“Erga sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ jedhamu fayyadamuu jalqabnee as omisha nyaatarraa hafee gabaaf dhiyaatu argachaa jirra” Obbo Abdulqaadiir Mahaammad

Mishingaan omishaalee Godina Harargee Lixaafi Bahaatti omishaman keessaa adda durummaan eerama. Sanyiin filatamaa mishingaa qorannoon bahe ammoo omishaafi omishtummaa mishingaa guddisuun jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiraa jira.

Qonnaan bulaa Godina Harargee Bahaa, Aanaa Baabbillee kan ta’an Obbo Abdulqaadiir Mahaammad Yusuuf, bara darbe lafa qonnaa hektaara shan qabanirra sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ jedhamu kan Giddugalli Qorannoo Qonnaa Faadiis dhiyeesseef facaasuun callaa kuntaala 302 argataniiru. Utuu sanyii filatamaa mishingaa kana hinargatiin dura lafa hektaara tokkorraa callaa kuntaala 30 argachaa turan. Sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ jedhu erga fayyadamanii garuu lafa hektaara tokkorraa callaa kuntaala 60 kan argatan ta’uu himu.

Sanyii filatamaan mishingaa ‘Malkaam’ jedhamu hongee kan dandammatuufi yeroo gabaabaa (ji’a afur) keessatti kan gahu, lafa xiqqaarraa omisha guddaa kan argamsiisu ta’uu himanii, sanyiin mishingaa duraan fayyadamaa turan garuu hanga ji’a sagaliitti maasaarra waan turuuf hongee mudatun daran miidhama. Sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ fayyadamuu erga jalqabanii waggaa sadii ta’uus eeraniiru.

Waggaa duraa sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ jedhamu utuu itti hinamaniin lafa hektaara tokkorra facaasuun hongee hamaa keessatti callaa kuntaala 40 argatan. Bara ittaanu lafa hektaara afur facaasuun kuntaala 180 argatan. Waggaa sadaffaatti ammoo lafa hektaara shan tiraakteraan qotanii sanyii kiiloo 75 facaasuun callaa mishingaa kuntaala 302 kan argatan ta’uufi lafa hektaara tokkorraa hanga kuntaala 65tti kan argatan ta’uu dubbatu.

Sanyii filatamaa mishingaa utuu hinargatiin dura omisha nyaata maatiirraa hafu argachaa akka hinturre kan himan qonnaan bulaan kun, erga sanyii filatamaa mishingaa fayyadamuu jalqabanii as garuu omisha nyaatarraa hafee gabaaf dhiyaatu argachuufi qarshii guddaa argachaa jiraachuu dubbatu.

Giddugalli Qorannoo Qonnaa Faadiis sanyii filatamaa, xaa’oo, farra aramaafi ilbiisaa qonnaan bultootaaf kan dhiyeessu ta’uu himanii, akkaataa sanyii filatamaan itti facaafamus qonnaan bultootatti ni agarsiisa. Giddugalichi sanyii filatamaafi xaa’oo dhiyeessuun ala qonnaan bultoota bira dhaabbatee akkaataa sanyiin filatamaan itti faca’u qonnaan bultootatti agarsiisuudhaan qonnaan bultootaaf deeggarsa barbaachisu kan taasisuuf ta’uus eeraniiru.

Giddugalli Qorannoo Qonnaa Faadiis sanyii filatamaa, xaa’oofi farra ilbiisotaafi aramaa dhiyeessuun ala qaamaan maasaa qonnaan bulaarratti argamuun haala ittifayyadama galteewwan qonnaarrattis deeggarsa barbaachisu ni taasisa. Giddugalichi midhaan faca’e hanga walittiqabamee galutti maasaa qonnaan bulaa irraa utuu hinfagaatiin deeggarsaafi hordoffii barbaachisu kan taasisuuf ta’uus himaniiru.

Bara darbe qonnaan bultoonni naannoosaanii 20 ol sanyii mishingaa isaan facaasan irraa fudhatanii facaafataniiru kan jedhan Obbo Abdulqaadiir, qonnaan bultoonni kunneen akkaataa qophii lafasaaniirratti hundaa’uun lafa hektaara tokkorraa callaa kuntaala 50-70tti argataniiru. Qonnaan bultoonni naannoosaanii bu’aa sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ qabu sirriitti hubatee bal’inaan facaasaa jiraachuus eeraniiru.

Yuniyeniin Afran Qalloos sanyii filatamaafi xaa’oo qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jiraachuu himanii, yeroo omishni gahu ammoo qonnaan bultootarraa bitee tuuluun gatii madaala’aan gabaaf dhiyeessaa jiraachuus eeraniiru.

Lafa mishingaan irra ture waqtii bonaa ammoo jallisiin misoomsuun kuduraalee garagaraa kanneen akka shunkurtii, kaarotii, hundee diimaa, raafuu maramaa (hurumbaa) omishaa jiraachuu kan himan Obbo Abdulqaadiir, omisha jallisii motora boba’aa fayyadamu gargaaramuun adeemsisaa jiran gara elektirikiitti jijjiiruun baasii boba’aa irraa baraaramuuf hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Lafa hektaara shan qaban hunda waqtii bonaa jallisiin misoomsuuf bishaan gahaan naannoosaanii jiraachuu himanii, rakkoo cimaan jiru gatiin boba’aa qaala’uu ta’uu himanii, kanarraa ka’uun waqtii bonaa lafa hektaara lamaa hanga sadiitti omishaa jiraachuu ibsu. Lafa hektaara tokko jallisiidhaan misoomsuun gara qarshii kuma 300 kan gaafatu ta’uus eeraniiru.

Yeroo ammaa qonnaan bulaan akkuma qonna gannaa qonna bonaarrattis xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu kan himanii, omishaaleen qonnaatiif walittihidhamiinsa gabaa bal’inaan uumuunis barbaachisaa ta’uu himu.

Sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ jedhamu qoratee kan baase Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa ni galateeffanna kan jedhan qonnaan bulaan kun, mootumman naannoo Oromiyaafi Giddugalli Qorannoo Qonna Faadiis sanyicha baay’isanii gara isaaniitti waan gad buusaniif galateeffataniiru.

Obbo Abdulqaadiir dabalatee qonnaan bultoonni naannawaasaanii qonna bonaafi misooma jallisiirratti xiyyeeffatanii hojjechaa waan jiraniif bu’aa fooyya’aa argachaa jiraachuu himanii, walitti hidhamiinsa gabaa uumuun garuu dhimma xiyyeeffannaa barbaadu ta’uus eeraniiru.

Gaggeessaan Hojii Giddugala Qorannoo Qonnaa Faadiis Obbo Huseen Abiroo Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, giddugalichi dameewwan guguddoo ja’a irratti hojjechaa jira. Isaanis: qorannoo midhaanii, qorannoo beelladaa, qabeenya uumamaa, mahaandisummaa qonnaa, eegumsa midhaaniifi eksteenshinii qonnaafi hawaas dinagdeerratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Qorannoo midhaanii midhaan biilaafi agadaa, midhaan dheedhiifi dibataafi midhaan kuduraafi muduraa irratti qorannoo adeemsisa. Mishingaa, boqqolloo, lawuzii, saliixa, atara gabbataafi maashoon midhaanota qorannoon bal’inaan irratti adeemsifamaa jiruudha. Garee qorannoo kuduraafi muduraa ammoo buna Harargee irrattis qorannoo bal’aan adeemsifamaa jira.

Qorannoon buna Harargee irratti adeemsifamuu erga jalqabee waggoota afur ta’uu himanii, ammaan booda sanyiin buna Harargee omisha fooyya’aa kennuufi haala jijjiirama qilleensaa dandammatu erga adda bahee booda baay’atee babal’atee hawaasa bal’aa bira akka ga’uuf irratti hojjetamaa jira. Qorannoon eegumsa midhaaniin walqabatee adeemsifamaa jiru ammoo keemikaalota garagaraa dhiyeessuun dhukkuboota midhaanitti dhufan adda addaa ittisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhu.

Qorannoon mahaandisummaa qonnaatiin teknolojiiwwan qonnaa haala qilleensa naannawaa dandammatan haaraa baasuu, teknolojiiwwan qonnaa bakka birootti beekamaniifi bu’aqabeessummaan isaanii mirkanaa’e madaqsuufi baay’isuun ittifayyadamtootaaf dhiyeessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himanii, teknolojiin haaraa bahaniifi kanneen bu’aqabeessummaansaanii mirkanaa’e qonnaan bultootaan walbarsiisuun ammoo hojii garee eksteenshinii qonnaatiin raawwatamaa jiru ta’uu himu.

Ka’umsi sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ jedhamu giddugalicha ta’uu himanii, sanyii filatamaan mishingaa kun yeroo ammaa qonnaan bultoota hedduu bira gahee callaa guddaa argamsiisaa jira. Sanyii filatamaan mishingaa kutaala kuma hedduun lakkaa’amu qonnaan bulaadhaanis baay’ifamaa jira. Godina Harargee Bahaa, Aanaa Baabbilleetti qonnaan bulaan Abdulqaadir Mahaammad jedhamu sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ jedhamu lafa hektaara afur irra facaasuun bara darbe callaa kuntaala 180 argatee ture barana ammoo lafa hektaara shanirraa callaa kuntaala 302 kan argate ta’uu himu.

Qonnaan bulaan sanyii filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ jedhamu utuu fayyadamuu hinjalqabiin dura lafa lafa hektaara tokkorraa callaa mishingaa hanga kuntaala 20tti argamaa turuu himanii, mishingaan sanyii filatamaa hintaane faca’ee ji’a torbaa hanga saddeetii maasaarra tura. Sanyiin filatamaa mishingaa ‘Malkaam’ garuu faca’ee hanga ji’a afuriitti maasaarra waan turuuf aramaafi rooba xiqqaa dandammachuun omisha gahaa argamsiisaa jira. Qonnaan bultoonni sanyii filatamaa kana fayyadaman lafa hektaara tokkorraa callaa kuntaala 45 ol argachaa jiraachuu himaniiru.

Akka Obbo Huseen jedhanitti, giddugalichi lafa sanyii filatamaa irratti baay’isu Aanaa Baabbileetii lafa hektaara 45, Aanaa Faadisii ammoo lafa hektaara 4.5 waliigalatti lafa hektaara 50tti dhiyaatu qaba. Sanyii filatamaan giddugalichi qorannoodhaan baasu sanyii ka’umsaa (Early Generation Seed) jedhama. Sanyiin qorannoon bahe dhaabbilee sanyii filatamaa baay’isaniif, yuniyenoota, waldaalee bu’uuraafi qonnaan bultoota adda dureef kennamuun akka baay’ifamu ta’a.

Giddugalichi Yunivarsitii Haramaayaa dabalatee qooda fudhattoota sektara qonnaa waliin hojjechaa jiraachuu himanii, qindoominni kun teknolojii qonnaa galteewwan qonnaafi teknolojiiwwan qonnaa dhiyeessuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Giddugalichi damee belladaatiin ammoo sanyii beeladootaa fooyyessuufi horsiisa kanniisaa mala ammayyaan adeemsisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Giddugalichi hanqina humna namaa, galteewwanii, bajataa, lojistiksiiwwan akka konkolaataa, doqdoqqee, meeshaalee laaboraatoorii, tekinishaanota laabraatoorii utuu qabuu hojiilee omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gumaacha guddaa taasisan raawwachaa jiraachuu himanii, teknolojiiwwan giddugalichaan bahan baay’isuun hawaasa bal’aa biraan gahuun jijjiiramaafi bu’aa barbaadu fiduurratti hanqinni ni mul’ata. Qonnaan bultoonnis teknolojiiwwan bahan ittifufiinsaan fayyadamuurratti hanqina waan qabaniif eksiteenshinii qonnaa deeggarsaafi hordoffii barbaachisu akka taasisaniif gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 29 Bara 2017

Recommended For You