Alergii bunaa ji’a tokkotti raawwiin %176 itti galmaa’e

Itoophiyaan omishaalee addaddaa biyya alaatti erguun sharafa alaa argataa jiraachuun ishee ni beekama. Wantoota biyyattiin alatti ergitu keessaa bunni isa ijoofi barootaaf bu’aa olaanaan irraa argamaa turedha. Bara kanas ji’a onkololeessaa qofa buna toonii kuma 20 ol erguun galii dolaara miliyoona 108 argachuuf karoorfamee, karooraa ol toonii kuma 35 (%176) ol erguun galiin doolaara Ameerikaa miliyoona 155.5 argameera.

Milkaa’ina kanaafi hojiilee akka waliigalaatti Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Itoophiyaa hojjete ilaalchisuun Daarektarri Ittaanaa Abbaa Taayitichaa, Obbo Shaafii Umar Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, damee bunaa, shaayiifi quyyisaalee irraa sharafa alaa argamsiisuuf karoorri bal’aan qophaa’ee hojiitti kan seename yoo ta’u, karooricharrattis raawwattoota dabalatee qaamolee dhimmichi ilaalatu waliin sadarkaa sadarkaadhaan mariin taasifamuu himu.

Bu’uura kanaan ji’oota afran darbanitti hojii jajjabeessaan kan hojjetame yoo ta’e, keessumaa ji’a Onkolooleessaatti karooraa ol hojiin %176 raawwatamuu himanii, raawwiin kunis kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin yoo madaalamu hammaan toonii kuma 15 (%75) oliifi galiidhaan doolaara Ameerikaa miliyoona 62 (%66) ol caalmaa agarsiisuu dubbatu.

Ji’oota afranitti ammoo akka waliigalaatti buna toonii kuma 98.9 ol erguun galii doolaara Ameerikaa miliyoona 531 argachuuf karoorfamee, karooraa ol toonii kuma 150.3 (%152) erguun galii dolaara miliyoona 674.5 (%127) argamuusaa ibsu. Kunis yeroo walfakkaataa bara darbee wajjiin yoo madaalamu hammaan toonii kuma 62.5 (%71) akkasumas, galiidhaan dolaara Ameerikaa miliyoona 113.8 (%51) caalmaa qabaachuu addeessu.

Bara 2017 biyyoonni bunni baay’inaan itti ergamees Jarmanii, Saawud Arabiyaafi Beeljiyeem sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaatti kan qabatan ta’uu kan himan Obbo Shaafiin, Ameerikaa, Kooriyaa Kibbaa, Jaappaan, Yunaayitid Arab Imireet, Joordaan, Xaaliyaaniifi Awustiraaliyaan duraa duubaan hanga sadarkaa 10ffaa kan qabatan ta’uu ibsu. Biyyoonni kurnan kunneenis hammaan %77, galiidhaan ammoo sharafa alaa %78 akka qabataniifi kunis kan bara darbee wajjin yoo madaalamu hammaan caalmaa %84, galiidhaan ammoo caalmaa %60 akka qabu eeru.

Akka ibsa daarektara ittaanaa kanaatti gosti bunaa ji’oota afran darban ergamanis kan Naqamtee toonii kuma 52.2 (%35), galii dolaara miliyoona 193.3 (%29), kan Sidaamaa toonii kuma 26.8 (%18), galiidhaan dolaara miliyoona 142.9 (%21) akkasumas kan Jimmaa toonii kuma 34 (%23) oliifi galiidhaan dolaara miliyoona 127.2 (% 19) galmeessuun sadarkaa tokkoffaadhaa hanga sadaffaa qabataniiru.

“Bara bajataa 2017, damee alergii guddisuuf hojiileen addaddaa raawwatamaniiru. Ji’oota afran hanga Onkololeessaatti jiranitti hordoffii kontiraataatiin fooyyeessi hammaafi gatii taasifameera. Ergitoota bunaa waliigaltee seenanii sababoota addaddaatiin yeroodhaan fe’uu dhiisan lama harkaa fuudhuun ergitoota afuriif eeyyamni kennamee akka ergan taasifameera.

Karoora qabame sirnaan milkeessuufis ogeessoonni olaanoo saddeet, ergitoota ijoo 140f sanbata dabalatee karooraafi gabaasa guyyuu qorachuun bunni dhihaatu qulqullinasaa kan eeggateefi adabbiif kan hinsaaxilamne akka ta’uuf hojiin deeggarsaafi to’annoo cimaa hojjetameera” jedhu.

Abbaa taayitichi walgahii guyyaa tokkoo hojjettoota waliin taasiseen raawwii bara 2017, kurmaana tokkooffaa qorachuun, rakkoolee mudatan furuun yeroowwan bara bajatichaa hafanitti karoora qabame milkeessuuf kallattii kaa’uu himanii, bara bajatichaa ji’a Onkoloolessaatti dhiheessitootaafi ergitoota 140 waliin walitti hidhamiinsa uumuuf karoorfamee kuma tokkoofi 127 wajjin uumamuusaa ibsu. Akkasumas, adeemsa bittaafi gurgurtaa walitti hidhamiinsa kallattii irratti bu’uureeffateen walitti hidhamiinsawwan kuma tokkoofi 500f beekamtii kennuuf karoorfamee kuma sadiifi 91 kennuu danda’amus ni kaasu.

Gatii waliin walqabatees dhiheessitoonniifi ergitoonni gatii buna ittiin gurguran olaanaafi gadaanaa isaa torban torbaniin ilaaluun kan murteeffamu ta’uu himanii, gabaa biyyooleessaafis akkasuma gabaa idil addunyaa qorachuun ji’a ji’aan kan murtaa’u ta’uu himu.

Kana malees qooda gabaa guddisuuf tarsiimoowwan lama qopheessuun hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, inni duraa gabaa isuma duraa keessa turuufi inni lammaffaan buna biyyattii gabaa biyyooleessaatti beeksisuun gabaa cabsee akka seenu taasisuu ta’uu dubbatu. Haala kanaanis ji’oota afur keessatti Yunaayitiid Arab Imireetis, Joordaaniifi Awustiraaliyaan biyyoota kurnan duraa keessa seenuun isaanii tarsiimoon qophaa’e sirrii ta’uu kan mul’isu ta’uu dubbatu.

Akkasumas ji’oota arfan darban bunni biyyattii egzibiishiniiwwan idil addunyaa Jaappaan, Kooriyaa Kibbaafi Chaayinaatti akka beeksifamu ta’uun isaa raawwii argamee milkeessuu keessatti gahee mataasaa akka qabu kan himan Obbo Shaafiin, koreewwan alergii dhimmichi ilaallatu waliinis marii taasisuun rakkoolee damicharratti mudatan haala hiikuun danda’amu irratti kallattii ka’amuus ni ibsu. akkasumas Waajjira Ministira Muummeetti, gaggeessumma Ministeera Qonnaafi qaamolee birootiin torban torbaniin gabaasa dhiheessaafi raawwiisaa qorachuun duubdeebii kenname fudhachuu hojiin waliinii hojjetamaa turuu kaasu.

Rakkoolee lojistikii adeemsa alergiirratti mudatan hiikuufis karaa koree dhaabateen torban torbaniin gabaasa qorachuun rakkoo konteenaraafi kanneen biroo hiikuuf hojjetamaa jiraachuu himu.

Bara bajataa 2017tti, rakkoolee ji’oota afran darban mudatan hiikuuf akkasumas kallattii gara fuulduraarratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mariin taasifamuu eeranii, qulqullina odeeffannoo guddisuuf akkasumas to’annoo gabaa bunaa ammayyeessuuf daataabeeziin odeeffannoo bunaafi sirni odeeffannoo waljijjiiruu nageenyisaa eegame akka jiraatu hojii bal’aan hojjetamuus ni ibsu.

Akka waliigalaatti hojii xiyyeeffannaa addaa kennamee hojjetameen bu’aa olaanaan argamuufi kunis ji’oota hafanitti cimee akka ittifufu kan hojjetamudha jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 19 Bara 2017

Recommended For You