Waldaaleen hidha Abbayyaarratti gurmaa’an oomisha qurxummiirraa toonii 561.1 argatan

Finfinnee: Waldaaleen misooma qabeenya qurxummii hidha laga Abbayyaarratti gurmaa’an qurxummii toonii 561.1 argachuusaanii Biiroon Qonnaa Naannoo Beenishaangul Gumuz beeksiise. Biirichi bara 2017tti misooama qabeenya qurxummiirraa toonii kuma sadii omishuuf karoorfatee hojjechaa jira.

Biiroo Qonnaa naannichaatti Hoogganaa Ittaanaan Misooma Qabeenya Beeyladaafi Qurxummii Doktar Biraanuu Itichaa Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, hidhi laga Abbayyaa anniisaa elektirikaa maddisiisu bira darbee misooma qabeenya qurxummiirratti gumaachaa olaanaa taasisaa jira.

Yeroo ammaa kana dargaggootni waldaalaan gurmaa’uudhaan bu’aa abdachiisaan argamaa jira. Ji’a Adoolessaarraa eegalee hanga ammaatti hojii waldaaleen hojjetameen omisha qurxummii toonii 561.1 argamsiisuun danda’ameera.

Akka ibsa isaaniitti, ijaarsi hidha laga Abbayyaa akkuma xumuramaa deemuun lakkoofsi waldaaleen misooma qabeenya qurxummiirratti gurmaa’aanii dabalaa jira. Hanga ammaatti waldaaleen 62 gurmaa’uu himanii; isaan keessaa waldaaleen 22 hojii keessa galuudhaan bu’aa abdachiisaa galmeessuun danda’ameera.

Qaamolee bishaan biroorratti waldaaleen saddeet toonii 111akkasumas bakka bishaan kuufamee jiru (akkuwaakaalchar) irratti toonii 27.5 waliigala oomisha qurxummii toonii 700 irra ga’ee jira. Oomisha argame kana gabaa giddugaleessaafi naannawaa jirantti dhiyeessuun galiin qarshii miliyoona 28tti dhiyaatu argamuu ibsaniiru.

Hidhi laga Abbayyaa qabeenya Saboota,Sablamootaafi Ummattoota Itoophiyaa waggaatti dandeettii omisha qurxummii toonii kuma 22 omishuu akka danda’u ragaan qorannoo mul’isuu eeranii; bu’uura kanaan naannichi bara 2107tti toonii kuma sadii omishuuf karoorfatee hojjechaa jira.

Milkaa’ina hojii kanaaf biirichi galteewwan hojii kanaaf barbaachisan kanneen akka qabbaneessaa (firiijii), bidiruu xixiqqoo bishaanirraa ittiin yabalan, saaphan qurxummii ittiin qaban, dabalatee biyya alaarraa waan galuuf gurmaa’insi waldaalee abbootii qabeenyaa waliin walitti akka dhufuuf deggersi barbaachisaan taasifamaa jira.

Muuxannoon misooma qurxummii naannicha keessaa jiru qaamolee bishaanii bakka walitti qabameefi lageenirratti waan ta’eef hidha namtolcheerratti misoomsuun walqabatee hanqina dandeettii mul’achaa jira. Rakkoolee kunneen furuuf namoota gama kaanan muuxannoo ga’aa qaban Baahirdaar,Aarbaaminciifi Baatuurraa fiduun qaawwaa hanqina dandeettii mul’ate furuuf hojjetamaa jira.

Deggersa teekinikaa biirichaan kennamaa jirutti dabalee bidiruu mala aadaan qophaa’an afur hojii kana deggeruuf birichaan qophaa’aa jira. Akkuma xumurameen dargaggoota Gumuz nagaa buusuuf bosonaa deeb’an hojii keessa galchuuf qophaa’aa jiraachuu himanii;. galteewwan qarshii miliyoona 4.6 hojii Ministeera Qonnaarraa kennamme akka barbaachisummaasaatti akka raabsamuuf ibsaniiru.

Waliigalaan hojiin misooma qabeenya qurxummii naannicha keessatti hojjetamaa jiru sochii maaddii guutuu akka biyyatti eegalame galmaan ga’uu keessatti shoora olaanaa akka taphatus hubachiisaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 28 Bara 2017

Recommended For You