
Finfinnee: Ayyaanni addababayii (Cuuphaa) aadaa hawaasaa kaleessaafi har’aa walittifidee ittifufsiisuu keessatti shoora olaanaa qaba jechuun Giddugalli Qorannoofi Qu’annoo Aadaa Oromoo beeksise.
Giddugalichatti durstuun garee qorannoo aadaa Aadde Faantuu Abbaabbuu ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, hawasin ayyaanota addababa’ii (Cuuphaa) wayita ayyaaneffatu aadaa uffannaa, nyaataafi dhugaatii giddugaleeffachuun waan gaggeeffamuuf aadaa hawaasichaa beeksisuu keessatti shoora olaanaa qabu. Garaagarummaa aadaa keessatti tokkummaa mana mantaan waan kabajamuuf tokkummaafi waloomina saboota, sablamootaafi ummattootaa cimsaa akka deemu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, gaafa ayyaanni Cuuphaa ayyaaneffamu hundumtuu tokkummaa mana amantaa haaqabaatuyyuu malee aadaa uffannaa, nyaataafi dhugaatii mataasaa qaba. Taateewwan ayyaanicha bareechuuf aadaan faayamuufi nyaatotaaadaa qophaa’aniin walqabatee taasifamu aadaa guddisuufi beeksisuuf gumaacha olaanaa qaba.
Akka duudhaa hawaasichaatti qeerroon tokko jaalala dhuunfaa qarree tokkoof qabu ibsachuuf darbannaan loomii ni gaggeeffama. Taateen kun hawaasa gidduutti daandii jaalalli itticimu ta’ee akka aadaatti raawwatamaa jira. Jaalalli namoota dhuunfaa gidduutti uumamu biyyaafis bu’aa buusuurra darbee gaa’ilatti jijjiiramee maatii hundeessuudhaan dhalootni akka ittifufu taasisa jedhaniiru.
Aadaa sirba, uffannaa, nyaataa, gugsii fardaa, ragadaafi dhiichisaa, haala tolfannaa rifeensaa kan dhiiraa (guffuraa)fi shurrubbaa qarreewwanii guyyaa ayyaana Cuuphaa mul’atan keessaa muraasa ta’uu himanii; taateewwan kunneen waggaa waggaan gaggeeffamuun aadaan hawaasaa ittifufsa akka qabaatu taasisa jedhan.
Adeemsa keessa wantoti jijjiiraman akka jiran kan eeran Aadde Faantuun guyyaa aayyaana Cuuphaa naannawaa baadiyyaatti loomiin darbataa ture yeroo ammaa kana magaalaatti pirimiin bakka bu’ee darbatamu adeemsa keessa aadaa ta’uu malaa jiedhaniiru. Haaluma walfakkaatuun aadaa ragadaafi uffannaa, hawaasa gidduutti cimaa deemuun jaalalaafi tokkummaa hawaasaa akka jabaatuuf bu’uura ta’aa deema. Yaadrimee koo jedhurraa gara keenyatti jedhutti ce’uun akka waliif yaadan taasisa jechuun ibsan.
Bittaafi gurgurtaan galtee aadaa guyyaa ayyaana Cuuphaaf addababa’iirratti waan gaggeeffamuuf bareedina ayyaanichaatiif gumaacha akka qabu himanii; namoonni galteewwan kunneen dhiyeessaniif galii ta’uudhaan dinagdee nama dhuunfaafi biyyaa keessatti gumaachaa qaba. Baay’inni tuuristoota ayyaana kana daawwachuuf gara Itoophiyaa dhufaniif akka dabalu taasisuun tuurizimii sadarkaa biyyaalessaatti jiru kan nijajjabeessu ta’uus eeraniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 10 Bara 2017