu carraa hojii wayii argate galii achirraa argamu sanaan sobamee barnootasaa addaan kutuu hinqabu. sababnisaa, galiin xixiqqoon har’a argamu kun egeree bal’aa fuuldura jiru kan deeggaru malee kan dhaabsisu ta’uu waan hinqabneefi.
Kanarraa ka’uun innis carraa hojii dhaabbata kana keessatti argachuusaatti gammachuu guddaa qabaachuu ibsee, osoo hojii kana argadhe jedhee barnootasaa addaan kutee garuu egeree isaarratti rakkoo waan uumuuf gammachuu amma inni qabu kunis guutuu hinta’u ture jedha. Kana waan ta’eef gammachuun inni hojii argachuu isaatiin qabu kun barnootasaa itti fufuusaatiin guutuu akka isaaf ta’e dubbata.
Dargaggoonni hundi immoo hojiiwwan garagaraa argataniin sobamanii carraa bal’aa gara fuula duraa jiru dagachuu akka hinqabneefi akkuma isaa haala hojiifi barnoota wal cinaa ittiin adeemsifatan mijeeffatanii gaarii ta’uus gorsa.
“Dhaabbanni ani yeroo ammaa keessatti tajaajilaa jiru kun immoo hojiikoo hojjachaa akkan baradhuuf haala kan naaf mijeesse qofaa osoo hintaane, akaakuuwwan konkolaataa asitti hojjatamanis kan baraafi moodelaan hindaangeeffamne waan ta’aniif muuxannoo guddaa gara fuula duraatiif ta’u horachurratti argamna” jedha.
Dhaabbanni ECAFCO farniichara ykn meeshaalee manaafi biiroo mimmidhaagoo ta’aniifi sharafa alaatiin biyyoota alaa irraa bitamanii gala turan yeroo ammaa biyya keessatti omishuudhaan bakka buusaa jiraachuu immoo Gaggeessaan Hojii Dhaabbatichaa Obbo Taarikuu Abarraa ni ibsu.
Keessattuu meeshaalee biirooleefi barnootaaf oolanirratti xiyyeeffachuun hojii omishaa baay’inaafi qulqullina qabu omishuurratti kan argaman ta’uu daawwannaa tibbana dhaabbatichatti adeemsifamerratti kan kaasan gaggeessaan hojii kun, gama suphaa konkolaataatiinis gatii madaalawaa ta’een konkolaattota akaakuu hundaa suphaa jiraachuusaanii dubbatu.
Akka ibsasaaniitti, dhaabbatichi dhaabbilee dhuunfaas ta’ee mootummaatiif tajaajila suphaa kennaa kan jiru yoo ta’u, akka dhaabbata misoomaa mootummaa tokkootti garuu konkolaattota mootummaa keessattii kan naannoo Oromiyaa sirnaan suphee ariitiidhaan tajaajilaaf qopheessaa jira. Gama kanaan yeroo ammaa kanatti konkolaattootni biirooleefi waajjiraalee mootummaa naannoo Oromiyaa garaagaraa irraa dhufan kuma lamaafi 400 ta’an dhaabbatichatti suphamaa jiru.
Dhaabbileen misoomaa mootummaa sirnoota darbanitti hordoffiifi to’annoo gahaa dhabuusaaniitiin tajaajila isaanirraa eeggamu kennaa akka hinturre kan himan immoo Pirezidaantii Ittaanaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, dhaabbilee misoomaa haala kanaan humna guddaa qaban osoo hojirra hinooliin turan keessaa immoo tokko ECAFCO ta’uu dubbatu.
Mootummaan jijjiiramaa rakkoolee buleeyyii dhaabbilee misooma naannichaa keessa turan furuuf irra deebiidhaan hundeessuufi ergama dabalataa kennuun sirni to’annoofi hordoffii walirraa hincinnes kennamaafii jiraachuus ni ibsu.
“Dhaabbatichi rakkoolee turan furee gurmaa’ina haaraan gara hojiitti galuusaatiin bu’aa inni argatu caalaa kan mootummaan sababa kanaan argatutu caala” jedhanii, sababnisaas konkolaattootni mootummaa dhaabbata kanatti yemmuu suphaman baasiin mootummaan yeroo yeroon hojii suphaa kanaaf baasaa tures kan hir’atu ta’uu dubbatu.
Walumaagalatti, onnee dinagdee biyyattii kan ta’an dhaabbileen misoomaa mootummaa rakkoolee keessoosaanii turan furatanii humna guutuun gara hojiitti galuun cabiinsa dinagdee biyyattii suphuu keessattis shoorri isaan bahatan salphaa miti.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 17 Bara 2017